Har'a Liiverpuulii fi Arsenaal keessaa kan mo'atu waancaa Piriimer Liigii baranaa mo'ataa?

Leenjisaa liiverpuul, Yargan Kilooppii fi leenjisaa Arsenaal, Maayikil Arteettaa

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaal erga dirree Liiverpuul, Anfiildi irratti Liiverpuuliin mo’atee waggootni 11 darbaniiru. Yeroo sana Arteettaan taphataa sarara gidduu Arsenaal ture.

Icciitiin duuba jiru ammoo cimina taphattoota Liiverpuul qofa osoo hin taane dhiphina deeggartootni Liiverpuul taphattoota morkattootaa keessa galchanii fi haamilee taphattoota isaaniif kennaniidha.

Kilooppi kanumaafidha kan taphattoota isaanii caalaa deeggartoota isaaniif waamicha gochaa jiran.

Tapha Karabayoo Kaappii West Haamiin 5-1n mo’atan irratti miirri deegartootaa ture hedduu nama hin gammachiisu jechuun tapha har’aa dursuun deeggartootatti iyyataa jiru.

Miira istaadiyeemii Anfiildi keessaa yoo ibsan, ‘’%99.7 miira dirricha keessa jirutti akka maleen gammada’’ jedhan.

‘’Waan hundasheen jaaladha. Miirri uumata kanaa adda. Waan hundaattuu baay’ee gammadaadha.’’

‘’Anfiildiin Sanabata kana sirriitti akka barbaannu %100 dubbadheera, dhugaadha. Tapha dirree keenya irratti gaggeessinu isa sirrii taphachuu qabna. Muuxannoo Anfiildi isa dhugaa keessatti taphanna. Waan ani barbaadu kanuma,’’ jedhan.

Arteettaan Anfiildiin maashina wayyaa miiccu [laawonderiitti] fakkeesse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Leenjisaan Arsenaal Maayik Arteettaan, miira istaadiyeemii Aanfiildi keessaa ‘’maashina uffata miicudha’’ jechuun ibse.

‘’Bakka deemtee taphachuuf waan ajaa’ibaa sitti tahuudha’’ jechuuun ibse.

Bara dorgommii darbe Arsenaal Anfiildi irratti 2 fi 0’n dursaa osoo jiruu Liiverpuul duuba ka’uun taphicha 2-2 qixa xumuran.

Arsenaal Mersiisaayiditti erga Liiverpuuliin mo’atee waggootni 11 darbaniiru jechuudha.

Dookimantariin Amaazoon bara 2021 'All or Nothing' jedhu yeroo Arteettaan taphattoota isaa tapha Liiverpuul yeroo sana tureef qopheessu agarsiisee ture. Garuu Liiverpuul taphicha 4-0n mo’ate.

‘’Waan addaati, akkuma Oldi Tiraafoordi addadha," kan jedhe Arteettaan, seenaa keessatti Oldi Tiraafoordis miira ajaa’ibsiisaa adda tahe qaba ture.

Biyya kana keessa istaadiyeemiin akkasii muraasa. Imireetis isaan keessaa tokko’’ jedhe Arteettaan.

‘’Akkan yaadutti yeroo tokko waa’ee isaa ibseera. Yeroo gahumsa gaariirra akka hin jirru beektuu fi isaan ammoo sirra fooyyee qabaachuu hubattu, akkuma maashina si cuunfu [miiccu] sana jalaa bahuu hin dandeessu,’’ jechuun miira Anfiildi keessaa ibse.

‘’Haalota kanneen keessaa bahuuf ni yaalta garuu barnootadha- takkaa ni taha, sana booda sirratti deebi’ee hin raawwatu’’ jechuun haala Anfiildi jijjiiruuf dhaateera.

Taphni kun torban 18ffaa yoo tahu, kilabni mo’ate ayyaana Qillee [Christmas] irratti gabatee Piriimer Liigii dursa.

Waggoota kudhan darban keessa kilabni ayyaana Qillee irratti gabatee Piriimer Liigii durse waancaa mo’ateera.

Aston Viilaan eda Shefiildi mo’atee seenaa haaraa galmeessa jedhamee eegamus qixa xumuruun sadarkaa lamaffaarra jiru.

Kilooppi tapha kana mo’achuun waancaa fudhachuu miti garuu sanas tahe kana qabxii sadii barbaanna jedhan.

Arteettaan tapha kanaaf qophii gahaa taasiseera. Liiverpuul ittisa irratti hanqina waan qabuuf Arteettaan dadhabina Liiverpuul irratti hojjechuun tapha kana mo’achuun seenaa jijjiruuf yaala.