Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kan itti aanu eenyu? Balaa ollaa Vilaadmiir Putiin jiraachuun qabu
Uummanni biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaafi Nato ta'an keessa jiraataniif ollaa Putiin ta'an hamma danda'an Yukireeniin deeggaraa jiru.
Estooniyaafi biyyoonni Baaltiik kan akka Latiiviyaa fi Lituniyaa erga waraana Addunyaa Lammaffaatii barkurneewwaniif Tokkummaa Sooviyeet jala turan.
Amma Yukireen Raashiyaatiin weeraramuu isheetiin dhukkubni kulkulfattu nuttis ni dhagaahama jedhu.
Inistitiyuutiin biyya Jarman Kiel akka jedhutti arjoomaafi waadaa arjoomaa biyyootni ollaa kunniin godhan caala biyyi goote Noorwaay qofa.
Mindawugaas Letuvniinkaas birgeedii idila addunyaa Yukireen keessatti isnaayipara dhukaasuuf tolaan hiriiree jira.
Lammii Lituuniyaa kan ta'e namni kun Yukireeniif hiriiree loluun isaatiin biyya isaa balaarraa ittisaa akka jirutti akka ilaalu dubbate.
''Raashiyaa amma dhaabuu qabna. Yukireen keessatti.''
Akka namni kun jedhutti Vilaadmiir Putiin duula Kiiv irratti baneen ni milkaaha yoo ta'e biyyootni Baaltiik kanneen itti aanan ta'u.
Lituuniyaan ollaa Raashiyaa taatus, miseensa Nato'ti.
Biyyoonni ollaa kunniin Raashiyaan yaada olaantummaa babal'ifachuufi warra Lixaa dadhabsiisuuf qabdu irratti yeroo dheeraaf akeekkachiifamaniiru.
Amma Yukireen Raashiyaatiin weeraramuun ishee Nato naannichatti hojimanee akka qabaatu taasiseera.
Sababa kanaattis Nato'n olloota Raashiyaa keessatti humnasaa cimseera.
Biyyoota miseensa hin taanes miseensummaatti makuuf hiree uumeera.
Fakkeenyaaf Fiinlaand Raashiyaa waliin lafa dheeraa km 1,300 ta'uun waldaangessiti.
Yeroo dheeraaf sodaa Raashiyaaf jecha miseensa Nato ta'uu didaa turte.
Raashiyaan humna guutuun biyya bilisa taate Yukireen keessatti waraana bobbaasuu wayita argitu, yaadashee jijjiirte.
Fiinlaand erga waraanni kun eegalee humna guddoo naannichaa biroo Siwiidin waliin atattamatti miseensa Nato ta'uuf iyyatteetti.
Biyyoonni ollaa Raashiyaa kun gara Nato makamuuf iyyachuun Raashiyaaf kasaara guddaadha.
Lammileen Fiinlaand leenjii waraanaa fudhachuuf galmaahanii lakkoofsaan dabalaa jiru. Dargaggoonni tajaajila loltummaa akka kennanis dirqamni irra kaahameera.
Sodaa waraanni irratti banamuu caala garuu dhiibbaan waraanni kun daldala fi turizimiisheerratti qabu guddaadha. Turistoota Raashiyaarraa dhufan irraa galii hanga doolaara miiliyoona 630 kan argattu Fiinlaand, erga waraanichaatii lammiilee Raashiyaaf viizaa kennuu dhaabdeetti.
Lammiin Fiinlaand riizoortii cabbiirra sigigaatan qabu Ville Aho ''Waraana kana Raashiyaan injifattee Putiin humna isaa babal'ifatee arguu yaaduun natti cima. Eenyutu itti aana? Fiinlaand, Poolaand, Istooniyaa, Lituuniyaa? fedhasaatiin Yukireen keessatti hin dhaabatu. Garuummoo hunduu Yukireen keessatti xumuramuu qaba'' jedhe.
Pireezidantiin Raashiyaa waraana idilee qofa miti kan filatan. Haleellaa Saayibariifi duula pirooppaagandaatiinis warri Lixaa Mooskoo himatu. Biyyoota olitti Ahoon maqaa dhaherratti duula banuun Putiiniif qumaara guddaadha.
Miseensonni Nato hidhannoo niikuleeraa qaban kan akka US, UK fi Faransaay birmannaaf duuluun hin oolu. Garuu ammoo kanaafis wabiin hin jiru, of qolachuun dirqama biyyoota rakkoon isaan mudatuuti.
Kun ammoo biyyoota ollaa Raashiyaa akka Latiiviyaa uummata sabummaa Raashiyaa qaban hedduu dhiphisa.
Magaalaan guddoo Latiiviyaa isheen lammataa Duwaagaavapiils Raashiyaarraa km 120 qofa fagaatti. Uummata achi jiraatu 10 keessa saddeet afaan Raashiyaa dubbatu. Maddi odeeffannoo isaanii miidiyaalee Raashiyaati.
Putiin Yukireen keessaa uummata Raashiyaa balaarraa ittisuuf duuluu akka sabaabaatti akkuma dhiyeessan, ammas akkasuma gochuu mala yaaddoo jedhu qabdi Latiiviyaan.
Mootummaan Latiiviyaa uummatni pirooppagaandaa Raashiyaan akka hin injifatamneef jecha miidiyaalee Raashiyaa uggureera. Manneen barnootaa biyyattiis afaan Raashiyaan akka hin barsiifne dhorkeera. Siidaawwan bara Sooviyeetis diigeera.
Uummata sabummaa Raashiyaa qaban kana irratti imaammatni mootummaan Latiiviyaa qabate michummaa warra Lixaa cimsuuttiis kan luucceffateedha.
Amma Kibba Poolaandii kaasee hanga Kaaba Noorweeyitti dhiibbaan waraana Raashiyaa fi Yukireen uume guddaa ta'uun ifa bahaa jira.
Hegereen naannoo kanaas ifa miti.
Wanti guddaa hegeree isaanii murteessu waraanni Yukireen keessaa akkamiin goolabama kana jedhudha. Achii booda hariiroon Raashiyaa waliin jiraatu maal ta'inna? wal-amantaan jiraatuwoo?