Arsenaal v Poortoo, Maanchister Siitii v Kooppenhaagen - Ramaddiin Shaampiyoonsi Liigii ifa tahe

Arsenaal v Poortoo, Maan Siitii v Koopenhaagen

Madda suuraa, Getty images

Ibsa waa'ee suuraa, Arsenaal erga bara 2016-17 yeroo jalqabaaf dorgommichatti deebi'e

Ramaddii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa amma baheen waggoota jaha booda gara dorgommichaatti deebuun ramaddii isaa keessaa tokkoffaan kan xumure Arsenaal kileba Poorchugaal Poortoo waliin ramadame.

Maanchister Siitiin kilaba biyya Deenmaarki kan masaanuu isaa Maanchister Yuunaayitidiin kuffise darbe, Koopenhaagen, waliin ramadame.

Sadarkaa kilaboota Awurooppaa [ Euro Club Index] Kooppenhaagen 79ffaa irratti kan argamu yoo tahu, sadarkaa 16ffaa irra kan jiru Maanchister Yuunaayitid fi sadarkaa 50ffaa irra kan jiru Galatasaarii mo'achuun darbe.

Maanchister Siitiin bara darbe Inter Miilaan mo'achuun shaampiyoonaa tahuun isaa ni yaadatama.

Yeroo 14 shaampiyoonaa tahuun rikardii kan qabu Riyaal Maadirid, kileba Jarman, RB Leepzhiig waliin ramadame.

Kilebni biyya Ispeen biraa Riyaal Soosedaad, waggoota 11 oliif waancaa Shaampiyoonsi Liigii injifachuuf abbalee kan dadhabe PSG waliin morkata.

Bara darbe xumuraaf kan dhaqqabe Inter Miilaan kileba biyya Ispeen Atileetiikoo Maadirid waliin yoo morkatu, Baarseloonaan kileba Xaaliyaanii bara darbe waggoota 33 booda Shaampiyoonaa Seeriyaa A tahe Naappoolii waliin morkata.

Baayern Munik ammoo Laaziyoo waliin, Boorushiyaa Doortimondi kileba Nezeraalndis PSV Indoven waliin morkata.

Arsenaal erga bara 2016-17 yeroo jalqabaaf dorgommichatti deebi'e.

Taphni marsaa duraa kileboota 16 kun torban lama lamaan kan taphatamu yoo tahu, kan duraa Guraandhala 13-14 akkasumas 20-21, bara 2024 taphatama.

Taphni deebii ammoo Bitootessa 5-6 akkasumas 12-13 bara 2024 taphatama.

Ramaddiin Awurooppaa Liigii har'a baheera. Ingilizirraa Biraayitan, Liiverpuulii, Reenjersi, fi West Haam garee isaanii keessaa dursanii darban.

Aston Viilaan ammoo Awurooppaa Konfirensii keessa jira.