Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haalaand tapha Chaampiyoonsi Liigii tokkicha irratti goolii shan galchuun seenaa hojjete
Tapha Chaampiyoonsi Liigii Maanchistar Siitiin goolii 7 fi 0 dhaan RB Leipzig mo'aterratti Erling Haaland goolii shan galchuun seenaa galmeesseera.
Haaland dorgommii kilaboota Awurooppaa gurguddoo gidduutti taasifamurratti, taphataa umrii xiqqaa saffisaan gooliiwwan isaa 30n ga'ate ta'uun maqaansaa galmaa'eera.
Akkasumas taphataa umrii xiqqaa tapha Chaampiyoonsi Liigii tokkorratti goolii shan lakkoofsisuun rikardii qabate ta'eera.
Kanaan dura taphataan Arjantiinaa Liyoneel Mesii fi taphataan Biraaziil Liz Andriyaanoo tapha tokkorratti goolii shan galchanii beeku, Haaland garuu umrii xiqqaadhaan toorasaaniitti makamuu danda'e.
Taphataan umrii waggaa 22 kun hanga ammaatti dorgommiiwwan hundarratti gooliiwwan 39 galcheera. Taphataan Maanchistar Siitii tapha bara tokkoo keessatti goolii hanga kana galche hin jiru.
Haaland goolii shan tapha kaleessa galgalaa irratti lakkoofsiseen, taphoota cicimoo shan darban irratti taphattoota goolii lakkoofsa hundayyuu goolii sadiin caaleera.
Goolii shanan Haaland galcheen alatti Ilkaay Gundogan fi kevin De Bruyne tokko tokko galchaniiru.
Maanchistar walumaagalatti galchii dhaqaa fi galaan 8 fi 1n RB Leipzig mo'achuun nuusa xumuraaf darbeera.
Maanchistar Siitiin tapha Chaampiyoonsi Liigii irratti goolii 7 fi o dhaan morkataa isaa wayita mo'atu kun kan jalqabaa miti.
Bara 2019 Shalke irratti goolii torba galchuun waliigalatti goolii 10 fi 2n mo'atee darbe.
Haala kanaan ramaddii taphoota saddeetii Jimaata dhufu ba'uun kan Maancchistar Siitii waliin taphachuu barbaadu dhibuu danda'a. Real Madrid illee yoo ta'e.
Erling Haaland leenjisaa duraanii kilabasaa duraanii Dortmund kan amma RB Leipzig leenjisaa jiran Marco Rose argatee haaloo ba'e.
Leenjisaan kun taphicha dura gareen Maanchistar Siitii taphataa lammii Noorway of keessatti qabatee eessayyuu hin ga'u yaada jedhu qabu turan.
Garuu dhumarratti seenaa biraan wayita dhalatu akkas jedhee yaada kenne.
''Isaaf Maanchistar Siitii fi Pep filannoo sirriidha, kanatu isaaf ta'a.''
Haaland gooliiwwan sadi boqonna dura galchuun, taphi xumuramuuf ganaa daqiiqaan 45 ol wayita hafu hat-trick hojjeteera.
Gooliiwwan hafan lamaan ammoo daqiiqaa 53ffaa fi 57ffaa irratti dabale.
Tapha kaleessa galgala taphatame kan biraan ammoo Porto fi Inter goolii malee gargar ba'an, garuu galchii dhaqaa fi galaan waliigalatti 1 fi 0 dhaan Inter mo'atee nuusa xumuraaf darbe.
Torbee darbe taphoota marsaa kanaa gaggeeffamaniin Bayern Munich, Benefica, Chelsea fi Milan marsaa itti aanutti darbaniiru.
Har'a gareewwan darban saddeet keessa galuuf kilaboonni afur waliin morkatu.
Napoli'n tapha marsaa duraa irratti goolii 2 fi 0 dhaan Frankfurt mo'atee ture, har'a marsaa lammataaf walitti deebi'u.
Dirreesaa Anfield irratti, deeggartoota isaa fuulduratti 5 fi 2'n kan mo'ame Liivarpuul ammoo Real Madrid waliin walitti deebi'a.
Kilaboonni saddeet marsaa itti aanutti darban eenyu waliin akka taphatan baruuf carraan Jimaata dhufu ba'a.