Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yugaandatti shamarran qorannoo ulfaa taasisan malee qormaata hin fudhatan jechuun dheekkamsa kaase
Yugaandatti barattoonni shamarranii Kampala International University'tti baratan qorannoo ulfaa yoo taasisan malee qormaata fudhachuu hin danda'an jedhamuun isaanii dheekkamsa kaase, mata duree dubbiis ta'e.
Kunis waraqaan beeksisaa barattoonni shamarranii qorannoo ulfaa akka taasisan yookin ari'amuun akka isaan eeggatu erga maxxanfameen booda miidiyaa hawaasaa gubbaatti mata duree ta'uu bira darbee dheekkamsa kaasera.
Beeksifni kun kan maxxanfame barattoonni shamarranii yuunivarsiititti gosa barnootaa ogummaa deessisuu (midwifery) fi narsingii baratan qorannoo ulfaa akka taasisaniifi.
Akka beeksisa yuunivarsiiticha keessatti maxxanfameetti shamarran qorannoo ulfaa hin taasifne qormaata irraa akka hari'aman akeeka.
Beeksisa yuunivarsiitichi maxxanse irraa akka mul'atutti, "Shamarran barattoota Ogummaa Deessisuu fi Narsingii barattan hundinuu... lakkoofsa herreega hospitaalichatti Shilingii Yugaandaa 5000 kaffaluun qorannoo ulfaa taasisaa."
"Kana hin goone taanan, qormaataaf taa'uu akka hin dandeenye isin beeksifna" jedha.
Taaten kun miidiyaa hawaasummaa gubbaatti dheekkamsa erga kaasen booda beeksisichi akka ka'u godhameera jedhame.
Daayirektara Olaantuu African Population and Health Research Center kan ta'an Kaatiriin Kiyobutuungii kana balaaleffachuun beeksisa yuunivarsiitichi baase fuula Tiwiitara isaanii irratti maxxansan.
Beeksisa maxxanfame kana yuunivarsiitichi hin haqu taanaan himata irratti akka banan BBCtti himan.
Namoonni hedduun duula miidiyaa hawaasummaa irratti bananiin taaten kun loogii bara garbummaa fi dhaabbata barnoota olaanaa irraa waan hin eegamne ta'uu ibsan.
Daayireektara UNAids kan ta'an Wiinii Biyaniyama gama isaaniin "waan fudhatama hin qabnee fi fokkisaadha" jechuun fuula Tiwitara isaanii irratti barreessan.
Dhuma irratti Yuunivarsiitichis beeksisni shamarran qorannoo ulfaa akka taasisan dirqisiisu haqamuu isaa fi qormaata isaanii irratti xiyyeeffachuu akka qaban beeksisa biraa baasera.