Kooriyaan Kibbaa loltoota Kooriyaa Kaabaatti dhukaaste

Loltuu Kooriyaa Kaabaa bakkee biyyoota lamaan adda baasu bira dhaabate

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Loltuu Kooriyaa Kaabaa bakkee biyyoota lamaan adda baasu bira dhaabate

Kooriyaan Kibbaa jalqaba torban kana dhukaasa akeekkachiisaa gara loltoota Kooriyaa Kaabaatti dhukaasuu mirkaneessite.

Sababnimmoo daangaa akkaan eegamu loltoonni Kooriyaa Kaabaa waan qaxxaamuraniifi jechuun beeksisteetti.

Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa dhukaasa kana ''beekaa dubbii barbaacha'' taaasifame jechuun Kooriyaan Kibbaa waan ''to'annoon ala ta'u'' uumuuf yaalaa jirti jechuun himate.

Dhimmi kuni ifa kan ta'e yeroo Pirezidantiin haaraa Kooriyaa Kibbaa Lee Jaye Miyuung gaafa Sambataa Tookiyoofi Waashingitan daawwachuuf imala eegalanittidha.

Piyoogiyaang booda kana dubbii cimsiteetti.

Mootummaan pirezidantii Kooriyaa Kibbaa araara buusuuf yaalii taasisaa jiran obboleettiin Kim Jong Un mormaa jirti.

Taateen kuni yeroo Kooriyaan Kaabaa waggaa darbe eegalee daangaa ishee cufuuf sochii eegalte cimsitee itti fufte jirtutti mudate.

Daangaan biyyoota lamaa gidduu bakka namni hin qubanneetu jira. Ta'us, qaami tokko lafa kana yoo gahe muddamni hammaata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daangaan Demilitarised Zone (DMZ) jedhu dallaa hin qabu. Barjaa jiruus biqiltuun dhoksaa jira.

Ibsi Kooriyaa Kibbaaarraa bahe akka himutti, loltoonni Kooriyaa Kaabaa daangaarra dalagan toora namuu akka hin qaxxaamurre taasifame gaafa Kibxataa qaxxaamuran.

Boodas daangaa isaanitti deebi'an jedhe.

Miidiyaan Kooriyaa Kaabaa immoo akka gabaasetti, waraanni Kooriyaa Kibbaa dhukaasa akeekkachiisaa 10 ol gara loltoota Kooriyaa Kaabaatti dhukaaseera.

Waraanni Kooriyaa Kaabaa Let. Janaraal Ko Jong Kol kuni keessumaa daangaa kibbaa waraanni hedduu buufate jirutti waan hamaa uumuu mala jechuun dubbachuu miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa gabaaseera.

Pirezidantiin haaraa Kooriyaa Kibbaa hariiroo Kooriyaa Kibbaa waliin jiru fooyyessuuf akka barbaadan ifatti dubbachaa turan.

Waan kanaan Kooriyaan Kaabaa gammachuu hin ibsine.

Kooriyaan Kaabaa sagalee guddistuu daangaarra jiru kan holola ittiin tamsaastu kaasteetti jechuun Kooriyaan Kibbaa ibsitee turte.

Obboleettii bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un kan taate Kim Yo Jong kun dubbii dharaa ta'uu ibsite.

Kooriyaan Kaabaa sagalee guddiftuu daangaarra jiru ''gonkumaa buqqistee hin beektu, buqqisuufis yaada hin qabdu,'' jette namni siyaasa biyyattii keessatti bakka guddaa qabdu kun.

Ibsa miidiyaa mootummaa biyyattii KCNA irratti Kamisa maxxanfame keessatti ''Kooriyaa Kibbaa waliin hariiroo fooyyeffachuuf fedhii akka hin qabne yeroo adda addaatti mirkaneessineerra,'' jette.