Medaaliyaan Badhaasa Noobeelii pirezidantii duraanii Afrikaa Kibbaa jalaa hatame

Medaaliyaan Badhaasa Noobeelii Nagaa Pirezidaantii duraanii Afrikaa Kibaa FW de Kilaarkif kennamee ture mana jireenya isaanii keessaa hatamuu faawundeeshiniin pirezidaantichaa BBCtti hime.

Akka faawundeeshinichi ibsetti medaaliyaan kun waggaa darbe ji'a Eblaa keessa hatame.

Pirezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Kilaark bara 1993'tti Neelsan Mandeellaa waliin badhaasa Noobeelii fudhatani.

Hatamuu medaaliyaa kanaan wal qabatee poolisiin Afrikaa Kibbaa hanga ammaa nami hidhe homtuu akka hin jirre miidiyaalen biyya keessaa gabaasaniiru.

Haati warraa Dr. Kilaark miidiyaa biyya keessaa News 24 jedhamutti akka dubbatanitti, gaafa medaaliyaan badhaasa Noobeelii Nagaa kun hatamu bakka biraa deemanii akka turaniifi yeroo deebi'an manni hatamee argani.

"Faayaan koos hedduun isaa fudhatameera, gatii isaa tilmaamun na rakkisa. Sababni isaa waggoota 50 oliif kennaa gosa garaa garaatu naaf kennamaa ture waan ta'eef. Dabalataanis, kanin haadha koo irraa dhaales qaba," jedhan.

Meeshaaleen jalaa fudhataman kunneen ni deebi'u abdii jedhu akka hin qabnes dubbatan.

Pirezidaantin duraanii Afrikaa Kibbaa De Kilaark bara 1993 tti Neelsan Mandeellaa wajjin Badhaasa Nagaa Noobeelii walitti fudhatan.

Medaaliyaa Badhaasa Noobeelitiin alattis medaaliyaan warqee abbaa kaaraata 18 kennameefii ture.

De Kilaark bara 1989tti pirezidaantii Afrikaa Kibbaa ta'an, waggaa shan booda garuu aangoo pirezidaantummaa Neelsan Mandeellatti dabarsan.

Karaa nagaa aangoo warra adii harka ture Neelsan Mandeellatti dabarsuu irraa kan ka'e lamaan isaanituu badhaasa Noobeelii fudhatan.

De Kilaark bara darbe ganna 85 tti du'an.