Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liyoonel Mesii Baarseloonaa gadhiisuuf gaaffii dhiyeesse
Jifataan Baarseloonaa addunyaa gubbaa maqaansaa daran beekamu Liyoonel Meesii, kilabicha gadhiisuuf gaaffii dhiyeesse.
Taphataan lammii Arjentinaa tahee fi gannisaa 33 tahe kun, guyyaa Kibxataa kilabichaaf ergaa faaksii ergeen, haaluma waliigaltee isaa gubbaa jiruun, kilabicha bilisaan gadhiisuu akka danda'u gaafate.
Baarsaan tapha nuusa xumuraa Chaampiyoons Liigiin, guyyootaan dura Baayern Muunikiin 8fi 2n guddoo mo'aman.
Taphataan badhaasa Ballon d'Or al jaha injifate kun, Baarsaaf yeroo jalqabaaf kan taphate 2004tti ture - ergasii Chaampiyoons Liigii Awurooppaa yeroo afur mo'aniiru.
Haa tahu malee kilabnisaa Baarseloonaa waan jedhu, lakkii waliigalteen keenyarra keeyyatni bilisaan deemuu danda'a jettu kun yeroon irra tareera.
Mesiin kilabicha keessa haga bara 2021tti turuu qaba, kana malees yoo deemuu fedhees gatiinsaa salphaa miti - yuuroo miiliyoona 700 baasa jedha kilabni isaa kun.
Boordiin kilabichaas dhiyeenyatti walarga jedhameera. Meesii tasgabbeessuuf falli jiru pireezidantiin kilabichaa Josep Maria Bartomeu gadhiisuufi filannoodha namoonni jedhan jiru.
Haa tahu malee Meesiin yaadasaa jijjiirrachuuf tasumaa waan fedhii qabu hin fakkaatu.
Oduun kun battala dhagahametti, deeggartoonni Baarsaa Nuu Kaamp fuulduratti walitti qabamanii boordii kilabichaarra mormii dhageessisan - Meesiifis deeggarsa qaban muldhisan.
Falmiin seeraa kilabichaa fi taphataa kana gidduu akka eegalu ni eegama. Waliigalteesaanii keessatti keewwatni tokko jirti - yoo Meesiin kilabicha bilisaan gadhisuu fedhe Waxabajjii 10 dura beeksisuu qaba kan jedhu.
Guyyaan sun yaayyuu jala dabre, kilabichis keewwatni sun faayidaan ala taheera jedha. Meesiifi gareensaa falmaniif garuu, waqtiin taphaa baranaa sababa weerara koroonaavaayirasiin haga Hagayyaatti waan dheerateef, yeroonis dheerachuu qaba jedhu.
''Kabajaa guddaan sii qaba, Liyoo. Deeggarsa hundaa siifin godha hitiyaa koo,'' jechuun taphataan duraanii Baarsaa Kaarlos Puyol Twitter gubbaa barreesse. Luwiis Suwaarez ammoo, maxxansa kana jala galuun imoojii harka waliin dhawuu deebise.
Meesii - taphataa rekoordii caccabsuun beekamu
Meesiin ganna 13tti kilaba Arjeentinaa Newell's Old Boys jedhamurraa bara 2000tti Baarseloonaatti makame. Ergasiis kilabichaaf al 731 taphachuun, gooliiwwan 634 lakkoofsiseera.
Kilabicha wajjin waancaawwan garagaraa 34 mo'ateera - La Liga 10 fi Chaampiyoons Liigii afur. Rekordoonni isaa biroo kunooti:
- Gooliiwwan La Liga olaanaa (444)
- Badhaasa Ballon d'Or seenaa keessatti hedduu tahe mo'ateera.
- Badhaasota taphataa cimaa (Fifa World Player of the Year/Best Fifa Men's Player Awards) hedduus isatu mo'ate (6)
- Goolii galchaa isa olaanaa waqtii taphaa tokko keessatti: 2012tti galchii 79 galchuun
- Taphataa tokko baroota 10 walitti fufinsaan goolii 40 ol lakkoofsise.
- Chaampiyoons Liigii irratti kilaba tokkoof goolii olaanaa kan lakkoofsise Meesiidha - (115).