Israa'el Baha Giddu-galeessaa akkamii uumuu barbaaddi?

'Baha Giddu-galeessa haaraa' jecha jedhu Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu irra deddeebiin yoo fayyadamu ni dhaga'ama.

Madaallii aangoo jijjiiruuniifi kaartaa siyaasa biroo naannicha keessatti bocuun galma Israa'el haaraa miti.

Haata'u malee, Israa'el keessatti erga Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 haleellaa raawwatee as waan amma saffisaan ta'aa jiruufi walitti bu'insawwan deemaa jiraniin walqabatee namoonni "kan kanaan duraa caalaa amma dhiyaateera" jedhanii amanu.

Kaartaa Israa'el falmisiisoo ta'an

Aanga'oonni Israa'el waltajjiiwwan idil-addunyaarratti kaartaa Israa'el wajjin mul'achuun baramaadha. Wanti hubatamuu qabu ammoo kaartaa isaan qabatan kun biyya ykn daangaa Filisxeem ilaalchisee hundi isaanii waan eeran hin jiru.

Ministirri muummee Israa'el haasaa dhiyeenya kana Kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti taasisaniin kaartaa lama qabatanii kan dhiyaatan.

Kan jalqabaa, warra Israa'el waliin waliigaltee nagaa tolfatan ykn hariiroo Israa'el waliin qaban gara idileetti jijjiiruuf biyyoota mariirra jiran bakkeewwan magariisa qaban agarsiisu yoo ta'u, Masirii, Sudaan, UAE, Sa'ud Arabiyaa, Baahireen fi Yordaanos kan dabalatudha.

Kaartaa inni lamaffaan bakkeewwan gurraacha dibaman kan Netaaniyaahuun "abaaramaa" jedhan yoo ta'u, Iraaniifi michootashee naannicha keessa jiran: Sooriyaa, Iraaq fi Yaman, akkasumas Libaanos kan dabalatudha.

Haasaa dhiyeenya kana taasisaniin Pirezidantiin Turkii Ressiip Taayib Erdohaan wanta kana "hawwii jibbinsaa Israa'el" jechuun akeekkachiisaniiru.

[Hawwiin] kun Lafa biyya dhaloota keenyaa Taayigiresiifi Efiraaxes gidduu jiru hawwuun karaa maappii fuula isaanii dura jiruun Gaazaa qofaan akka hin quufne ifatti labsu," jedhan Erdohaan.

Wiirtuu Baha Giddu-galeessaa Kaarneegii keessatti ogeessa olaanaa kan ta’an Yeziid Sayiugaah, hawwiin akkasii ajandaa ammaa Netaaniyaahuu itti jiran ykn kaayyoo dhugaa mootummaa isaanii agarsiisu ta’uu hin amanu.

“Baha Giddu-galeessaa haaraan Netaaniyaahuun yeroo ammaa akka uumamuf dhiibbaa gochaa jiran Israa’el bakkeewwan Filisxeem biroo hafan akka koloneeffattu dandeessisuudha,” jedha Sayigaah.

Israa’el pirojektii qubsumashee dheeressuuf yaada qabdu irraa duubatti hin deebitu; keessumaa Weest Baank keessatti, qeeqni Arabootaafi idil-addunyaarraa jiraatus qubsumaa ballisuu akka qabdu ifatti beeksisteetti.

“Mootummaa mirga Israa’el keessatti ministiroonni furmaata mootummoota lamaa hin amanne hedduutu jiru, amma ammoo erga waliigaltee Osloo bara 1993 booda mootummaa Falasxiin irraa kan fagaannu fakkaata, garuu Ameerikaan akkas jettu natti hin fakkaatu kaartaa Israa’el kana ni raggaasisu - kanneen naannoo Falasxiin hin hammanne,” jedha Deeviid Sheenker, dhaabbata olaanaa Waashingitan Inistiitiyuutii Imaammata Baha Dhihoo.

Kanaan dura dhimma baha dhiyootti gargaaraa barreessaa haajaa alaa ta'uun tajaajilaniiru.

''Ilaalchi Israa'el Baha Giddu Galeessaa haaraa kanaaf qabdu naannoo balaa Iraan irraa bilisa ta'edha,'' jedha Schenker.

Ammaa Israa'el siyaasa leellisummaan beekamu (right-wing) keessa ministeeronni fala biyya-lamee (two-state) jedhutti hin amanne hedduun jiru. Nuti amma Waliigaltee Osloo bara 1993 as biyya Filisxeem jedhurraa baayyee waan fagaanne fakkaata.

Garuu daangaawwan Filisxeem kan hin hammanne kana Yunaayitid Isteetis maappiiwwan Israa'el kanneen ni mirkaneessiti jedhee hin yaadu," jedhaInistitiyuutii Waashingitanitti ogeessi olaanaa Imaammata Baha Dhihoo Daavid Sheenkar.

Dhimma Baha Dhihootiif kanaan dura gargaaraa isteet sekireetarii ta'uun tajaajileera namni kun.

Ilaalchi Israa'el waa'ee Baha Giddu-galeessa haaraa naannoo yaaddoo Iraan irraa bilisa ta'edha," jedha Sheenkar.

Baha Giddu-galeessaa 'yaaddoo Iraan hin qabne'

Qondaala tikaa Israa'el soorama bahaniifi ogeessa nageenyaa Miirii Eyisen akkas jechuun BBCtti dubbatan: "Israa'el Baha Giddu-galeessaa haaraa dirqamaan akka jiraatu hin barbaaddu, garuu mootummaan mullaah Iraan keessa jiru naannicha akka ajaju hin barbaadnu."

"Jechoonni Netaniyaahuu sagantaa Iraan dhaabsisuurratti kan xiyyeeffataniifi bakka seena qabeessa taatee addunyaarratti muka qaanii isa taasise haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 duraan irra jirutti deebiyuu barbaada," jedha Saayig.

Haleellaa Israa'el bal'aa kibba Beerut irratti xiyyeeffachuun taasifme hordofee ajjeefamuun hogganaa Hezboollaa Hasan Naasirallaa , waraana kana keessatti ji'oopolotikaa naannichaa keessatti akka ijoo dubbiitti ilaalama.

Dursaa siyaasaa Hamaas Ismaa'el Hanniyyaa biyyashee keessatti ajjeefameef deebii kennuuf meeshaawwan waraanaa warra Lixaallee rifachiise fayyadamuun Iraan balastik misaa'el Israa'el irratti roobsite. Israa'el ammoo yeroo ofiin filattetti haleellaa Iraan irratti raawwatteef deebii kennuuf akka jirtu dhaadatteetti.

Furmanni karaa waraanaa gahaa miti

Yunaayitid Isteetis ol aantummaa tarsiimoo qabdu mirkaneessuuf Israa'eliif deeggarsa guddaa kenniti. Akkasumallee, sababa muddamni naannicha keessatti babal'atuuf humna naannicha keessatti qabdus babal'isteetti US.

Haata'u malee, deeggarsi kun yoo Israa'el kan Waashingitan sarara diimaadha jechuun irra deddeebiin dubbattu pirojektii nukilaraa Iraan irratti xiyyeeffachuufi fala biyya-lamee jedhu hanga hin ceenettidha.

Eyiin akkas jedha: "Tarkaanfiin humna waraanaa Israa'el meeshaawwan waraanaafi ayidiyooloojii Iraan michootashee ollaa [Israa'el] jiranitti erguun Israa'eliifi biyyoota kaaniif yaaddoo ta'an dura dhaabbachuun humna waraanaa isheen qabdu akka tuffatamu gochuu kan kaayyoo godhatedha."

Daavid Sheeknar Israa'el naannicha keessatti warra Iraaniif 'waraana ergisaa' [proxies] keessatti hirmaatan dadhabsiisuu keessatti milkaa'insa argamsiisteetti. Haata'u malee, deeggarsa biyyoota Arabaa malee toora haaraa uumuu hin dandeessu.

"Hamaas abbaa taayitaa Filisxeemiifi tattaaffii Arabaa, akkasumas dippilomaasii idil-addunyaa malee deebi'ee of ijaaruu danda'a. Hezbollaanis carraaqqii hawaasa Libaanos malee akkasuma deebisee of cimsuu danda'a,” jedha.

Israa'el michummaa nageenyaa, dinagdeefi tekinooloojiillee deeggartootashee warra "Iraaniin akka yaaddootti ilaalan" waliin jabeeffachuu barbaaddi jedhee amana Eyisen.

Waggoota darban keessa, Waashingitan naannicha keessatti pirojektii bakka sirriitti deebisuu jedhu hordofaa turteetti. Kana kan gootu ammoo deeggarsa dinagdeefi waraanaa kennuun, akkasumas yaada Israa'el naannicha keessatti Arabaaf yaaddoo miti, garuu Iraan dura dhaabbachuudhaaf michuu tarsiimawaa kan taatedha malee jedhu beeksisuun hojjechaa turteetti jedhee amana Eyisen

Naannichaa keessatti hariiroo Israa’el waliin jiru idileessuuf waggoota afran darban keessa saffisaan raawwatamaa kan ture yoo ta'u, Morookoo, UAE fi Baahireen Israa’el waliin waliigaltee Abrahaam mallatteessaniiru, garuu erga haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 fi waraana Israa’el fi Gaazaa booda lallaafaniiru. ququnca’aniiru.

Israa’el hariiroo Sa’ud Arabiyaa waliin qabdu idileessuuf barbaadaa turte. Sa'ud Arabiyaan ammoo hirmaannaafi dhiibbaan baay’inaan Shi’aa kan taate Iraan naannicha keessatti dabalaa dhufe mormiti, akkasumas fi Baha Giddu-galeessaa keessatti olaantummaasheef ni sodaatti.

Haata’u malee, Sa’ud Arabiyaan hanga mootummaan Filisxeem hin hundeeffamnetti Israa’el waliin hariiroo dippilomaasii akka hin uumne barruu Faayinaanshiyaal Taayimirratti baasteen ifatti labsiteetti.

Onkoloolessa 7 bara 2023 dura, jijjiiramni ji'oopolotikaafi dinagdee ilaalchawwan biyyoota Arabaa warra akka Masirii, Sooriyaa, Libaanos fi Yordaanos kan duraan hundeeffama Israa'el bara 1948 booda qoodamuu Filisxeem mormuun Israa'eliif beekamtii kennuu didanii jijjiiruu keessatti gahee guddaa taphateera.

"Biyyoonni kunneen Filisxeemota akka mararfatan shakkiin hin jiru. Haata'u malee, rakkoon Israa'el qofa akka hin taaneefii warri Filisxeemotaaf murteessanillee dhimmi kun akka ilaalatu arganii, walitti bu'insa Israa'el fi Filisxeem sirreessuu keessatti fedhiiwwan isaanii durfatu," jedha Sheeknar.

Michummaa dinadgee

Walitti dhufeenyaafi waliigalteewwan idileessuun Onkoloolessa 7 bara 2023 dura labsame ittisa keessatti invastimantii, nageenya saayibarii, faayintekiifi anniisaa kan hammatedha.

Waraanni Onkoloolessa 7 bara 2023 irraa eegalee ture baayyina tumsa daldalaa Israa’eliifi michootashee haaraa biyyoota Arabaa gidduutti taasifamaa ture kka akka harkifatu taasisuu mala.

Haata'u malee, ragaan Israa’el akka mul’isutti daldalli Israa’eliifi biyyoota Arabaa shan gidduu jiru UAE, Masrii, Baahireen fi Morookootiin durfamu walakkaa bara baajataa kanaa keessa akka dabaledha.

Gaazexaan Israa’el Maariv jedhamu, waliigalteen UAE fi Israa’el gidduutti mallattaa’e, biyyoota lamaan gidduutti daandii daldalaa uumuuf, Sa’ud Arabiyaafi Yordaanos keessa darbee, gara Masriittis akka babal’atu ifa godheera.

Gaaziin Israa’el akkuma kana madda dhiyeessii guddaa humna Masrii tokkoti.

“Israa’el toora naannoo haaraa bocuuf dippilomaasii, tumsa dinagdeefi tarkaanfii iwaraanaa cimaa walitti makuu qabdi,” jedha sheeknar.

“Jijjiiramni Baha Giddu-galeessaa haala idil-addunyaa, waldhabdee idil-addunyaa biroo kan akka US, Raashiyaa fi Chaayinaa gidduu jiruu, akkasumas jijjiirama siyaasa biyya keessaa Awurooppaa irraa adda baafamee ilaalamuu hin danda’u,” jedha Saayig.

Hayyuun Kaarneegii kun, jijjiiramni naannoofi addunyaa saffisaan dhufuun isaa kan yaaddessu yoo ta’u, kunis hundi isaanii addunyaa gara waldhabdeetti saffisaan deemaa jiru daran hammeessu mala jedha.