Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mohammad Saalaa ilaalcha namoonni amantii Islaamaa irratti qaban akkamiin fooyyeesse?
Waggaa shan dura bara 2017 kilaba Roomaa irraa Liivarpuul kan seene mootiin kubbaa miillaa lammii Masrii Mohammad Saalaa, ammas waggoota sadan dhufaniif kilaba kana keessa turuuf mallatteesseera.
Kanaanis namoonni hedduun boqonnaa fi gammachuu guddoo argatan.
Saalaan jalqabuma wayita Liivarpuul seenu taphataa collee goolii hedduu galche ta'e, isa booda kilabasaa chaampiyoonaa Awurooppaa fi Ingiliiz taasisuu keessatti qooda olaanaa gumaacheera.
Oolee bulee beekamtii daangaa hin qabnetti seene, dirree keessatti amala agarsiisuun qalbii namaa booji'e.
Taphataa gameessi kun hojii tola ooltummaa barnoota, fayyaa fi mirga bineensota airratti hojjeteen badhaasa gonfateera.
Mohammad Saalaa hundaa ol ija hawaasa addunyaa keessa kan galche wayita goolii galchu yeroo hunda sujuudii bu'uu (addasaa dirreen wal-tuqsiisee waaqa kadhachuu) isaati.
Gochi isaa kun namoota kubbaa miillaa hin hordofnellee akkaan hawwateera.
Bara 2015 namni tokko waa'ee taphattoota waan amantii Islaamaan walqabatu dirree keessatti mul'isanii ''kabaja nama dhowwachuudha'' jechuun erga barreessee booda akkaan qeeqameera.
UK Yuuniversitii Angliyaa jedhamu keessatti siyaasa idil-addunyaa kan barsiiftu Dr Solava Ibrahim, ''amantiin Islaamaa shororkeessummaa, hookkara yookiin miidhaa dubartootaan walqabsiifamee hubatamuun'' namoonni akkasitti taphattoota kunneen akka hubatan sababa ijoodjha jette.
Waggaa dheeraaf deeggartuu Liivarpuul kan taate Dr solava Ibrahim, tibba Mohammad Saalaa sijuudii bu'uu eegalu battalli ture akkaan qalbii namaa hawwate jette.
Deeggartoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman Mohammad Saalaa ''Kennaa Allah (waaqaati). Yoo inni goolii lammaffaa galchu anis Musliman ta'a,'' jechaa turan.
''Fudhatamummaa qofaaf osoo hin taane fakkeenya akka ta'u agarsiisaa ture. Biyyoota Arabaa, Baha Giddugaleessaa fi Afrikaa qofaaf osoo hin taane dargaggoota UK'f fakkeenya ta'uu ture kaayyoonsaa,'' jette.
Kilaba Liivarpuul bakka bu'uun biyyoota Arabaa keessatti kan hojjetu Najib Al-Hakimi wayita dargaggoonni Mohammad Saalaa jaal'achuun faarsan akkaan ajaayibsiifachuu hime.
''Sababni isaa namoonni Muslimoota akka waan shororkeessitootaa fi namoota waan didaniitti fudhatu.''
Garuu gochaansaa ilaalcha kana akka jijjiiruu danda'u mul'ise jedha Najiib.
Ergasii deeggartoonni hedduun biyyoota Arabaa irraa gara Anfiildi imaluun akka Mohammad Saalaa daawwatan hime.
''Dargaggoonni hedduun qomee isaa uffatu, waa'eesaa dubbatu, gaarummaasaa leellisu.''
Deeggaraa Liivarpuul kan ta'ee fi Anfiildiif kan barreessuu Neil Atkinson ''namni amantaa Islaamaa qoollifatu gocha Mohammad Saalaa haa ilaalu,'' jedhe.
''Erga addaan lafa tuqee galateeffatee (sujuudii bu'ee) booda deeggartootatti garagalee waliin gammachuusaa ibsa. Kun miira gammachuu guddaa keessa nama galcha,'' jedhe.
Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kilop yeroon Mohammad Saalaa kadhannaa itti godhatu yeroo qophii taphaa keessa akka galu dubbatanii turan.
Dursaan kilabichaa Jordan Henderson garechi wayita gammachuu ibsatu dhugaatii Champagne alkoolii hin qabne akka fayyadamu filateera jedhe.
Mohammad Saalaa dhimma walqixxummaa dubartootaa irrattis dubbachuun kabaja argateera.
''Dubartiin kan ammaa caalaa kabaja argachuutu malaaf,'' jedhee ture.
Manneen barnootaa maqaasaan banaman, kanneen ''dhiibbaa Saalaan uume- Salah effect''- irratti xiyyeeffatan keessaa tokko keessatti barattoonni UK yaada akkas jedhu qoodan: ''Namoonni karaa biraatiin amantii Islaamaa ilaaluu akka eegalan daandii saaqe.''
Jibbiinsa amantii Islaamaa jijjiiruu keessatti qoodi taphataan kun gumaache waan ajaayibaati jedhan Kantiibaan Magaalaa Liivarpuul Steve Rotheram.
Gaazexaan Time jedhamu bara 2019 Mohammad Saalaa taphataa collee dhiibbaa cimaa uume jechuun namoota 100 keessatti ramadee ture.