Ameerikaan michoonni ishee jeettiiwwan waraanaa F-16 Yukireeniif akka kennan eeyyamte

Ameerikaan meeshaa meeshaa waraanaa kan biyyashee ta'ee fi Denmaark fi Nezarlaandis jiru Yukireeniif akka kennamu eeyyamte.

Xiyyaarri waraanaa F-16 jedhamu kun garuu erga Yukireen paayileetota xiyaarota kunneen sirriitti oofuu danda'an leenjistee kennamaaf jetti Ameerikaan.

Waajjirri ministeera haajaa alaa Ameerikaa akka jedhetti, Yukireen waraana Raashiyaa waliin gaggeessaa jirtu keessatti humna haaraa kana fayyadamuu dandeessi.

Yukireen gamasheen bara darberraa eegaltee gaafataa kan turte, amma wayita eeyyamamuuf gammachuun simatteetti.

Haata'u malee loltoonni Yukireen jeettiiwwan waraanaa F-16 fayyadamanii olaantummaa Raashiyaan qilleensa keessatti qabdu irra aanuuf ji'oota itti fudhata jedhamee eegama.

Kanaan dura Ameerikaafi michuuwwan ishee, meeshaa waraanaa F-16 jedhamu kana Yukireeniif kennuun, biyya meeshaa waraanaa niwukilaraa hidhatte- Raashiyaa waliin waraana balaa hamaa qabu uuma sodaa jedhuun didanii turan.

Raashiyaan gamasheen hanga ammaatti dhimma kanarratti homaa hin jenne.

Dubbi himaan ministeera haajaa alaa Ameerikaa akka jedhetti, Denmaark fi Nezarlaandis jeettiiwwan waraanaa F-16 jedhaman dabarsanii Yukireeniif kennuu danda'u.

Kunis loltoonni Yukireen marsaa jalqabaan leenjii fudhatanii akka shaakalaniif gargaara jedhe.

Ministirri dhimma alaa Nezerlaandis Wopke Hookistaar murteen kun Yukireen biyyashee fi uummatashee haleellarraa baraaruuf karoora guddaadha jechuun murtee Ameerikaa fudhataniiru.

Ministirri Ittisaa Denmaark Jaakoob Ilemaan Joonsan ''deeggarsa meeshaa waraanaa kennuuf jalqaba leenjiitu barbaachisa.Dhimma kanarratti michuuwwan keenya waliin dubbataa jirra,'' jechuun madda oduu Denmaark- Ritzau jedhamutti dubbatan.

Ministirri Ittisaa Yukireen Ooleksii Reeznikoov murteen Ameerikaa ''oduu aagaati,'' jechuun gammachuun simatan.

''Loltoonni keenya humna dafee waa barachuu danda'uun kan guutamaniidha. Injifannoon Yukireen fagoo akka hin taane ni agarsiisna. Michuuwwan keenya Ameerikaa, Denmaark fi Nezarlaandis jiran guddoo galateeffanna,'' jechuun barreessan.

Gareen warra lixaa qindoomanii Yukireen tumsan, dhuma ji'a kanaatti paayileetota Yukreen leenjisuu eegalu, bara itti aanutti qophii hunda ni xumuru jedhamee eegama.

Dubbi himaan humna qilleensaa Yukireen Yuurii Ihinaat, biyyisaanii ji'oota dhufan keessatti jeettii waraanaa F-16 sochoosuuf qophii akka hin taane dhiheenya dubbatanii turan.

F-16 jeettiiwwan waraanaa yeroo ammaa addunyaarra jiran keessaa waraanaaf akkaan mijataa fi baayyee ammayyaa'aa kan ta'eedha.

Akka humni qilleensaa Ameerikaa jedhutti jeettiiwwan kunneen misaa'elootaa fi boombiiwwan waraanaa baachuun sa'atii tokkotti hanga kiilomeetira 2,400 balali'uu danda'u.

Yukireen xiyyaarota waraanaa hedduu qabaachuutu himama, garuu hedduunsaanii kan bara Sooviyeet hojjetaman waan ta'aniif yeroon irra darbeera.

Kanaafuu haleellaa qilleensaa Raashiyaan irraan ga'aa jirtu qolachuuf xiyyaarota waraanaa ammayyaa ta'an ishee barbaachisa.