US rasaasa taankii meeshaalee waraanaa sibiilaan haguugaman uree seenu Yukireen hidhachiisuuf

US yuraaniyemii kanaan dura hojiirra oolerraa rasaasa hojjetamee fi taankiidhaan dhuka'u Yukireen hidhachiisuuf waadaa kan galte yoo ta'u, kunis karoora deeggarsa humna waraanaa fi namoomaa doolaara biiliyoona tokkoo keessaa isa ijoo ta'uu ibsiteetti.

Ameerikaan taankiiwwan Abrahms jedhamanii fi rasaasa meeshaalee waraanaa konkolaataan imalan cabsee seenuun barbadeessu nyaatan kunneen Yukireeniif kennuun dogongora jechuun Raashiyaan balaaleffatteetti.

US tarkaanfii kana akka fudhattu kan ibsite erga Yukireen haleellaa misaa'elaa Raashiyaan iddoo gabaarratti raawwatteen namoonni 17 jalaa ajjeefamuu himatteeti.

Haleellaan misaa'elaa Raashiyaa kun erga dhagahamee booda diroonii Yukireen dhukaaste jedhameen magaalaa Raashiyaa Rostoov-On- Doon jedhamutti haleellaan raawwateera.

Bulchaan magaalaa kanaa Vaasiilii Goolubeev haleellaa kanaan nama tokkorra miidhaa salphaan ga'uu fi konkolaattonni hedduun miidhamuu himan.

Dirooniiwwan lama magaalaa kibba Raashiyaatti argamtu kana irratti qiyyaafatanii dhufanillee qilleensarratti rukutamuun kufaniiru jedhan qondaalli kun.

Kantiibaan magaalaa Moskoo Sargee Soobyaniin gamasaaniin dirooniin tokko magaalaa Raamensakooy iratti qiyyaafachuun haleellaa geessisuuf dhufus, garuu dirooniin kun rukutamee kufuu fi miidhaan geessises akka hin jirre himan.

Ameerikaan gargaarsa dabalataa meeshaa waraanaa Yukireeniif kennuuf waadaa seenuu kan ibsite erga Ministirri Dhimma alaa US Antonii Bilinkan Kiyeev daawwatanii deebi'aniiti.

Rasaasa taankii miilimeetira 120 ta'e kan nyaatuu fi gatiinsaa doolaara miiliyoona 175 kan ta'e gargaarsa meeshaa waraanaa M1 Abrams jedhamu kun xumura bara kanaatti Yukireen ni qaqqaba.

Qabiyyeewwan carallaa (Radioactive) albuuda sibiilawaa depleted Uranium jedhamuun soneeffaman kan qabate rasaasi kun, guutummaatti osoo hin taane baayyinaan albuuda uumamaa yureeniyemii irraa bocamee kan hojjetamuudha.

Yuraaniyemiin albuuda sibiilaa ulfaatina guddaa qabuudha. Kana jechuun sibiilli akkaan ulfaatu kun akka taankiif ta'utti xiqqoo irraa soofamee hojjetama jechuudha.

Fiixee rasaasa meeshaalee waraanaa irratti dibamuun konkolaattota waraanaa rasaasi kaan seenuu hin dandeenye ittii barbadeessuuf fayyada.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii meeshaa waraanaa akkanaa summii hamaa dhala namaaf sodaachisu kan facaasu akka hin taane ibsus, qaama jaarmiyaa kanaa kan ta'e Dhaabbati Inarjii Atoomawaa Idiladdunyaa ammoo namoonni rasaasa kana hojjetan carraa raadiyeeshiniif saaxilamuu qabu jedhe.

US meeshaalee farra meeshaalee waraanaa fi tooftaa qilleensa hordofuu, akkasumas meeshaalee waraanaa misaa’ela Himaarsif oolan akka kennitu waadaa galteetti.

Imbaasiin Raashiyaa Waashingitan jiru tarkaanfii kana ''mallattoo namummaa dhabuu'' jechuun balaaleffachuun, ''US kufaatii waraana Yukireen fudhachuu waan dadhabdeef haleellaa deebii kana deeggaraa jirti,'' jedhe.