'Namni tapha Arsenaal irratti argamuu hin dandeenye tikkeettiisaa nama biraaf haa kennu'- Yaargan Kilooppi

Leenjisaa Liiverpuul Yargan Kilooppi

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Liiverpuul Yargan Kilooppi namni tapha Arsenaal waliin taasifnu irratti ''argamuuf haalli hin mijanneef'' tikkeettii isaa nama biraaf haa kennu jedhan.

Arsenaalii fi Liiverpuul gabatee Piriimer Liigii dursuuf Sanbata dhufu morkii jabaa taasisu.

Liiverpuul qabxii tokkoon Arsenaaliin caalamee sadarkaa lammaffaa irra jira. Kilooppi tapha Karabayoo Kaappii West Haamiin 5 fi 1'n mo'atan irratti deeggartoota isaanii qeeqaniiru.

Liiverpuul galchii guddaa bara kana lakkoofsisan galchii shaniin gara walakkaa xumuraatti darban.

Waancaaf darbuuf Fuulham waliin ramadame. Mohaammad Saalaa, Gaakpoo, Dominik Soobislaay, fi Kurtis Joonsi galchii lakkoofsisanis miirri Anfiildi ture garuu ho'aaa hin turre jechuun qeeqan.

Aanfiildi erga babal'ifamee deeggartoota kuma 57 qabachuu jalqabee taphni eda galagaalaa isa lamaaffaadha.

Erga Dilbata darbe Maanchister Yuunaayitid waliin galchii malee qixa bahanii miirri Aanfiildi keessaa callisaan kan guutame ture jechuun xiinxalaan kubba miilaa Gaarii Neevil dubbateera.

''Deeggartoota Liiverpuul hedduun dinqisiifadha. Waggoota 60 fi 70 tahaniif deeggartoota adda tahan turan. Garuu kun callisa guddaan jireenya kootti argeedha" jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boqonnaa dura yeroo ijoolleenkoo haala adda taheen taphatan sababa miira dubakoo jiru irraa kan ka'e hedduu hin gammadne,'' jedhe leenjisaan Liiverpuul.

''Uummatan gaafadhe: Maal akka isaan barbaadan? Waan hedduu jijjiirree West Haamiin aka ajaa'ibaatti caallee taphanne. Carraa galchiis dhabneerra. Osoo anatu bakka deeggaraa taa'a tahe, quba miilakoon dhaabadheen isaan deeggara, %1,000.

"Taphni Maan Yuunaayitid waliinii hagas mara gaarii tahuu dhabuu isaati tahee hin beeku, isaan mo'uu dhabuun dhiifama isaan gaafanna.'

Sanbata dhufu kana Liiverpuul bara kan waancaaf dorgomaa cimaa tahe Arsenaal waliin morkata.

Arsenaal guyyoota jahan darban keessatti homaa waan hin taphanneef boqonnaa gahaa argataniiru.

Torban darbe Biraayitaniin 2-0n erga mo'atanii ammas dursummaa isaanii cimsachuuf Liiverpuul waliin morkatu.

Aston Viilaan yoo Jimaata Sheefildiin kan mo'atu tahe liigicha dursuu jalqaba.

''Sanbata dhufu Aanfiildiin barbaanna,'' jedhe kilooppi.

''Arsenaal torban kana keessa hin taphanne. Namni waa'ee isaanii beeku kamuu akka qophaa'aa jiran beeka. Kanaaf sekondii jalqabaa irraa eegaluun Aanfiilditti quba miila isaaniin dhaabatanii akka nu deeggaran barbaanna,'' jedhan Kilooppi.

"Ji'a Muddee kana keessa taphni baay'atee argamuuf haalli kan isinii hin mijanne tahes, tikkeettii keessan nama biraaf kennaa,'' jedhan.