Ministirri waraanaa Yukireen aangoorraa kaafaman

Ministirri Ittisaa Yukireen Oleeksii Reznikoov aangoorraa kaafamuu pireezidantiin biyyattii Volodmiir Zeleniskii beeksisan.

Ministirri Ittisaa kun aangootti kan dhufan bara 2022 Raashiyaan Yukireen irrattii waraana banuu xiqqoo durseetu.

Pireezidant Zeleniskiin haasaa isaanii Dilbata galgalaan ministeera ittisaa keessatti yeroon hojimaatni addaa barbaachisu gaheera jedhan.

Hoogganaa Fandii qabeenya biyyattii kan ta'an Rusteem Umeroov bakka Reeznikoov akka bu'an Zeleniskiin dhiyeeffamaniiru.

''Ministeerichi hojimaataafi hariiroo humna waraanaafi uummataa haaraa barbaada jedheen amana'' jedhan Zeleniskiin.

Miidiyaaleen Yukireen Reznikoov Landanitti ambaasaaddara Yukireen ta'uuf adeemu odeeffannoo jedhu gabaasaa jiru.

Maanguddoon ganna 57 kun erga waraannii Yukireeniifi Raashiyaa eegalee beekamtii guddaa horatan. Walgahii Yukireen michoota ishee Lixaa waliin gootuufi duula meeshaa waraanaa argachuuf godhamu keessattis gahee olaanaa bahaniiru jedhama.

Aangoo kanarraa isaan kaasuun garuu yeroo murtaaheef irratti qophaa'amaa ture. Torbee darbe miidiyaaleetti kan dubbatan Reznikoov pireezidantii Yukireen waliin ta'uun aangoo biraa barbaadaa akka jiran beeksisan.

Qondaalli kun pireezidantichi aangoo biraa irratti yoo isaan ramadan waliigaluu akka danda'anis dubbatan.

Ogeeyyiin siyaasaa jijjiiramni kaabinee Kiivitti godhamu tarsiimoo adda waraanaa Yukireen irratti jijjiirama guddaa hin fidu jedhu.

Janaraal Valeeriiy Zaluzheenyi ajajaa olaanaa waraanaa Yukireen ta'anii itti fufuun isaanii tarsiimoon adda waraanaa kan hin jijjiiramne ta'uuf agarsiistuudha jedhu.

Reznikoov aangoorraa kan kaafaman wayita bulchiinsi Zeleniskii duula farra malaamaltummaa wayita gaggeessaa jirutti. Kuniis yaalii biyyattiin miseensa Gamtaa Awurooppaa ta'uuf gootuuf haala mijeessuufi jedhameera.

Reznikoov irratti himanni malaammaltummaa dhiyaate jiraachuu baatus, Ministeera Ittisaa keessa bittaa meeshaalee waraanaa gatii qaalessanii irraa fayyadamuun ifa godhamee qaanessaadhas jedhamaa jira.

Jalqaba bara kanaatti itti aanaan Reznikoov Viyaacheeslaav Shapovaloov malaammaltummaa kanaan walqabatee aangoo gadhiisaniiru. Yeroodhuma sanayyuu Reznikoov aangoosaaniirra waan turan mii jedhamaa ture.

Jimaata darbe Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa US Jeek Sulivaan hooggantoota farra malaammaltummaa Yukireen waliin wayita wal argan qoondaalli malaammaltummaa dalage damee kamuu ha hoogganuu adamsamuu qaba jedhaniiru.