Virjil Vaan Daayik qeeqa tapha Liiverpuulii fi Maan Yuunaayitid booda irratti ka'eef deebii kenne

Tapha Liiverpuulii fi Maanchister Yuunaayitid

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan Liiverpuul Virjil Vaan Daayik, akka Rooy Kiin jedhe sanatti Maanchister Yuunaayitidiin tuffadhee yaada hin kennine jechuun haale.

Tapha Liiverpuulii fi Maanchister Yuunaayitid galchii malee xumurame booda Vaan Daayik ''garee tokkicha qofatu taphicha mo'achuuf yaalaa ture'' jechuun dubbatee ture.

Taphataan sarara gidduu duraanii Maanchister Yuunaayitid Roy Kiin, Sky Sports irratti xiinxalaa kubba miilaa tahuun hojjeta.

Afaan isaa [Vaan Daayik] keessaa jecha tuffiitu bahe. Maanchisteriin akkasitti tuffatee dubbachuu hin qabu'' jechuun Roy Kiin aariidhaan deebii kennuuf yeroo itti hin fudhanne.

Vaan Daayik ''ani Roy Kiiniin nan jaaladha, inni yoo akkas na jedhe homaa miti, gaariidha,'' jedhe.

''Umurii isaa guutuu Maanchister Yuunaayitid akka tahe nan beeka. Kanaaf akkasitti itti dhagahamuun isaa waanuma eegamu, garuu waanan jedhe keessa gonkumaa yaadni tuffii hin jiru'' jedhe.

"Namni taphicha ilaale kamiyyuu waanuma akkasii hubata. Sirriitti taphanne. Carraa hedduu uumne garuu galchii hin lakkoofsifne. Kun ammoo qaama yaaddoo qabnuuti,'' jedhe.

Roy Kiin dubbii Vaan Daayik kanaaf, ''Waan yaadachuu qabdu tokko kilaba waggaa 30 keessatti waancaa Piriimer Liigii tokko qofa mo'ateef taphachaa jiraachuukeeti,'' jedhe.

Itti dabaluun ''akkuma Liiverpuul yeroo dheeraaf haala rakkisaa keessa ture, Maanchisteris akkasuma haala rakkisaa keessa jira,'' jechuun dubbii Vaan Daayik qeeqe.

Liiverpuul kubba %69 qabachuun Maan Yuunaayitid irratti caalmaa taphaa fudhatee ture.

Bara dorgomii kana Liiverpuul dirree isaa irratti qabxii yoo gatu kun kan jalqabaati.

Taphoota 17 booda Arsenaal kan Biraayitaniin mo'ateen caalamee sadarkaa sadaffaati gadi bu'eera.

''Tarii dhiibbaa isaan irratti goone xiqqaan jiraatus garuu kana caalaa murtoo sirrii fudhachuun hojjechuu dandeenya ture. Garuu sarara ittisaa sana cabsuun ulfaataa ture,'' jedhe Vaan Daayik.

"Yaaltee, yaaltee, yaaltee waan hundumaa gootee guyyaan akkanaa itti galchii lakkoofsisuu hin dandeenyes jira,'' jedhe.