Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Leenjistoonni Liivarpuuliifi Chelsii mo'aman dubbiin itti jabaate
Taphoota Pirimiiyeer Liigii Ingilizii guyyaa Sambata kaleessaa taphatameen Maanchistar Siitiifi Arsenaal injifataniiru, morkii waancaa ol kaasuuf taasisaniis itti fufan.
Faallaan immoo Liivarpuliifi Chelsiin mo'amanii rakkoon itti hammaatte. Sababa kanaan leenjistoota irratti dubbiin jabaataa jira.
Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloopp isa gareen isaanii Maanchistar Siitiidhaan 4fi 1’n injifatame ‘’fudhatama hin qabu’’ jechuun qeeqaniiru.
Sanuu taphataan Maan Siitii Halaand dirree osoo hin seeniini galchii hammanaan kan mo'aman.
Bara dorgommii darbe kilaboonni lamaan yeroo wal morkatan abbaa injifatu tilmaamuun nama dhiba ture. Morkiinis jabaa ture.
Tapha kaleessa dirree Maan Siitii Etihaad irratti taphatameen garuu olaantummaan garee Peep Gaardiyoolaa mul’ateera.
Dursee kan galchee garuu Liivarpuul ture. Mohaammad Saalah daqiiqaa 17ffaa irratti galche.
Daqiiqaa 10 booda garuu taphataan Arjantiinaa Huliyaan Alvaarez Maanchistar Siitiin akka qixxaatu taasiseera.
Boqonnaa booda Keevin De Biruuyina, Ikaay Gundogaaniifi Jaak Giriilish lakkoofsisanii Maanchistar Siitiin qabxii sadii galmeeffate.
Maanchistar Siitiin yeroo sadaffaaf walitti aansee waancaa Pirimiyeer Liigii ol kaasuuf morkii cimseera.
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal immoo Sambatuma kaleessaa Liidsiin 4fi 1’n injifatee waancaatti imalaa jira.
Chelsiin immoo Aston Vilaadhaan dirree ofiirratti 2fi 1’n mo’ame.
Siitiidhaan kan mo’ame Liivarpuul waancaaf osoo hin taane bara dhufu Chaampiyeens Liigii irratti hirmaachuuf illee carraan isaa dhiphaadha.
Ittisaan duraanii Maanchistar Yunaayitid Riyoo Ferdinaand haalli amma jiru Liivarpuliif ‘’yaachisaadha’’ jechuun dubbate.
Alan Shiirar gama isaatiin gaafa Sambataa Liivarpuul ‘’baay’ee dadhabee ture’’ jechuun waan taajjabe hime.
Bara dorgommii 2022/23 Liivarpull tapha kaleessaa dabalatee si’a sagal mo’ameera. Kanneen keessaa si’a saddeet dirreen ala mo’aman.
Waggaa darbe Liivarpuul morkii jabaa taasisee qabxii tokkoof jedhee waancaa Pirimiyeer Liigichaa dhabe.
Waancaa Chaampiyeens Liigii Awuroppaafis dhaqqabee Maadiridiin mo’amee ture.
Barana garuu waancaa lamaanirraayyuu fagoo jira.
Leenjisaan liivarpuul Yargan Kiloopp kilabiin isaanii irra-deddeebiin barana rakkoo ga’umsaa akka mul'ise himaniiru.
Eega Maanchistar Yunaayitid galchii hedduun injifatan booda garuu miirri taphattoota isaanii kaka’ee ture.
Tapha Siitii irratti ‘’galchiiwwan lama walitti aansee nutti seenuun isaa wanta baay’ee ballesseera,’’ jechuun BBC’tti dubbatan.
‘’Nutis hin falmanne. Dhugaa dubbachuuf fudhatama hin qabu.‘‘
Galchiin dabalataa nutti seenuu dhabuun isaatuu nuti ‘‘carraa qabeessa‘‘ jechuun dubbatan.
Gareen Yargan Kiloopp bara dorgommii baranaa waancaa homaatu hin kaasne, carraa kaasuus hin qaban.
Kanarrattimmoo sadarkaa liigichaan tokko hanga afurii xumuruuf carraan qabanis xiqqaadha.
Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa gareen isaanii yeroo galchu taphattoota Livarpuul fuuldura gammachuu ibsuu isaanii xiinxaltoonni qeeqaniiru.
Leenjisichi dhimma kana gaafatamanii fudhatama dhabsiisan.
Yaaddoo leenjisaa Chelsii
Leenjisaan biraa dhiibbaan itti cime leenjisaa Chelsii Giraaham Pootaridha.
Tapha Sambata kaleessaa dirree ofiirratti Chelsiin Astoon Viilaa keessummeessee galchuuf guddoo yaalus, hin milkoofne.
Chelsiin si’a 27 kubbaa galchii taatu yaalee, taphicha 69% to’atee ture. Garuu 2fi 0’n mo’amuurraa isa hin oolchine.
Kilabiin Landan kuni bara dorgommii baranaa galchiiwwan 29 galche. Kilaboonni liigichaa 12 kaan kana caalaa galchaniiru.
Chelsii caalaa kilaboonni godina balawaa keessa jiran kanneen akka Liidsiifi Leestar idama galchii Chelsiirra wayyoo ta’e qabu.
Yeroo ammaa gareen Giraaham Pootar sadarkaa 11ffaa irratti argama.
Abbaan qabeenyaa haaraa Chelsii Tood Bohlii kilabicha cimsuuf paawundii miiliyoona 550 ol baasaniis jijjiiramni mul’ataa hin jiru.
Kunis leenjisicha irratti dhiibbaa itti cimsaa jira.
Deeggartoonni kilabichaa ‘Pootar haa bahan’ jechuun yeroo mufii ibsan dhagahamaniiru.
Bara dorgommii baranaa Chelsiin dirree ofiirratti si’a afur yoo mo’amu, si’a afranuu galchuu hin dandeenye ture.
Waancaa Chaampiyeens Liigii irratti kan falmataa jiru Chelsiin Riyaal Maadiriid waliin ramadameera.
Taphattoota duraan dabalatee xiinxaltoonni Chelsiin leenjisaa kana ari'u qabu jedhu. Kaanimmoo kana mormu.