Chelsiin ji'a torba osoo hin guutin leenjisaa Girahaam Pootar gaggeesse

Chelsiin tapha Dilbata kaleessaa Astoon Viilaa waliin taphateen 2 fi 0 dhaan akkuma mo'ameen leenjisaa isaa erga gara kilabichaa dhufee ji'a torba hin guunne Girahaam Pootar ari'e.

Erga leenjisaan kun Fulbaana 8 Biraayitan irraa dhufuun leenjisaa duraanii Toomaas Tuhel bakka bu'ee as Chelsiin taphoota 31 keessaa 11 mo'ameera.

Chelsiin sadarkaa afraffaarraa qabxii 12n fagaatee qabxii 38 qabatee sadarkaa 11ffaarra jira.

Garuu bara kana kan akka Chelsii maallaqa guddaa taphattoota bituurratti baase hin jiru. Paawondii miiliyoona 350 baase.

Abbootiin qabeenyaa kilabichaa Pootar ari'amuusaatti ''baayyee mufatan.''

Pootar hanga itti gaafatamummaa dabarsee gargaaraa leenjisaa Biraayitan Biruunoo Saaltaritti kennutti akka haala mijeessu walii galeera.

Abbootiin qabeenyaa Chelsii- Tood Boohelii fi Bahdaad Eegbaalii Pootariif akka namummaattis ta'e akka leenjisaatti kabaja guddaa akka qabaniif ibsan.

Chelsiin ammas qormaata cimaa of duraa qaba. Kibxata itti aanu Piriimiyer Liigii Liivarpiil waliin taphata.

Bitootessa 12 ammoo Chaampiyoonsi Liigii Maadiriid waliin qaba.

Piriimiyer Liigii Ingilizii keessatti akka baranaa leenjistoonni jijjiiramanii hin beekan. Kan baranaa kan bara darbee sadiin caala.

Pootar malee Leestar Siitiinis leenjisaa isaa Bireendaan Roojarsi ari'eera.

Pootar akka leenjisaa Chelsiitti taphoota 31 keessaa 12 qofa mo'atan. Qabxiin tapha tokkorratti argataa turan kan leenjistoota Chelsii duraan turan hundaa gadidha.

Gameessi kubbaa miillaa umrii waggaa 42 lammiin Ispeen Biruunoo Saaltar bara 2019 soorama ba'uun gara leenjisummaatti seenuun dura waggoota torbaaf Biraayitan keessa taphateera.

Boohelfaan erga bara 2022 keessa Chelsii bitanii Girahaam Pootar leenjisaa jalqabaati.

Leenjisaan kun waggoota sadan Biraayitan waliin dabarsaniin ija abbootii qabeenyaa Chelsii keessa seene.

Pootar leenjisaa Chelsii duraanii Tuhel kan kilabicha waliin ji'oota 20 keessatti waancaa sadi nyaatan bakka bu'uun Fulbaana darbe dhufe.

Wayita inni dhufu Chelsiin sadarkaa ja'affaarra ture, ganna sana paawondii miiliyoona 255 jijjiirraa taphattootaatti baaseera.

Isa booda erga inni dhufee abbaan qabeenyaa kilabichaa Boohelii paawondii miiliyoona 288 baasuun taphattoota dabalee bite.

Lammiin Arjantiinaa Eenzoo Farnaandeez fi Maayikaahiloo Madrik taphoota Chelsiin maallaqa guddaan bite saddeet keessaati.

Garuu taphattoota maallaqa guddaadhaan bituun bu'aansaa Chelsiidhaaf dirreerratti hin mul'anne.