Koolugaltoonni UK irraa maaliif Ruwaandaatti ergamu?

Alaabaa Ruwaandaa

Madda suuraa, Getty Images

Baqattoonni koolugaltummaa barbaadan UK qaqqaban muraasni adeemsa koolugaltummaa isaanii xumurachuuf Ruwaandaatti ergamuuf jiru.

Mootummaan UK akka jedhutti, karooricha baqattoonni kaan Chaanaalii Ingliziin akka hin qaxxaamurre sodaachisuuf jedhame.

Karoorri kolugaltummaa Ruwaandaa maali?

Dhaddachi seeraa ganna shan baqattoonni muraasni gara Ruwaandaatti ergamuun achii akka koolugaltummaa gaafatan taasisa.

Achittis baqattoonni akka Ruwaandaa keessa jiraataniif hayyama baqatummaa dhaabbataa argachu malu.

Yoo sin hin taane ammoo biyya keessa turuu ykn ''biyya sadaffaadhaaf'' kolugaltummaa iyyachu danda'u.

Imaammanni kunis irra caalaa dargaggoota kanneen mootummaan ‘’karaa seeraan alaa fi malawwan balaafamoo ta’een’’ bidiruu ykn konkolaataa fe’umsaan biyyattii seenan irratti xiyyeeffata.

Ministirri Muummee UK Booris Joonsan Ruwaandaan baqattootta garasitti ergaman lammilee isheetiin qixa hojiifi tajaajila akka argatani eeyyamuuf dirqama qabdi jedhan.

Chaanaaliiwwan ittii kooluugaltoonni imalan

Namoota hagamiitu Ruwaandaatti ergama?

‘‘Namni kamiyyuu Amajjii 1, 2022 irraa kaase ''karaa seeraan alaatiin’’ UK seenan lakkoofsi isaanii osoo hin daangeffamiin gara Ruwaandaatti ergamu jedhan Ministirri Muummee UK Boorisi Joonsan. .

Namoonni 37 Kibxata kana gara Ruwaandaatti ergamuuf jiru, falmiin mirga namoomaatiin walqatu lakkoofsa isaanii gara saddeetiitti hir’iseera.

Ministirri Dhimma Alaa UK Liiz Tiraas, namoonni muraasnillee yoo ta’an balaliin garasitti ni gaggeeffama jedhan.

Liiz Tiraas itti dabaluun akkas jedhan, ''Yoo namni har’a xiyyaaran garas ggeeffamu hin jiraanne, balaliin si’a itti aanu gara Ruwaandaatti taasifamu ni jira,’’ jedhan.

Waliigaltichi Ruwaandaan akka koluugaltoota saaxilamtoota ishee muraasa ofitti fudhattuuf UK akka gaafattu dandeessisa.

Falmiin seeraa akkamiitu jiraa ?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbileen tola-ooltotaa fi ogeeyyiin seeraa baqattoota kooltugaltummaa gaafatan bakka bu’an tarkaanfii seeraa fudhataniiru.

Dhaabbanni Gargaarsaa 'Asylum Aid’ jedhamu, adeemsi kun baqattoonni koolugaltummaa barbaadan UK keessaa bahuun dura karaa seeraa akka iyyatanii fi deeggarsa seeraa akka gaafataniif yeroo gahaa hin eeyyamneef jedha.

Jaarmiyaaleen gargaarsaa biroon Ruwaandaan iddoo nageenya baqattootaaf mijatte ta’uu ishee gaaffii keessa galchuun, imaammatichi waliigaltee mirga namoomaa Awuroooppaa kan sarbuu jedhanii falmu.

Xiyyaarrii gara Ruwaandatti qajeeluun dura falmiin seeraa dabalataa sadii ni gaggeeffama jedhamee eegama.

Ministirri Muummee Joonsan ogeeyyiin seeraa imaammaticha ilaalchisuun mootummaatti falmii seeraan kaasuu eeraniiru. Taatullee ‘‘gartuulee wanbadee’’ namoota daddabarsan ittisuuf baayyee barbaachiisaadha jedhan.

Yaanni hawaasaa Wiixata sassaabame akka akeekutti, baqattoota koolugaltummaa barbaadan gara Ruwaandaattti erguurratti hawaasni Biritiish addaan hiramaniiru.

Namoota 2,463 gaafataman keessaa %44 imaammaticha deeggaruu- isaan keessaa ammoo %27 yaadicha cimsanii deeggaru. Taatullee %40’n imaammaticha mormaniiru- isaan keessaa %28 ‘’cimsanii’’ morman.

Adeemsiichi baasuu hangamii qaba?

Mootummaan akka jedhutti, sirni koolugaltummaan walqabatu waggaaatti paawundii biliyoona 1.5 baasisa.

Baqattoota mana hin qabne hoteela keessa turaniif guyyaatti paawundii miliyoona 4.7 ol mootummaa baasisa.

Ministirri Dhimma Alaa UK Liiz Tiraas balaliin xiyyaaraa Kibxata baqattoota gara Ruwaandatti geessu baasii hangamii akka qabu hin ibsine. Garuu balaliinsi chaartaraa bara 2020tti tokko tokkoo namaatti £13,000 fixe.

Jireenyi Ruwaandaatti maa fakkaata?

Gabaasaleen akka akeekkanitti, Ruwaandaan baqattoota UK ergaman simachuuf dhiheenya magaalaa guddoo biyyattii Kiigaaliitti qubsiisuuf hosteela qopheessitetti.

Motummaan Ruwaandaa koolugaltoota hanga 1,000 gara sanatti ergaman simachu akka danda'i himeera.

Ruwaandaan kanaan durayyuu baqattoota 150,000 biyyoota ollaa kan akka Burundii fi Diimokiratik Rippabilika Koongoorraa biyyattii seenan simatteetti.

Ruwaandaan baqattoota Liibiyaarraa gara Awurooppaatti ce’uuf yaalanis simatteetti.

Baqattoonni muraasi isaanii hojii qonnaa hojjatu, kaan immoo hojii mana keessaa hojjatu.

Baqattoonni hojii hin qabne harki caalaan isaanii ammoo deeggarsa mootummaan ji’aan paawundii 35 kennurratti hirkataniiru.

Mootummaan Ruwaandaa akka jedhetti, biyyattiin erga bara 1994tti saababii duguuggaa sanyiitiin namoonni 800,000 ajjeefamaniiru asitti guddina ‘’ajaa’ibsiisaa’’ galmeessaa jiraachu himti.

Haata'u malee ummata biyyattii miiliyoona 13 keessaa parsantaan 70n isaanii qonnaarratti hirkatu; jechuunis kan omishan gurguuruuf osoo hin taane nyaataaf.

Galiin biyyattiin argattu erga yeroo sanaati asitti dacha 10’n guddatera. Erga bara 1990 asitti umriin dheerina lammilee biyyattii 69 qaqqabeera. Uummata biyyattii miliyoona 13 keessaa %70’n qonna harkaa gara afaaniirratti hundaa’u.

Karoorichi namoonni gara sana akka hinceene dhorku danda'aa?

Imaammanni Ruwaandaa jalqabaaf mootummaa UKtiin kan ifa taasifame Ebla 14 irratti ture.

Ebla 18 hanga Waxabajjii 5 jidduutti, kolugaltoota 3,599 ta'aniitu bidiruuwwan xixiqqoon achi qaqabe.

Kunis kanneen Eblaafi Waxabajjii 2021 qaqabanii 4,554 gadi ta'ulleen, yoo baatii guutuun Eblaafi Waxabajjii ilaalamu ammoo calmaa qaba. Bara 2021 guutuutti namoota 28,526 ta'aniitu bidiruuwwan xixiqqoon qaxxaamuran. Kan bara 2020 ammoo 8,404 ture. Bara kanattis waliigala waggaatti kana akka caaluu danda'u himan qondaaltoonni gamtaa Humnoota Daangaa.