Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Taphattoota Paawondii mil. 600 bitee leenjisaan eenyuun akka taphachiisu iyyuu hin beeku'
Leenjisaan turban torbaniin taphattoota jijjiiruun hiriirsuun injifachuuf yaalii godhee hin milkaa’iin hafu qeeqamuun waanuma baramedha.
Isaan keessaa leenjiisaan Chelsii Giraam Pooter tokko. Taphattoota gatii qaaliin bitaman hedduu qabu.
Yoo gareen isaanii taphattoota jajjaboon guutame kun walitti aansee injifachuun gabatee Piriimer Liigichaa irra ol bahe malee waan hedduu dhagahuu malla.
Torban darbe Fuulham waliin qixa galchii malee xumuran. Tapaha kana irratti taphattoota ji’a Amajjiitti Paawondii miliyoona 300 oliin bitaman shan hiriirsisan.
Taphattootni kaan kilabichatti makamanii guyyaa muraasa booda taphatan. Tarii kun hanga kilabichatti baranitti yeroo gaafachuu mala.
Maallaqa wal fakkaatu ammo yeroo jijjiirraa ganna darbee keessa baasaniiru.
Waa’ee taphattoota isaanii kan gaafataman Pooter, ‘’garee ammaa fi fuulduraaf ijaaramaa jirudha,’’ jechuun deebisan.
Abbootiin qabeenyaa haaraan Cheelsii abbaa qabeenyaa duraanii homaa obsa hin qabne Roomaan Abrahimovich irra xiqqoo waan gammachuu qaban fakkaatu.
Gareewwan Piriimer Liigii cimoo ijaaraman kan Maanchister Yuunaayitid bara 1999, Arsenaal bara 2004, Liiverpuul bara leenjsummaa Kilooppi keessa kan argine fa’aa kaasuun ni danda’ama.
Taphattoota cicimmoo 11 walitti aansitee taphachiisuun gahumsi isaanii itti fufinsa akka qabaatu taasisa.
Garuu dorgommii kubba miilaa ammayyaa morkiin iti cime keessatti Chelsiin taphattoota cicimoo baay’ee qabu keessaa adda baasuun taphattota jajjaboo 11 fayyadamuu danda’aa?
Maanchister Siitiin taphattoota jijjiiree taphachiisuun qabxii argachuu akka danda’u waggoota darban keessa agarsiiseera.
Liiverpul ammo garee taphattoota cicimoo xiqqoo irratti qofa hirkatee dorgomaa turuun isaa bara kana kufaatii isaaf sababa taheera.
Taphataan duraanii Chelsii Paat Neevin taphattoota filachuun salphaadha jedha.
Taphattoota wal fakkaatoo tapha hunda irratti hin taphachiiftu. Yoo gahumsi isaanii adda tahee fi amansiisaa kan hin jijjiramne tahe malee.
Taphattootni Shaampiyoonsi Liigii irratti dirreen ala taphachiiftuu fi kan kilaba gabatee liigichaa irraa dhumarra jiru waliin taphachiiftu tokko miti jedhe.
"Dabalataan, Giraam Pooter taphattootaa fi haala taphaa saanii yeroo hunda jijjiiru,’’ jedhe.
Kun garuu taphattotafis tahe qabxii argatan irratti dhiibbaa qabaata.Chelsiin taphattoota ol adeemuu ammayyuu gahumsi isaanii hin mirkanoofne gatii qaaliin bite.
Isumayyuu kontiraata waggaa saddetii fa'aa kenne. Kana jechuun taphataan kun gahumsa gaarii yoo hin argisiifne waggaa hamma kanaa kilebicha irratti ba'aa taha jechuudha.
Isaan keessaa Miykaloo Muudirik fi Enzo Fernaandez kan gatii rikardii Piriimer Liigii taheen Chelsii gale kaasuun danda'ama.