Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha akkaan eegamu Maan Siitii fi Liivarpuul dabalatee taphoota torbee kanaan eenyutu boojuun gala?
Torbee kana taphoonni Piriimiyer Liigii kilaboota kaaniif carraa olba'uu, kaaniif gadi bu'uu qabatee dhufu hedduun ni gaggeeffamu.
Xiinxalaan kubbaa ispoortii BBC Kiriis Suutoon taphoonni hunduu akkaan murteessoo ta'anis, nama tokkoof garuu tapha kanarraa qabxii argachuun murteessaadha jedhe- Deeviid Mooyis jechuusaati.
''Leenjisaan Westhaam Deeviid Mooyis dhiibbaa guddaa jala jira. Gareensaa kilaba qarqara irra jiru Saawuzhaampitaniin yoo mo'ame carraansaa fokkisaa ta'a,'' jedhe.
Suutoon taphoota Piriimiyer Liigii tilmaamuun beekama, torbee kanaaf deeggaraa Evartan kan ta'e Tommy o'Dell'n faallaa tilmaameera.
Taphoota Sambata borii irraa eegaluun hanga Wiixataatti taphataman keessaa kan Maanchistar Siitii fi Liivarpuul akkaan eegama.
Arsenaal ta'us liigicha dursuu itti fufuuf Leeds Yunaayitidiin akkaan falmachuu qaba.
Taphoota Sambataa (sambata xiqqaa)
Taphi tokko osoo hafeefii jiruu qabxii saddeetiin Arsenaal booda hafee lammaffaarra kan jiru Maanchistar Siitiin kilaba bara kana milkii gaariirra hin jirre Liivarpuul waliin taphata.
Falmiin dirree Maanchistar Siitii Itihaad irratti gaggeeffamu kun falmii salphaa hin ta'u kan jedhu Suutoon, ''Liivarpuul irraa qormaati guddaan isa mudachuu mala, garuu Siitiin tapha kana 3 fi 1n ni mo'ata,'' jedhe.
Toomiin ammoo gamasaan Siitiin tapha kana 2 fi 0 dhaan injifata jechuun tilmaame, garuu gara liigicha dursuutti ni dhufa jedhee akka hin yaadne hime.
Guyyaama kana akka biyyaatti sa'atii 11 irratti dursaan liigichaa Arsenaal qabxii 26n sadarkaa 14ffaarra kan jiru Liids Yunaayitid dirreesaa Imireet irratti ni keessummeessa.
Arsenaal ga'umsa ajaayibaarra jiraatus imala gara waancaa taasisaa jiru cimsachuuf tapha kanarraa qabxii sadi argachuun akkaan isa barbaachisa.
Liids taphattoota ciccimoo dandeettii ajaayibaa qabaniin kilba kamuu injifachuu danda'aniin kan guutame ta'us fuulduratti ba'anii daqiiqaa 90 hin taphatan.
Dandeettii kana tapha intarnaashinaalaaf boqonnaa ba'uu dura Wolvisiin 4 fi 2n mo'achuun mirkaneessaniiru.
Arsenaal ammoo liigicha gubbaa turuuf waan dandeettiisaa hunda raawwata, erga Guraandhala darbe Maanchistar Siitiidhaan mo'amanii as taphoota ja'a walitti aansanii mo'ataniiru.
Keessattuu erga taphataa collee sarara fuulduraa yeroo dheeraaf miidhamaan dhabee ture Gaabreel Jesuus dirreetti deebi'ee hamileen kilabichaa akkaan cimeera.
Suutoon tapha kana Arsenaal 2 fi 0 dhaan mo'ata jedhee tilmaame, Toomiin ammoo Arsenaal 0 fi 1'n mo'amuun qabxii gata jedhe.
Raawwii fooyyee qaburra kan jiru Fulhaam ammoo kilaba bu'uuf qarqara irra jiru Bournemouth waliin sa'atii walfakkaataa irratti dirree Bournemouth Vitality irratti taphatu.
Tapha Piriimiyer Liigii baranaa keessatti yeroo tokko qofa kan mo'ate Bournemouth qabxii tokko qofaan Saawuzhaampitan caalee qabxii 24n sadarkaa 19ffaarra jira.
Kilabni kun liigicha keessa turuuf tattaaffii salphaa hin taane waan taasisuuf taasisuuf Fulhaamiif salphaa miti jedhe Suutoon.
Kanarratti ammoo Fulhaam taphattoota ijoo yeroo darbe FA irratti kaardii diimaa argatan Aleksaandar Mitrooviich fi Wiiliyaam malee taphata.
Suutoon taphi kun goolii tokko walqixa xumurama jedhee tilmaame, Toomiin ammoo Fulhaam goolii 2 fi 1n mo'ata jedhe.
Qabxii walqaixa 42n walcaalmaa gooliitiin walduraa duubaan sadarkaa 7ffaa fi 8ffaarra kan jiran Biraayitan fi Bireentifoord dirree Biraayitan Faalmer irratti waliif ba'u.
Kilaboonni lachuu raawwii ajaayibaarra jiru, salphaatti hin mo'aman, kanaafuu tilmaamuun nama rakkisa jedhe Suutoon.
Leenjisaan Bireentifoordi Toomaas Firaank yeroo fedhanitti haala ilaalanii akkaataa taphaaa jijjiiruun qabxii argachuuf nama dandeettii qabaniidha jedhe Suutoon.
Biraayitanis salphaa miti, Bireentifoordi goolii galchuu danda'u garuu olaantummaan kan Biraayitan ta'a jedhe. Tilmaamni inni kaa'es 2 fi 1, Toomiin ammoo faallaa isaan 0 fi 2n olaantummaa Bireentifoordiin xumurama jedhe.
Raawwii gadi aanaa booda leenjisaa isaa Paatiriik Veeyiraa kan gaggeesse Kiristaal Paalaas ammoo dirree isaa irratti Leestar Siitii keessummeessa.
Kilaboonni lameenuu raawwii gadi aanaarra jiru, erga yeroo dhihoo as mo'atanii hin beekan.
Suuton taphni kun qabxii tokko walqixa xumurama jedhe, Toomiin ammoo Paalaas 3 fi 1n mo'ata jechuun tilmaame.
Taphni Notiinghaam Foorast fi Wolvis waliin taphatanis tapha tilmaamuuf nama dhibu akka Suutoon jedhutti.
Lameenuu kilaboota qabxii gajjallaa sagal keessa jiru. Taphattoonni Foorast hamilee addaa qabu, garuu tapha kana Wolvis 1 fi zeeroodhaan injifata jedhe Suutoon.
Toomiin ammoo goolii malee gargar ba'u jedhe.
Qabxii walqixaa 38n gooliidhaan walcaalanii walduraa duubaan sadarkaa 10ffaa fi 11ffaarra kan jiran Chelsea fi Astoon Viilaan dirree Istaamfoordi Biriij irratti walargu.
Astoon Viilaan leenjisaa Unaay Emirii jalatti raawwii ajaayibsiisaa argamsiisaa jira. Taphoota shanan darban keessaa sadi mo'ate.
Astoon Viilaan raawwii caalmaa agarsiisuu mala garuu ija guutee qabxii kennuufii hin danda'u jedhe Suutoon, taphichi goolii 2 fi 1n olaantummaa Chelsiin xumurama jedhe.
Toomiin ammoo Chelsiin 2 fi 0 dhaan mo'ata jedhe.
Taphoota Dilbataa...
Kilaboonni liigicha keessa bu'uuf qarqara irra jiran West Haam fi Saawuz Haampitan dirree West Haam- Landan irratti walargu.
West Haam bara kana rakkoo guddaa keessa jira, hammanni mo'erra hamma mo'ametu caala.
Ammas qabxii kana ni argata jedhanii tilmaamuun nama dhiba.
Suutoon fi Toomiin taphi kun goolii tokko walqixa xumurama jedhaniiru.
Taphni Maanchistar Yunaayitid fi Niwukasil Yunaayitid taphoota akkaan eegaman keessaati.
Tapha bara kanaa keessatti waa'ee raawwii Maanchistar Yunaayitid kana jedhanii dubbachuun nama dhiba jedha Suutoon.
Garuu kilaboonni lameenuu salphaatti warra qabxii gatan miti, kanaafuu taphichi cimaa ta'a.
Maanchistar Yunaayitid erga Liivarpuuliin goolii 7 fi 0 dhaan mo'amee hamilee guutuutti hin deebi'in jira.
Tapha FA irratti olaantummaan Fulhaam irratti argate garuu hamilee garechaaf salphaa miti.
Taphi kun sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaa keessa turuuf akkaan murteessaadha.
Suutoon Maanchistar 2 fi 1n mo'ama jedhee tilmaame, Toomiin ammoo faallaa kanaan Maanchistar 2 fi 1'n ni mo'ata jedhe.
Wiixata- Evartan v Tootanhaam
Taphi torbee kanaa tapha Evartan fi Tootanhaam Wiixata dhufu taphataniin xumurama.
Suutoon qabxii kana murteessuuf yeroo sadi yaada baasee buuseera jedha, murteessuun natti ulfaate jedhe.
Tootanhaam Antooniyoo Kontee malee qabxii fooyya'aamoo gadi bu'aa galmeessa kan jedhu yeroo itti ilaalluudha.
Warri Isparsi erga Kontee gaggeessanii leenjisaa biraa barbaacha hin deemne, Kontee lammaffaan- Kiristiyaan Isteeliinii isaaniif jira waan ta'eef.
Leenjisaan kun yeroo dheeraaf Kontee bakka bu'uun kilabicha durseera.
Tootanhaam tapha intarnaashinaalaaf ba'uu dura Saawuzhampitan waliin walqixa ba'ee qabxii gate.
Qaaniin isa mudate kun gaggeeffamuu Antooniyoo Konteef sababa battalaati.
Tapha Konteef isa xumuraa ta'erratti Saawuzhampitan Tootanhaam irratti olaantummaa guddaa argatee ture.
Suutoon qabxii tapha kanaa 2 fi 1 wayita tilmaamu, Toomiin ammoo 3 fi 0 tilmaame. Lameenuu Evartan ni mo'ata jedhan.