Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jeeraard Piikeen boru tapha xumuraa taphachuun soorama bahuuf
Taphataan sarara ittisaa Baarseloonaa Jeerard Piikeen torban kana tapha xumuraa isaa taphachuun soorama bahuuf.
Taphataan ganna 35 akkaadaamii Baarselonaa keessati guddatee waggoota afur ammoo Maanchister Yuunaayitid keessa taphate Piikeen viidiyoo miidiyaa hawaasaa isaa irratti maxxanseen soorama bahuuf akka jedhu ibse.
Baarseloonaan tapha xumuraa Piikee kana irratti Almiiraa waliin taphata.
‘’Akkuman yeroo hundaa jedhu Baarsaa irraa kan hafe kilaba biraaf hin taphadhu,’’ jedhe.
Bara 2004 reefuu yeroo taphataa ol adeemaa turetti ture Piikeen Maanchister Yuunaayitidiif kan mallatteesse.
Waggoota afuriif yeroo kilabichi waancaa Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii mo’atu bara 2007-08 Piikeen taphataa taa’umsa jijjiiraa irra taa’u qofa ture,
Sana booda gara kilaba isaa ijoollummaa Baarseloonaatti deebi’uun taphoota 600 irratti taphachuun waancaawwan 30, Laaligaa saddet, Shaampiyoonsi Liigii sadii fi waancaa Kooppaa del Rey torba injifateera.
Bara kana Baarselonaan waancaa Shaampiyoonsi Liigii keessaa kufeera. Laaligaa keessaa ammo sadarkaa lamaffaa irra jira.
Piikeen biyya isaa Ispeeniif taphachuu irraa bara 2018 soorama bahe.
Ispeeniif yeroo 102 hiriiree taphachuun waancaa Awurooppaa bara 2012 fi Waancaa Adunyaa bara 2010 mo’ateera.
‘kubbaan miilaa waan hundaa naaf kenneera. Baarseloonaan waan hundaa naaf kenneera. Isin deeggartootni waan hundaa naaf kennitan,’’ jedhe.
"Amma daa’imni abjuu kana qabu ture abjuu isaa dhugoomseera, amma imala koo kanatti xumura gochuuf akkan murteessen isinitti hima,’’ jedhe.
Haa tahu mmalee, gara Baarsaatti akak deebi’us himeera.
Na beektu,yeroo dhiyootti ykn booda nan deebi’a. Kaampi Nuutti wal argina. Baarsaan bara baraan haa jiraatu,’’ jedhe.
Baarseloonaa irra liqaa paawondii biliyoona tokko tahutu jira. Miseensotni abbaa qabeenya Baarseloonaa pirezidantiin kilabichaa yeroo gannaa kana murteewwan adda athan akak fudhatan eeyyamaniif.
Kunis mallaqa argachuuf kan oolu yoo tahu, taphattootni akka Piikee fa’a ammo miindaa isaanii akka baay’ee gadi buusan gaafataman.
Haa tahu malee Baarseloonaan ammas Shaampiyoonsi Liigii keessaa waan baheef baasii kana caalaa xiqqeessuun barbaachisaa taha.
Piikeen Baarseloonaan ala hojii biizinesii adda addaa kan qabu yoo tahu, kilaba Andooraa jedhamu diviiziyoona lamaffaa keessa kan taphatus qaba.
Akkasumas hundeessaa fi dura taa’aa kaampaanii Tenesii Kosmos Tenes’ jedhamuu yoo tahu, bara 2018 ture Federeeshinii Teenesii Idil adunyaa qabeenya doolaara biliyoona sadii qabutti kan makame bara 2018 ture.