Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chelsiin Doortimuund injifachuun nuusa xumuraa Waancaa Chaampiyoonsi Liigiif darbe
Chelsiin amma carraan qabu Chaampiyoonsi Liigii qofa. Tapha kaleessa galgala (Kibxata, Bitootessa 7, 2023) Booruusiyaa Doortimuund waliin taphateen tapha dhaqaa galaa walumaagalatti 2 fi 1'n mo'ateera.
Kilabni Poorchugaal Benefikaan ammoo kilabii biyya Beeljiyem - Kilab Biruuzh tapha kaleessaa 5 fi 1n, ida'ama waliigalaa ammoo 7 fi 2n mo'achuun nuusa xumuraaf darbe.
Chelsiin tapha yeroo darbee irratti Doortomuunf waliin wayita taphatu 1 fi o'n mo'amee ture.
Wal morkiiwwan Pirimiyeer Liigii Ingilizii keessaa teellaatti hafee kan jiru Chelsiin, galgala kaleessaa garuu xiyyeeffannoo guddaadhaan taphate.
Goolii Rahiim Isterliingi daqiiqaa 43ffaarratti galche Chelsiitti lubbuu hore. Isa booda goolii peenaalitii Kaayi Haavertiz galcheen Chelsiin dursuu isaa mirkaneeffate.
Chelsiin akka kilabiitti, Girahaam Pootar ammoo akka leenjisaa kilabichaatti dhibbaa jabaa jala jiru.
Kilabni kun kilaboota Piriimiyer Liigii keessaa baasii guddaa baasee taphattoota bituun kan ittiin gitu hin turre, garuu qabxii isaa fooyyeffachuu hin dandeenye.
Injifannoo Chelsiin qe'eesaa isteediyeemii Istaanford Biriij irratti gonfateen booda leenjisaa Pootar gamachuudhaan machaa'an.
Leenjisaan kun erga Biraayitan irraa gara Chelsii dhufanii sadarkaa kilabichaa fooyyessuuf guddoo ifaajan, fedhiin isaanii garuu hawwiima ta'ee hafe.
Pootar kilabiin isaanii raawwii ajaa'ibsiisaa agarsiisee guyyaa tokko deeggartoota isaanii boonsuuf dandeettii akka qaban amansiisuuf guddoo yaalan.
Chelsiin Sambata darbe dorgommii Piriimiyer Liigiitiin Liids Yunaayitid wayita injifatu dhiphina keessa ture hanga tokko dandamateera.
Kaleessa galgala Chaampiyoonsi keessa turuuf mirkaneeffachuunsaa ammoo boqonnaa guddaa kenneef.
Gameessi kubbaa miilaa umrii waggaa 47 Giraaham Pootar amma nama kilabicha olkaasuuf madaala kaasan ta'uu deeggartootaa fi jaallattoota kilabichaa amansiisaniiru.
''Kun Pootar biraadha, kun Chelsii biraadha,'' jedhan.
Abbaan qabeenyaa haaraa Chelsii Todd Boehly, Chelsiirratti hagam takka dhiibbaa fi qormaati heddummaatullee, leenjisaa Graham Potter irraa abdii akka hin kutanne ejjennoo qaban ibsaniiru.
Injifannoon Liids Yunaayitid fi Boorusiyaa Doortimuund irratti Chelsiin argate ammoo amantaa abbaan qabeenyaa kun leenjisicharratti qabu dabaleera.
Tapha kanaan nuusa xumuraa yookiin hirboo maayiif kan darbe Chelsiin itti aansee Benefikaa waliin taphata.
Taphoonni Chaampiyoonsi Liigii har'a galgala taphataman: Baayern fi PSG, akkasumas Totanhaam fi Miilaaniin morkata.
Marsaa duraan Baayarn Muunik PSG dirreesaarratti dhaqee 1 fi 0 dhaan mo'atee jira. Akkasumas Miilaan dirree isaa Saansiroo irratti Tootanhaam 1 fi 0'n dhaan injifate.