Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Halaand gara Maadiriid deemaa? Carraan Rashfoord kontiraanni jalaa dhumaa jiruu eessa isa geessa?
Kilabiin guddichi Ispeen Riyaal Maadiriid taphataa goolii galchuun umurii xiqqaarra osoo jiruu rikkardiiwwan cabsaa jiru Erliing Halaand yoomiyyu, eessattiyyu biraa hin hafu jechaa jira.
Riyaal Maadiriid sochii 'Operation Halland' jedhu gara qe'ee isaatti fidatu akka haaraatti jalqabeera.
Taphataa lammii Noorway umurii waggaa 22 kana Maanchester Siitii irraa mallatteesisiifachuuf 'boollan hin seenne hin qabu, dhakaan hin galagalchines hin qabu' jechaa jira Maadiriid.
Riyaal Maadiriid jifataa kana Ingiliiz irraa gara Ispeen fiduu kan barbaade bara 2024 keessa yoo ta'u, gatiin ittiin fudhachuu barbaade ammoo Yuroo miliyoona 240 ta'uu danda'a jechuun gaazexaan Ispeen AS jedhamu gabaaseera.
Bara darbe kilaba Jarman Boorsiyaa Doortimand irraa Yuroo miliyoona 60n gara Maanchester Siitii kan dhufe Halaand, bonasii malee torbanitti miindaa Paawondii 375,000 argata.
Taphataan 'Maashinii goolii omishu' jedhamaa jiru kun Doortimandiif s'a 88 taphatee gooliiwwan 85 galcheera.
Maanchester Siitiidhaaf bakka Serji'oo Aguweeroo kan bu'e Halaand, yeroo waggaa hin guutne keessatti Siitiif hanga ammaatti taphoota 37 taphatee goolii 42 galcheeraaf.
Goolii lakkoofsisuu qofaa osoo hin taane taphataan kun rikkardiiwwan hedduu taphattoonni umurii kanatti bira hin geenye qaqqabaas jira.
Oduu kubbaa miilaa Awurooppaatii dhaga'amaa jiru birootiin ammoo Baayer Muniik leenjisaa isaa umurii waggaa 35 Juliyaan Naagilsimaan ari'eera.
Bakka isaa ammoo lammii Jarman kanaan dura PSG fi Chelsii leenjisaa ture Tomaas Tucheliin qacarachuuf akka jiru miidiyaaleen Jarman gabaasaa jiru.
Jifataan Maanchester Yunaayitid fi Ingilaand Maarkas Rashford kontiraata Maan Yunaayitid waliin qabu dheereffachuu akka hin barbaadne himameera.
Rashford waliigaltee Maanchester Yunaayitid waliin qabu dheereffachuu kan shakkeef, kilabichi gurgurtaaf waan dhiyaateef abbaan kilaba kanaa eenyu ta'a kan jedhu hanga murtaa'utti jedhee akka ta'e ibsameera.
Leenjisaa isaa Antooniyoo Kontee waliin atakaaroo keessa seenee kan jiru Tootenhaam ammoo ija isaa Naagilsimaan irra godhateera jechuun Futbool Landan gabaaseera.
Oduu jijjiirraa taphattoota biroon...
Chelsii, Maanchester Siitiifi Niiwukasil Yunaayitid taphataa sarara cinaa Juuventuus umuriin isaa waggaa 19 ta'e Saamu'eel Iliingiin mallatteessisiifachuuf wal morkataa jiru.
Arsenaal ammoo dargaggeessa Baarseloonaa Aliyaas Akomaach mallatteessisiifachuuf AC Miilaan fi Siiviyaa waliin dorgomaa jira.
Masaanota walii ta'uun kan beekaman Liiverpuul fi Maanchester Yunaayitid ammoo akkuma kanaan dura taphataa wal saamuun fudhatan taphataa Malmaay jedham anatu fudhataa irratti irratti kokkee wal qabaa jiru.
Akka gabaasa Mirror mul'usutti taphataan umuriin usaa waggaa 41 ta'e Malmaay Pool Miishel ganna dhufu keessa Monaakoo gadhiisa jedhameera.
Maanchester Siitiifi PSGn ammoo taphataa dargaggeessa ol adeemaa umuriin isaa 16 ta''e lammummaan isaa Kirooshiyaa Luukaa Vuskooviich irratti wal morkataa jiru.
Jifataa lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 19 ta'e Jovaanii mallatteesisiifachuuf Niwukasil waliin dorgomaa kan jiru Everton ammoo jifataa isaa lammii Firaans ta'e Niiloo Mootee ganna dhfu kana akka gurguru gabaafameera.
Taphataa lammii Arjentiinaa umuriin isaa amma waggaa 35 guute Mesiin PSGn erga dorgommii Shaampiyoonsii Awurooppaa keessaa baheen booda waan itti tolaa jiru miti.
Kanaaf, carraa taphataan kun gara Baarseloonaaatti deebiyu banaadha jedhamaa jira.