MM Abiy nagaa buusuurratti jenaraalota waraanaa Sudaan waliin mari'atan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad dureewwan waraanaa Sudaan waliin akkaataa nageenya buusuun danda'amurratti bilbilaan mari'achuu tiwiitarii isaaniirratti ibsan.

Ministirri Muummee Abiy jenaraalota waraanaa Sudaan, dantaa aangoof jecha waraanatti jiran Jenaraal Abdel Fattaa al-Burhaan fi Jenaraal Mohammad Hamdan Dagalo- hemeti bilbilaan dubbisuun waliin dubbachuu eeraniiru.

Uummata Sudaaniif nagaa fi tasgabbiitu malaaf kan jedhan Ministirri Muummee Abiy, jenaraalonni lameen dhibdee gidduusaanii marii nagaatiin furachuun biyyasaaniif tasgabbii mirkaneessuu qabu jechuun dhaaman.

Biyyi ollaa Itoophiyaa taae Sudaan rakkoon biyyattii keessatti dhalatu uummata biyyattii qofa osoo hin taane uummata Itoophiyaarrattis dhiibbaa qaba.

Sudaan erga bara 2019 qondaalli siyaasaa biyyattii waggoota 30'f bulchan aangoorraa fonqolfamanii as nagaa waaraa fi tasgabbii hin argatin jirti.

Fonqolcha mootummaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf bara 2019 raawwate dabalatee hanga ammaatti taateen walfakkaataan wayita mudatu kun yeroo sadaffaadha.

Itoophiyaa fi Sudaan biyyoota daangaa dheeraa waliin qooddatan ta'uurraa kan ka'e walitti bu'iinsi daangaarratti deddeebi'ee mul'ata.

Ministirri Muummee Abiy sirna galateeffannaa fi beekamtii kennuu, namoota waraana kaaba Itoophiyaa nageenyaan akka xumuramuuf ga'ee gumaachaniif taasifamerrattis, nagaa fi tasgabbii lammiilee Sudaaniif hawwaniiru.

Sirna Dilbata darbe- Ebla 23, 2023 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamerratti, ''nageenya asitti arganne kana obboloota keenya Sudaaniifis ni hawwina,'' jedhan.

Sirna kanarratti Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahaamat ''rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa kan jedhuuf Itoophiyaan fakkeenya,'' jedhan.

Namoonni siyaasaa gameeyyiin sirna kanarratti argaman, biyyoonni Afrikaa rakkoo keessa jiran, akkaataa rakkoo itti hiikan Itoophiyaarraa baruu qabu jedhan.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad kanaan duras akkuma waraanni Sudaan eegaleen lammiileen Sudaan dhukaasa keessaa ba'uun, mari'atanii rakkoosaanii karaa nagaan akka furachuu qaban dhaamanii turan.

Uummanni Sudaan rakkoo amma keessa jiru mari'atee furachuuf ogummaa fi dandeettii akka qabus eeran.

Waraana Sudaan humna waraanaa biyyattii Jenaraal Abdel Fattaa al-Burhaaniin durfamuu fi Humna Addaa- RSF Jenaraal Mohammad Hamdan Dagalo- Hemetin durfamu gidduutti torbee lama dura eegaleen yooxiqqaate lubbuun namoota 512 darbeera.

Jenaraalonni lameen erga waraanni kun eegalee dhukaasa dhaabuuf waliigaluu yeroo sadi ibsanii turan, garuu waraanni dhaabbatee hin beeku.

Wiixata darbe galgalarraa kaasanii sa'atii 72'f dhukaasa dhaabuurratti waliigalanii turanis, garuu magaalaa Kaartuum fi naannawa isheetti dhukaasi gurguddaan akka itti fufee jiru qondaalli UN Sudaan jiran ibsaniiru.

Qondaalli UN kun jenaraalonni lameenuu dhukaasa dhaabuuf fedhii hin agarsiifne jedhaniiru.

Goolamni siyaasaa fi yaaddoon nageenyaa Sudaan burjaajessaa wayita jirutti biyyoonni alaa lammiileesaanii baasaa jiru.

Waraanni Sudaan kun kan itti fufee jiru yoo ta'u, lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiileen biyyoota garaagaraa biyyattii keessa jiraatan lubbuusaaniif yaadda'aa akka jiran ibsaa jiru.