Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Erga deeggartoonni Arsenaal fi Maanchistar Siitii wal ajjeesan booda shakkamtoonni to'ataman
Tapha Ingilaand keessatti gaggeeffamuuf deeggartootni kilaboota Arsenaal fi Maanchistar Siitii Kampaalaa keessa argaman miira keessa seenanii hanga lubbuu walii baasuurra ga'aniiru.
Walitti bu'iinsi kun tapha waancaa FA kilaboonni lameen Jimaata darbe galgala taphatan irratti dhalate.
Walitti bu'iinsa dhiiga dhangalaase kanarratti kanneen lubbuu namaa baasan keessaa hanga ammaatti namoonni lama seeraan gaafatamaa jiru.
Kanneen du'an keessaa tokko gorsaa dargaggootaati.
Arsenaal erga mo'amee booda deeggartoonni aariidhaan wayita lolatti seenan gidduu seenee waraanamee erga guddoo miidhamee booda lubbuun darbe.
Gaazexaan Daily Monitor jedhamu akka gabaasetti, dargaggeessi Aalan Kukumbaa jedhamu kun battaluma hospitaala seenetti du'e.
Yakka kanaan namoonni lama shakkamanii qabamanii to'annoo seeraa jala jiraachuu poolisiin hime.
''Yeroo gabaabaa keessatti shakkamtoota kunneen seeratti ni dhiheessina,'' jedhan dubbii himaan Poolisii magaalaa Kampaalaa Luke Oweyesigire.
Poolisiin kun akka jedhanitti dargaggoon umrii waggaa 25 Kukumbaan, obboleessi isaa Taayitas Kiyendo deeggaraa Arsenaal ta'e, deeggartoota Maanchistar Siitiin qabamee wayita haleelamu gidduu seenee ajjeefame.
Taateen kun erga naannawa Dhiha Naayil jedhamutti deeggaraan Arsenaal takka akka malee reebamee ajjeefamee torbee booda raawwate.
Dargaggoon Richaard Ukuyoo jedhamu, ji'a darbe wayita Arsenal Maanchistar Yunaayitid 3 fi 2n mo'ate, gammachuudhaan deeggartoota Yunaayitiditti erga qoosee booda mataasaarra rukutamee ajjeefame.
Dargaggoon ajjeefame kun deeggaraa beekamaa Arsenaal ta'uu poolisiin himeera.
Marsariitiin Daily Express jedhamu akka gabaasetti, namni kun waa'ee goolii dhumarratti taphataan sarara fuulduraa Arsenaal Edii Nikeetihaa lakkoofsise irratti falmii deeggartoota Yunaayitid irraa ka'e dura dhaabbatee faccisaa ture.
Akkuma biyyoota Afrikaa kaanii, taphni Piriimer Liigii Ingilizii Yugaandaa keessattis akkaan daawwatama, jaallatamas.
Keessattuu erga qumaarri ykn tirgaan (betting) eegalamee namoota hedduuf dhimma xiyyeeffannaa guddaa itti kennan ta'eera.
Namoota qumaara keessa jiraniif qabxiin kilabootaa akkaan murteessaadha.
Qabxii kan eegu kilaboota qofa osoo hin taane warri tirgaa qabsiisanis akkaan eegu jedha Waldaa Pireesii Ispoortii Yugaandaatti hoogganaa kan ture Joseef kaabuletaa.