Buufata Galaanaa Raashiyaatti haleellaan diroonii gaggeeffame

Buufata Galaanaa Raashiyaa Novorosisiik jedhamu kan Galaana Gurraacha jiru cinatti dhohinsi guddaan halkan uumamuun gabaafame.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti Jimaata har'a qoodame akka mul'isetti, buufata galaanaa Raashiyaan ittiin al-ergii gaggeeffattu guddicharratti sagaleen dhohinsaa guddaan dhaga'ameera.

Ministirri Ittisaa Raashiyaa dirooniiwwan galaanaa lama gargaaramuun haleellaa Yukireen humna galanaanaa isaarratti gaggeessite qoladheera jedhe.

Doonii Raashiyaa buufata humna galaanaa marsee karaa moggaatiin eegaa jiruun dirooniiwwan [Yukireen] argaman rukkutamaniiru jedhe Ministirri Ittisaa Raashiyaa kun.

Haleellaa raawwatame hordofee buufata ulaa galaanichaatti sochiin doonii kamiiyyu yeroof dhaabbatee akka ture dhaabbanni buufata galaanaatti boba'aa taankariitti fe'u Kaspayin Paayiplaayin Konsortiyeem jedhamu himeera.

Dirooniiwwan galaanaa bidiruuwwan xixiqqoo, nam-maleeyyii ta'an bishaaniira ykn bishaan jala hojjetanidha.

Qorannoo BBC Verify gaggeesse akka agarsiisutti, Yukireen dirooniiwwan galaanaa gargaaramuun yooo xiqqaate haleellaawwan 10 buufata ulaagaa galaanaa Raashiyaan ittiin meeshaa alatti ergitu kana irratti gaggeessiteetti.

Haleellaan Yukireen gaggeessite kunis dooniiwwan waraanaafi humna galaanaa Raashiyaa Sevaastoppool jiru, akkasumas buufata Novorosisiisk jirurratti kan xiyyeeffate ture.

Kun akka aanga'oonni Raashiyaafi Yukireen, akkasumas miidiyaaleen naannoo beeksisanittidha.

Maddeen humna ittisaa Yukireen CNNtti akka himanitti, dirooniiwwan galaanaa haleellaa Adoolessa keessa riqicha Kerch Biriij jedhamu gara Kireemiyaatti ceesisurratti fudhatame gaggeessuuf hojiirra oolaniiru.

Novorosisiik Galaana Gurraacha keessatti buufata ulaa galaanaa isa guddichadha. Galaanni Gurraachi ammoo galaanarraan karaa midhaan, boba'aafi meeshaaleen hedduun addunyaa gara garaatti ittiin fe'amudha.

Tajaajilawwan yeroo atattamaa bakka sana jiran dhohinsi uumamuu mirkaneessuun, odeeffannoon kun ammoo tajaajilawwan dhimma nageenyaattis himamuu miidyaan mootummaa Raashiyaa gabaaseera.

Haleellaawwan diroonii galaanaatiin buufata ulaa galaanaa Raashiyaarratti gaggeeffame kana ilaalchisuun Yukiren hanga ammaa ifatti waan jette hin qabdu.

Erga Raashiyaan waliigaltee karaa UN akka midhaan bishaan Raashiyaafi Yukireen gidduu jirurraan biyya alaatti ergamu keessaa baateen as walitti bu'insi bakka sanatti hammaateera.

Jalqaba torban kanaaatti, Raashiyaan buufatwwan galaanaa gurguddoo Bilaak Sii Odeessaafi Chornomorsiik irratti haleellaa raawwatteetti.

Aanga'oonni akka jedhanitti, bakka haleellaa kanatti midhaan toonii 60,000 ta'u, akkasumas buufanni galaanaa Laga Danubee manca'eera.

Addatti Jimaata, Raashiyaan dirooniiwwan Yukireen naannawaa Kireemiyaa irra marsan 10 kuffiseera jette.