''Dubartiin kun Hindii moo gurraattii?jechuun Tiraamp sanyummaa Hariis gafate

Doonaald Tiraamp waltajjii gaazexeessitoonni guraachonni irratti walga'an irratti wayita haasaa taasisu sanyummaa Kamaalaa Hariis irratti gaaffii kaase.

Korri Waldaa Biyyaalessaa Gaazexeessitoota Guraachaa Roobii kaleessaa Chikaagootti gaggeeffame kun kan falmii jabaan irratti ka'e ture.

Pirezidantii itti aantuu fi yeroo ammaa Paartii Dimokiraatotaa bakka buutee kan dorgomaa jirtu Hariis, duraan eenyummaashee Eeshiyaa fi Ameerikaa (Asian-American) qofatti maxxansaa turte, amma ammoo ''gurraattii ta'uu himatti,'' jechuun qeeqa bu'uura hin qabne irratti dhiheesse Tiraamp.

''Waggoota hedduuf gurraachota keessaa ta'uushee hin beekun ture. Hanga isheen dhiheenya kana as baatee gurraattii ta'uu himattutti. Amma kunoo gurraattii taatee beekamuu barbaaddi,'' jedhe Tiraamp.

''Kanaafuu an hin beekne- Amma isheen Hindii moo gurraattiidha?'' jedhee gaafate Tiraamp.

Kamaalaa Hariis haasaa Tiraamp kanarratti wayita yaada kennitu ''inni ammallee qoqqoodiinsaa fi kabaja namaaf dhabuu duraan ittiin beekamutti jira,'' jette.

Haasaan Tiraamp dhimma Hariis ilaalchisee gaazexeessitootarraa gaaffii jajjabaa irratti kaasise.

Gaazexeessitoota gaaffiidhaan Tiraamp muddan keessaa tokko gaazexeessituu ABC News Racheel Iskoot. Waltajjii Chikaagoo isheetu gaggeessaa ture.

Qondaalli warra Rippaabilikaan dura deemu kun ''an hundayyuu nan kabaja,'' jechuun dhimma sanyummaa Hariis irratti dubbachuu itti fufe.

''Isheen garuu akkas miti. Sababni isaa hanga yoonaa Hindii turte, battaluma tokkoon kaatee gurraattii of goote,'' jedhe.

Pirezidantiin duraanii fi kaadhimamaan warra Rippaabilikaan kun durumaanuu sanyummaarratti hundaa'uun nama qeequu fi arrabsuun beekama.

Pirezidantii gurraacha jalqabaa US Baraak Obaamaas Ameerikaa keessatti otoo hin dhalatin pirezidantii akkamiin ta'a jechuun qeeqaa ture.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddara duraanii Ameerikaa fi Rippaabilikaanota keessaa morkattuu isaa kan turte Nikki Haley akkasuma sanyummaan qeeqaa ture.

Wayita isheen dhalattu maatiinshee lammii Ameerikaa hin turre jechuun himataa ture.

Tiraamp himannaa kana hunda wayita dhiyeessu ragaa qabatamaa maleedha, kanaafuu sobaan nama himachuun beekama jedhuun.

Tiraamp waltajjii Chikaagoo irratti dhimma dandeettii Hariis kaasuunis qeeqeera. Wayita seera barachaa turte qormaata madaallii dandeettii hin darbine turte jedheen.

Wayita inni akkas jedhu hirmaattonni mufannaadhaan isarratti gungumaa turan.

''Waan qabatamaan isinitti himaa jira. Qormaata madaallii hin dabarre. Nan darba jettees hin eegne. Fuuldurattis nan darba jettee hin abdattu turte. Akkasittan ishee beeka. Ergasii waan mudate hin beeku. Yoona dabartee ta'uu danda'a,'' jedhe Tiraamp.

Kamaalaa Hariis bara 1989 kolloojii seeraa Kaalifoorniyaa- University of California Hastings College of Law jedhamurraa eebbifamte.

Qormaata madaallii jalqaba erga kuftee booda marsaa lammaffaarratti darbuushee Niwu Yoork Taayimsi gabaasee ture.

Namoota jalqaba ishee wajjin qoraman keessaa walakkaa gadi qofatu darban jedha kubbaaniyyaan qormaata kana qoru.

Waltajjii Chikaagoo kanarratti Tiraamp kan inni qeeqeefi arrabse morkattuu isaa Hariis qofa miti.

Gaazexeessituu ABC News illee arrabseera. Wayita gaazexxeesituun kun isa inni duraan waa'ee sanyummaa, keessattuu namoota gurraachota, irratti arrabsoo fi qeeqa dhiheessaa ture kaasuun isa gaafattu inni ammoo arrabsoodhaan deebiseef.

''Kan waa hin hubanne/hin beekne fi nama jibba sanyummaa qabu,'' jedheen gaazexeessituu kanaan.