Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Piriimer Liigiin Ingilizii bakka Muslimootaaf mijataa ta'edha' - Taphataa Evartan Dukuuree
Hordoftoota amantii Islaamaa biratti bakka guddaa kan qabu soomni ji'a Ramadaanaa jalqabamee amma torban tokkoo ol ta'eera.
Piriimer Liigii fi dorgommiiwwan tapha kubbaa miilaa lameen Ingiliiz qabdu keessa walumaagalatti taphattoonni Muslimaa 253 ol ni jiru jedhama.
Maddi odeeffannoo Nujum Sports jedhamu akka ibsetti, lakkoofsi kun dhibbeentaan wayita ibsamu taphattoota jiran keessaa harka shan ta'uusaati.
Taphattoonni Muslimoota ta'an kunneen yeroo taphaa fi leenjii isaaniittis ta'e yeroo kamuu ji'a kana guutuu soomaan dabarsu.
''Ramadaana baayyeen jaalladha,'' jechuun taphataan sarara gidduu Evartan Abdullaayii Dukuuree BBCtti hime.
''Amantiin kiyya utubaa jireenya kiyyaati,'' jedha taphataan kun.
''Dursi kan kennamuuf amantiifi. Hojiin isa booda dhufa. Lamaanuu walfaana deemsisuun ni danda'ama. An kana raawwachuu kootti baayyee carra qabeessa,'' jedha.
Dukuureen yeroo qabutti gargaaramuun Masjiida deemee salaata. Manattis taanaan amantiisaa akka hin daganne dubbate.
''As ga'uu koof bu'uurri amantii kooti''
Abdullaayii Dukuuree maatii warra Maalii irraa magaalaa Faransaayitti dhalate.
Bara 2016 kilaba Faransaay keessa ture gadhiisee Watfoordiif mallatteessuun jireenyasaa Ingilaanditti eegale. Yeroo ammaa ammoo Everten keessa taphachaa jira.
Kilabi isaa bara 2019 Piriimer Liigii keessaa bu'uun garee sadarkaa gadiitti wayita makamu Evartan Dukuureetii paawondii miiliyoona 20 kaffaleef.
Leenjisaa garee Evartan Shoon Daayish jalatti leenjii dadhabsiisa ta'e erga taasisee booda taphataan umrii waggaa 30 kun, amantiisaa jabina akka ta'eef hime.
''Maatiin kiyya namoota amantii akkaan hordofanidha. Muslima amala gaarii ta'uu kanan danda'e isaan jalaa baradheeni. Kun anaaf baayyee barbaachisaadha. Amantii kiyya bu'aa ba'ii hedduu akkan qaxxaamuru na gargaareera,'' jedhe.
''Kubbaa miillaa keessattis ta'e jiruu dhala namaa kaan keessatti qormaati ni mudata. Kubbaan miillaa dorgommii kufuu fi darbuu qaba. Yeroo gaarii osoo hin tapahatin hafta, yeroo kaan ammoo miidhamaan dirreen ala taata,'' jedha Abdullaayii Dukuuree.
''Amantiin koo haalota kunneen akkan keessa darbu na gargaareera. Waaqi jabinasaa waan naaf kenneef nan galateeffadha.''
Dukuuree fi maatiin isaa magaalaa Maanchistar jiraatu. Guyyuu Masjiida kaluu isaa jiru deema.
Hordoftoonni amantii Islaamaa wayita inni gara Masjiidaa deemu gammachuun akka simatan hime.
Miirri jaalalaa fi kabajaa kun Masjiida bira darbee Piriimiyer Liigii fi akka waliigalaatti Ingiliiz keessatti akka mul'atu dubbata Dukuuren.
''Asitti bilisummaa qabna. Fudhatamas qabna. Piriimiyer liigii keessatti akka fedha keetti jiraachuu dandeessa. Namni amantii keessa seenu hin jiru.''
Biyya itti dhalatee guddate Firaansi fi biyya amma jiraatu Ingiliiz gidduu gama kanaan garaagarummaa guddaan akka jiru hime.
''Ingiliiz biyya fakkeenya ta'uu dandeessuudha,'' jedhe Dukuuren.
Taphataan kun durumaan gara Ingiliiz imaluuf fedha guddaa qaba ture, amma ammoo jireenyasaa guutuutti achi taasisuu fedha.
''Piriimiyer Liigiin Ingilizii taphattoota Muslimoota ta'aniif iddoo mijataadha,'' jedhe.
''Taphataa mudaa hin qabne'' - Saalaah
Evartan keessatti taphattoota jiran keessaa sadi Muslimoota- Dukuuree, lammii Senegaal Idriisaa Geeyyoo fi lammii Beeljiyem Amaduu Onaanaa. Amaduu Onaanaa garuu bara kana gara Aston Viilaatti jijjiirameera.
Sadeenuu dirree keessattis ta'e dirreen alatti hariiroo gaaruu ta'e qabu. Kutaa uffannaa keessatti Idriis imaama ta'ee isaan salaachisa. Guyyaa Jum'aa ammoo waliin Masjiida deemu.
''Yeroo hunda waliin kadhanna. Idriis umriinis waan nu caaluuf, gorsa fooyya'aas waan nuuf kennuuf isatu nu dursa,'' jedhe Dukuuren.
Abdullaayii Dukuuree taphattoota Muslimoota ta'an- morkattoota isaa Saadiyoo Maanee fi Mohammad Saalaah akka dinqisiifatuu fi fakkeenya akka isaaf ta'an hime.
Maaneen gara Muunik deemuun dura Liivarpuul Muslimoota lama fuuldura hiriirsaa ture.
''Adda addummaa kilaboota lameen gidduu jiru nan beeka. Garuu Mohaammad Saalaah akka nama tokkootti nan jaalladha,'' jedhe Dukuureen.
Dukuureen Saalaah fakkeenya godhachuu isaaf sababa wayita ibsu, ''inni taphataa amantiin Islaamaa maal akka ta'e namoota baruu barbaadaniif gochaan ibseedha. Kunis raawwii inni dirree keessatti agarsiiseeni,'' jedhe.
''Ramadaana guutuu isaan sooma''
Kilabii Evartan keessatti taphattoonni Muslimoota ta'an Dukuure, Onaanaa fi Idriis akkasumas gooli eegaan lammii Bosniyaa Asmiir Beegoviich ji'a Ramadaanaa ni soomu.
Hoogganaan Damee Sirna Soorataa kilabichaa Looyid Paarkar taphattoonni kunneen akkaataa amantii fi aadaa isaanii hin miineen soorata kaarboohaayidireetii akka fayyadaman gorsa.
Obboroo osoo soomi hin eegalamin dura marqa, killee yookiin ammoo daabboo damma waliin akkasumas cuunfaa (juice) fayyadamu.
Wayita sooma hiikan- ifxaara irratti ammoo shorbaan eegalanii isa booda paastaa yookiin ruuza nyaatu. Sana booda fuduraalee sooratu.
''Ji'a Ramadaanaa keessa guyyaa tokkollee osoon irra hin utaalinan sooma,'' jedhe Dukuuren.
''Waanan itti bareef amma naaf salphataa dhufeera. Umrii kiyya waggaa 12 irraa eegaleen soomaa as ga'e. Qaama kiyya bareecheen beeka. Ciree gaarii yoon sooradhe guyyaa guutuu nan oola.''
Ji'a Ramadaanaa keessa leenjiin kamuu akka isa hin darbine kan himu Dukuuren, sheefiin [nama nyaata qopheessu] kilabichaa waan barbaachisu hunda qopheessee akka isaan eegu hime.