Waa'ee jijjiirraa taphattoota Awurooppaa waan haasa'amaa jiru

Maanchistar Siitiin taphataa sarara gidduu Ingilaand Kaalviin Filiips gurguruuf karoora hin qabu. Taphataa ganna 27 kun erga Liids Yunaayitid irraa gara Itihaaditti makamee booda taphoota muraasa qofa taphateera.(Football Insider)

Haata'u malee, Filipsiin yeroo taphachuu dhabuun carraa garee Ingilaand keessatti filatamuu isaa irratti dhiibbaa uumuu danda'a jedhamee sodaa uumameen Siitii gadhiisuuf qophii ta'uun himamaa jira.

Taphataan sarara fuulduraa Paaris Seent Jarmaniifi Arjentiinaa Liyooneel Meesiin ganna kana gara Major League Soccer (MLS)tti Ameerikaatti ce'uu danda'a - kilaboonni liigichaa 29 tokkoon tokkoon isaanii mindaa isaaf gumaachu. (Sports)

PSGn kontiraata haaraa argachuuf bakka bu'oota Cheelsii fi Firaans N'Golo Kante, 31, qunnamuu itti fufeera.

Taphataan sarara fuulduraa Liids Yunaayitid Roodriigoon, yoo kilabicha keessatti kontiraata haaraa mallatteesse kaffaltii hir'isuu fudhachuu mala. Taphataan lammii Ispeen kun kontiraatni amma qabu ganna bara 2024 xumuramuuf jira.(Football Insider)

Taphataan sarara fuulduraa Ingilaand Bukaayoo Saakaa, yeroo kontiraata haaraa Arsenaal waliin mallatteessetti bara tokkotti naannoo Paawundii miiliyoona 15 ni argata.(Mail)

Liivarpuul taphataa sarara gidduu Ingilaand duraanii Jeems Milner waliin marii kontiraataa hanga ammaatti kan hin jalqabne yoo ta'u, Jurgeen Kiloop taphataa ganna 37 kana waggaa biraaf tursiisuu barbaada. (Athletic)

Cheelsiin bara dhufu seera faayinaansii Piriimiyerliigii Ingiliiz cabsuu irraa of eeguuf bara kana taphattoota gurguruun maallaqa guddaa walitti qabuu qaba.

Dura taa'aan Tootinaam Daani'eel Leeviin Juuliyaan Naagelsmaan Antooniyoo Koontee bakka bu'ee leenjisaa olaanaa Ispeers ta'uuf qophii ta'uufi dhiisuu isaa baruu barbaada. (Letter)

Gareen Baayermuunik murtee leenjisaa Jarman Juuliyaan Nagelsmann, hojii irraa ari'uu ilaalchisee garee lamatti qoodameera.

Tootinhaam kilaboota Piriimiyerliigii Ingiliiz hedduu taphataa sarara fuulduraa Biraayitan fi Rippabiliika Ayerlaand Ivaan Ferguson, barbaadan keessaa tokko.(Football Insider)

Boorushiyaa Doortimuund taphataa sarara gidduu Kaaba Ayerlaand ganna 19 Shee Chaarlis Maanchistar Siitii irraa fudhachuu barbaada.

Baarseloonaan ganna kana yoo xiqqaate taphattoota sadii hanga afur jijjiirraa bilisaatiin mallatteessisuun baajata mindaa daangeffame keessatti hojjechuu qaba (Mundo Deportivo)