Waliigalteen dhukaasa dhaabuu dheereffamus waraanni Sudaan itti fufee jira

Sudaan keessatti gareen wal-waraanaa jiran ammas guyyoota dabalatataa sadiif waliigaltee dhukaasa dhaabuu dheeressan.

Jenaraalonni waraanatti jiran guyyoota sadi dura sa'atii 72f dhukaasa dhaabuuf waliigalanis garuu waraanni ittuma fufee jira.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun dhiibbaa dippiloomaasii biyyoonni ollaa, US fi UN taasisan booda mirkanaa'e.

Haata'u malee, ammallee magaalaa Guddoo biyyattii Kaartuum keessa dhukaasa gurguddaatu dhagahama.

Erga waraanni kun eegalee torbee lama guuteera, yeroo kana keessatti gareen wal-waraanaa jiran waliigaltee dhukaasa dhaabuurra geenye wayita jedhan kun kan afraffaati.

Waliigalteewwan dhukaasa dhaabuu kanaan duraa akka lammiileen kumaatamaan lakkaa'aman biyyattii keessaa ba'aniif haala mijeesseera, biyyoonni hedduun lammiileesaanii baasaniiru, baasaas jiru.

Waraana Sudaan raayyaa ittisaa fi humna addaa gidduutti torbee lamaaf tureen yoo xiqqaate namoonni 512 ajjeefamaniiru, kumaatamaan kan lakkaa'aman madaa'aniiru.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu yeroonsaa galgala kana goolabamu dheeressuuf dursee kan ibse humna waraanaa Sudaan, humni addaa sa'atii muraasa booda fedhii qabaachuu ibse.

Dhibdee Sudaan mudate jaarsummaan hiikuuf biyyoonni gaaffii dhiheessaa jiru.

Sudaan Kibbaa dhibdee biyya ollaashee kana jaarsummaan fixuuf kan affeerte yoo ta'u, gareen wal-waraanaa jiranis bakka bu'ootasaanii jaarsummaa kanarratti hirmaatan erguuf waliigalaniiru.

Itoophiyaan gamasheen nageenyi biyya ollaashee akka ishee yaachisu ibsiteetti.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad uummata Sudaaniif nageenyatu malaaf jedhan.

Qaamoleen wal hadhaa jiran lameen dhibdeesaanii marii nagaan furachuu akka qabaniifi kana gochuufis uummanni Sudaan ogummaa fi dandeettii akka qabu tiwiitara isaaniirratti barreessan MM Abiy.

Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan biyyisaanii waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka dheereffamu tattaaffii gochaa akka turte ibsan.

Tarkaanfiin kun guutummaatti hojiirra ooluu baatus, garuu miidhaa uumamuu malu ni hir'isa jedhan.

Ministirichi kana ibsanii yeroo muraasa booda dubbi himaan isaanii ammoo waraanni kun sa'atii kamittuu ka'ee babal'achuu danda'a jechuun yaaddoo ibsan.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu dheereffamuun ibsamee yeroo muraasa booda humni addaa- RSF fi waraanni biyyattii ejjennoosaanii jijjiiruun dhukaasa itti fufuu kanneen ijaan argan himaniiru.

Bulchiinsa Siiviliitti Ministirri Dhimma Alaa Maariyaam al-Saadiq, dhukaasa dhaabuurratti waliigalamus, jiraattonni ammallee yaaddoo fi sodaa keessa jiraachuu manasaa Kaartuum jirurraa BBCtti himaniiru.

''Waliigalteen dhukaasa dhaabuu odeeffamu waan jijjiire tokkollee hin qabu. Haleellaan qilleensarraa halkanii fi guyyaa itti fufee jira,'' jedhan.

Waraanni magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum keessatti eegale, kara lixa Daarfuuritti babal'ataa akka jiru ibsameera.

Waraana kanaan yoo xiqqaate namoonni 512 du'anii, 4200 kan caalan madaa'uun himamus, garuu lakkoofsa sirrii argachuun akka ulfaatuu fi lakkoofsi kanarra dabaluu akka malus gabaafameera.

Daafoo waraana kanaan buufataaleen fayyaa hedduun waan barbadaa'aniif tajaajilli fayyaa akkaan gufateera, kanarraa ka'uun lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'u tilmaamama.

Fulaawwan waraanni itti gaggeeffamaa jirutti hospitaalonni hedduun tajaajila dhaabaniiru, dhaabbilee fayyaa keessaa dhibbeentaa 60 kan caalan tajaajila dhaabuu aanga'oonni damee fayyaa biyyattii ibsaniiru.