'Gootni Ruwaandaa' bara duguuggaa sanyii shororkeessummaan yakkamaa jedhaman

Paul Rusesabagina, 'Gootni Ruwaandaa' bara duguuggaa sanyii shororkeessummaan yakkamaa jedhaman.

Madda suuraa, Reuters

'Gootni Ruwaandaa' bara duguuggaa sanyii kan hoogganaa hoteelaa wayita turan namoota kuma tokko ta'an dhoksuun baraaran mana murtii biyyattiitti shororkeessummaan shakkamanii yakkamaa ta'an.

Paul Rusesabagina garee hidhattootaa mootummaa moruuf biyyaa ala socho'uufi bara 2018'tti namoota nagaa ajjeeseera jedhuun deeggaruun himatamanii balleessaan irratti argame.

Maatiin garuu humnaan butamanii gara Ruwaandaa geeffaman jedhu. Sirni haqaa isaas haqa qabeessa miti jechuun komatan.

Imalli jireenyaa Rusesabagina nama maqaa guddaa irraa gara 'diina biyyaa' kan si'ate namichi mootummaarratti qeeqni dhiyeessan dabaluu isaatiini.

Bara 1994 ji'a Eblaa irraa eegalee guyyoota 100 keessatti miseensonni saba Tutsii 800,000 ta'an ajjeefamaniiru.

Bara sana hoogganaa hoteela beekamaa kan turan namni amma shororkeessummaan yakkamaa jedhaman kun hoteelichatti namoota 1,000 ta'an dhoksuun lubbuu isaanii oolchuu danda'uun leellifaman.

Boodaas fiilmii Holly Wood seenaa kana mata duree 'Hotel Rwanda' jedhuun hojjetee, badhaasa Oscar'f kaadhimamee ture kana irratti seenaan nama kanaa taatoo Don Cheadle jehamuun bakka buufamee dhiyaateera.

Fiilmiin kun bara 2005 erga bahee booda qeeqni mootummaa erga duguuggaa sanyiitii Ruwaandaatti hundaa'eefi pireezidant Pool Kaagaameerratti dhiyeessan dhageettii guddaa argateera.

Biyya alaa wayita turanitti n amni kun qindoomina gartuulee siyaasaa mootummaa Ruwaandaa mormanii hoogganuuttis ce'aniiru. Gartuun isaan hoogganan qaama waraanaa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa jedhamus qaba.

Qaamni waraanaa kun bara 2018'tti haleellaa raawwateen namootni nagaan sagala ajjeefamaniiru jechuun himatu aanga'oonni.

Namoota dhaddacha irratti dhugaa bahan keessaa tokko buufata xiyyaaraa Dubaayitti xiyyaarichi gara Burundii imala jechuun gowwomsuun akkamiin gara Ruwaandaa akka fuudhanii dhufan ibseera.