Maakrooni fi aanga'oonni lixaa meeshaa waraanaan Israa'el qoqqobuun qaaniidha- Neetaniyaahuu

Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetaniyaahuu Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon meeshaalee waraanaa Israa'eliif kennaman irratti qoqqobbiin haa kaa'amu jechuusaanii qeeqan.

Pirezidant Maakroon raadiyoo Inter jedhamu waliin gaaffii fi deebii taasisaniin ''amma gara furmaata siyaasaa barbaaduutti deebi'uun dirqama. Waraana Gaazaa keessatti deemaa jiruuf meeshaalee waraanaa dhiheessuu dhaabuu qabna,'' jedhan.

Walga'ii Sambata kaleessaa (Onkoloolessa 5, 2024) Paaris keessatti gaggeeffamerratti Pirezidant Maakroon dhukaasi akka dhaabbatuuf irra deddeebiin waamichi dhihaatus waraanni Gaazaa hammaatee itti fufuun akka isaan yaaddesse dubbatan.

Pirezidantichi Israa'el waraana lafoo gara Libaanos erguunshee dogoggora jedhan.

Haasaa Pirezidant Maakroon kanaaf deebii kan kennan Neetaniyaahuun, ''warra qaaniiti'' jechuun Maakroon fi qondaaltota biyyoota lixaa qoqqobbiin meeshaa waraanaa Israa'el irra haa kaa'amu jedhan qeeqan.

Neetaniyaahuun viidiyoo karaa biiroo isaanii dabarsaniin ''deeggarsi keessan jiraatus jiraachuu baatus Israa'el injifachuun waan hin oolle,'' jechuun, kanneen qoqqobbiin haa kaa'amu jedhaniin ''maqa balleessituu fi qaanessituu'' jedhan.

Pirezidant Maakroon haasaa isaanii keessatti biyyisaanii ''Israa'eliif meeshaa waraanaa homaatuu kennaa hin jirtu,'' jedhan.

''Akka natti fakkaatutti wanti nuti dubbannu dhageettii argataa hin jiru, iddoon kennamaafii hin jiru,'' jedhan Maakroon.

''An gama kiyyaan kun dogoggora jedheen yaada. Nageenyummaa Israa'eliif yoo ta'ellee kun sirrii miti.''

Haalli amma deemaa jiru Israa'el waraana naannawa Baha giduugaleessaaf maqaanshee akka dhahamuu fi akka jibbamtu sababa ta'aa jira jedhan Maakroon.

Dabaluun ''amma dursi kan kennamuufii qabu'' balaa Libaanos keessatti mudatu ta'uu kaasan.

''Balaan Gaazaatti mudate Libaanos irra deebi'amuu hin qabu,'' jedhan.

Neetaniyaahuun deebii kennan keessatti biyyi Israa'el waliin hin dhaabbanne kamiyyuu Iraan fi michuuwwanshee waliin akka dhaabbataa jiranitti ilaalama jedhan.

''Pirezidant Maakroon fi aanga'oonni biyyoota lixaa tokko tokko meeshaalee waraanaa gara Israa'el ergaman irra qoqqobbiin haa kaa'amu yoo jedhan xiqqoo haa qaana'an,'' jedhan Neetaniyaahuun.

Biiroon Pirezidant Maakroon deebii Neetaniyaahuu booda ibsa baaseen Faransaay ''yoomiyyuu michuu Israa'el,'' jedhe.

Haata'u malee deebiin Neetaniyaahuun kennan ''mufannaa kan of keessaa qabuu fi hariiroo Israa'el fi Faransaay kan sarbu,'' ta'uu eereera.

Biyyisaanii fi mootummaan Ameerikaa Libaanos keessatti dhukaasi akka dhaabbatu waamicha dhiheessuu kan kaasan Maakroon, ''Ministirri Muummee Neetaniyaahuun ammas waraana biraa eegaluun nama gaddisiisa. Keessattuu dachee Libaanos keessa socho'uun oppireeshinii eegaluunsaanii baayyee na gaabbisiisa,'' jedhan.