Liiverpuul V Arsenaal dabalatee taphoota Piriimer Liigii torban kanaan eenyu akka mo'u tilmaamni kennameera

Madda suuraa, Getty Images
Taphoonni torban 18ffaa Piriimer Liigii Kamisarraa kaasee taphatama. Ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan eenyu akka mo'atu sababa waliin xiinxalee tilmaameera.
Piriimer Liigii tokkoffaafi lamaffaarra kan jiran, Arsenaaliifi Liiverpuul Sambata kana dirree Liiverpuul, Anfiildirratti waliif ba'u.
Arsenaal fi Liiverpuul keessaa eenyu akka caalaa waancaaf dheebuu qabu nu agarsiisuu laata?
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan tapha bara darbe kilaboonni kuneen Anfiildirratti yeroo walitti dhufan waan mudate yaadata.
“Namoonni baayyeen tapha Sambata kana eegamu walqixaan xumurama jechaa jiru. Ani garuu gahumsa Liiverpuul bara kana agarsiisaa jiru natti toleera.Mohaammad Saalaah dandeettii isaa yoo agarsiise na hin dhibu," jedha.
Taphoota Piriimer Liigii 380 kan tilmaamu Kiriis Suutan tapha Kamisa Kiristaal Palaas fi Biraayitan taphatanii 1-1 walqixa bahan dabalatee taphootaa Jimaataafi Sambata akka itti aanu kanatti tilmaama isaa kaa'eera.
Kiriis Suutan tapha Kiristaal Plaasiifi Biraayitan 1-1n xumurama jedhee akkuma tilmaame ta'e.
Jimaata
Aston Viilaa V Sheefiild Yunaayitid
Shefiild Yunaayitid raajiin addaan yoo uumame malee dirree warra Viilaatti qabxii argatu jedhee hin yaadu.
Dhugaadha Shefiild Yunaayitid Kiriis Waayilder leejinsaa godhee erga qacaratanii booda jijjiirama hanga tokko fidaniiru. Haata'u malee, sadarkaa dhumaarratti argama.
Karaa biraan ammoo Viilaan baayyee cimaa. Torban darbe dirree Bireentiford boodarraa ka'ee mo'achuu danda'eera.
Dirree isaaniirratti ammoo kan isaanitti bu'u hin argamne.
Dhugaadha Viilaa Paarkitti erga mo'aman bubbuleera. Guyyaa tokko mo'achuun isaa hin oolu. Tapha Sheefiild waliin waliin taasisaniin garuu miti.
Gareen Unaay Emirii tapha kana yoo mo'ataniifi Liiverpuul ammoo Arsenaal waliin walqixa yoo bahan Ayyaana Qillee Liigicha dursuun dabarsu.
Tilmaama: 2 - 0
Sambata

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Weest Haam V Maanchester Yunaayitid
Maanchester Yunaayitid torban darbe gara Anfiild deemee cufee taphachuun walqixxa bahee qabxii qabatee deebiyeera. Kana dirre Weest Haam deemee kana dabaluu danda'aa? Natti hin fakkaatu.
Ani akka natti fakkaatutti Weest Haam tapha kana ni mo'ata. Weest Haam torban darbe tapha Wolvis waliin taphateen gahumsa cimaa agarsiisee ture.
Gareen Eriik Teen Haag hedduu na hawwachaa hin jiru. Deeggartoonni Maan Yunaayitid Liiverpuul waliin waliin walqixa bahuun isaan sossobuu hin qabu. Kun kan agarsiisu Maan Yunaayitid hangam akka kufe agarsiisa.
Tilmaama: 2 - 1
Fuulhaam V Barnilee
Fuulhaam taphataa isaa sarara duraa Raawul Emineez malee tapha kana taphata.
Emineez tapha Niwukasil waliin tureen kaardii diimaan bahee ture. Haata'u malee, gareen kun jifataakana malees taanaan goolii lakkoofsisuu isa rakkisa jedhee hin tilmaamu.
Waa'ee Barnilee torban torbaniin waanta walfakkatu jechaan jira natti fakkaata. Jijjiirama fidu jedhee hin yaadu.
Tapha kanarraa wanta tokko argachuu barbaada. Haata'u malee, Barnileen sadarkaa amma irra jiruun kilaba Piriimer Liigii madaalu miti.
Tilmaama: 2 - 0
Luutan V Niwkasil
Amballiin Luutan Toom Lookar torban darbe tapha tureen dirreerratti kufee amma fayyaan isaa haala jiraachuun oduu gammachiisaadha.
Luutan taphni osoo addaan hincitiin dura taphni dirree Barnimawuz irratti agarsiisan gaarii ture. Haata'u malee, taphotta saddet keessaa tokko qofa mo'ate.
Ta'us garuu Niwukasil dandeettii dirreeisaatiin ala agarsiisaa jiru waan amansiisu miti.
Niwukasil tapha kanaan goolii dhiphaa akka mo'atun nan tilmaama.
Tilmaama: 1 – 2
Maanchester Siitii V Bireentifoord
Taphni kun yeroo biraatti darbeera. Maan Siitiin gara Sa'udii deemee Woorld Kaap FIFA addunyaarratti garee Biraazil Filumiineens waliin tapha dhumaatiif qaqqabeera.
Yunaayitid Forest VBarnimooz
Forest leenjisaa haaraatiin deebiya. Istiiv Kuuppar tapha isaanii dhumaarratti Tootenhaam sirriitti qoranii ture. Tapha dhumaa kanaaf ari'amuurraa ni oola jedhamee ture.
Leenjisaan haaraa Nuunoo Espiriitoo Saantos mo'ichaan jalqabuu laata? Salphaa isaaniif hin ta'u. Keessattuu Gahumsa cimaa agarsiisaa kan jiru Dominiik Solaankee kan qabu Bornimaawuz haala gaariirra jira.
Tilmaama: 1 – 1
Tootenhaam v Everteen
Kun ajaa'ibaafi tilmaamuudhaaf kan nama rakkisaa akka ta'en yaada.
Shoon Daayish Evertan irratti hojii ajaa'ibaa hojjechaa jira. Haala hanga har'a argineen leenjisaa cimaa bara kanaa filadhaa osoon jedhamee filannoon kiyya duraa Shooyin Daayish ta'a.
Warri Tootenham sirriitti cimaa jira. Yeroo tokko tokko ammoo dandeettii gadi aana ta'e agarsiisa. Tapha kanarratti ammoo Bisummaa adabbiitiin dhabeera.
Tootenham salphaattis ta'uu baatus akka mo'atuufi Everten irratti goolii akka lakkoofsisun tilmaama.
Tilmaama: 3-1
Liiverpull v Arsenaal
Arsenaal akka torban darbe Maanchester Yunaayitid dhiyaatee arginetti hin dhiyaatu. Arsenaal akka baradorgommii darbee osoo hin taane garee isa morkaturratti balaa uumuu danda'a.
Namoonni baayyeen kan jedhan sarara jifataarratti cimaa isaan hanqata. Anis kanatti waliif nan gala. Haata'u malee, sarara hundaarra kan jiran goolii lakkoofsisuu danda'u.
Liiverpuul dirreesaarratti ni mo'ama jedhee tilmaamuun na rakkisa. Kun gargaagarummaa dhiphaa ta'een xumurama jedheen yaada. Haata'u malee, Liiverpuul dirreesaarratti waan taphatauuf walqixa bahuu waan fhedhu natti hin fakkaatu.
Tilmaama: 2 -1
Dilbata
Woolvis V Chelsii
Wolvis tapha torban Weest Haam waliin taphatan irratti hirmaannaa cimaa qaban itti fufsiisuu isaan rakkisee ture. Tapha kanaan garuu deeggartoota isaatiin cimee gaarii taphata jedheen eega.
Wanti Chelsii garuu kan bitaa namtti galudha. Garee Mirsiyoo Pochetiinoorraa maal akka eegnuyyu hin beeku. Taphni kun walqixxa ta'e xumurama jedheen yaada.
Tilmaama: 1 – 1












