Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa xiqqoo Indiyaa Pirezidantiin Itti-aantuu US, Kaamlaa Heriis kan keenya jettu
Magaalaa xiqqoon Kibba Indiyaa bulchiinsa Cheennaay irraa fageenya km 300 irratti argamtu Telaasendidiraapuraamitti jiraattonni pirezidantii Itti-aantuu US Kamlaa Heriis kan keenya jechaa jiru.
Magaalaan xiqqoon biyya Ameerikaa Waashingitan DC irraa fageenya kiloomeetiroota kuma 14 ol irratti argamtus bakka dhaloota akkoo haadha Kaamlaa Hariisiidha.
Magaalaa kana keessatti suuraa guddaan Kaamlaa umuriin waggaa 59 tanaa fannifameera.
Kaadhimamtuu pirezidantii Dimokiraatotaa kan taate Kaamlaa Haariis akka dorgommisheetiin milkooftuufis jiraattoonni ollaa tanaa kadhannaa taasisaa jiru.
Maqaan Kaamlaafi maqaan akkooshee namoota bakka sagadaa magaalaa sana keessatti argamuuf deeggarsa taasisan keessatti barraa'eera. Nyaanni mi'ooftuu erganis jiraattotaaf raabsameera.
Sababii umuriitiin duula filannoo keessaa akka bahan kan taasifaman Joo Baayida filannicha keessaa bahuu labsuu hordofee, Kaamlaan kaadhimamtuu ta'uusheetti jiraattoonni ollaa kanaa adeemsa filannoo Ameerikaa itti dhiheenyaan hordofaa jiru.
''Biyya jabduu akkasiitti gulantaa olaanaa kanarra taa'uun waan salphaa miti'' jedhan hojjii gaggeessaan baankii sorama bahan, Kiriishinaa Murtii.
Itti dabalunis, ''Dhugaatti isheen bonnee jirra. Tibba tokko Hindoonni biyyoota biraatiin bulfamaa turan. Ammaan tana ammoo, Hindoonni biyyoota guddatan dursaa jiru'' jechuun gammachusaanii BBCtti himan.
Kaamlaa Heriis keessattuu dubartoota Hindootaatiif kaka'umsa ta'aniiru. Kaamlaa akka qaama hawaasa isaanii kan ilaalan yoo ta'u, eddoo kam irrattu waltajjii dubartoonni irra gahuu qabaniif fakkeenya ta'aniiru.
''Ijoollee dabalee namni hundi ni beekaan. 'Obboleettiinkoo, haadhakoo' jechuun ishee waamu jedhan bakka bu'aan bulchiinsa ollaa sanaa kan ta'an Aruulmoozhii Sudihaakaar.
“Bu'urashee waan hin daganneef gammadeera. Nutis gammachu keenya ibsataa jirra'' jedhan.
Kamlaa Haaris seenaa Ameerikaa keessatti dubartii jalqabaa, gurraattii fi sanyii Eshiyaa Ittaantuu pirezidantii ta'un bara 2020tti gara aangootti dhufte.
Kamlaan yeroo ittaantuu pirezidantii ta'uun gara aangootti dhufteetti jirraattoonni ollaa tanaa richiitii qabsiisuun, poositaroota qabatanii kan bahan yoo ta'u, gammachuun yeroo sanaa ammas irra deebii'amaa jira.
Bakkichattis qophiin jiraattoonni dhibbaan lakkaa'aman irratti argaman kan qophaa'e yoo ta'u, gosti nyaataa aadaa Hindii dhiyaatanis kannneen Kamlaan jaalattu keessaa akka ta'an firootashee keessaa tokko himaniiru.
Dhaloota Hindii
Haatii Kaamlaa kan qorattuu kaansarii harmaa ta'an, Addee Shaayimaalaa Gootaalaan dhaloonni isaanii bulchiinsa Kibba Hindii Taamiil Naadu keessadha.
Maatiin Shaayimaalaa ammoo bakki dhalootasaanii ollaa Hindii tiqqoo Teelaaseendiidiraapuraadha. Haatii Kaamlaa kan gara Ameerikaa deeman bara 1958 keessa ture.
''Haatiikoo Shaayimaalaan Hindiirraa gara Ameerikaa kan dhufte qofaashee umurii waggaa 19tti ture. Dubartii cimtuudha. Saayintiistii, falmituu mirga namoomaa akkasumas haadha ijoolleen dubaraa ishee lama ofitti amanummaan akka guddatan taasifteedha'' jechuun ture Kaamlaan bara darbe barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti barreessiteen haadhashee kan ibsite.
Ameerikaa Oklaand-Kaaliifoorniiyaatti kan dhalatan Kaamlaan, maatiinshee baqattoota yoo ta'an, haatiishee lammii Hindii, abbaanshee ammoo lammii Jamaayikaati.
Haatiifi abbaan ishee adda kan bahan ammoo wayita isheen daa'ima waggaa shanii jirtuudha. Kanaafu haadhashee Shaayimaalaa qofaatu guddiseen.
Haatiishee Kaamlaafi obbooleettiishee Maayaa hawaasa gurraacha Okilaadi jiru keessatti akka makaman gochuun akka guddisan dubbatti Kaamlaan.
''Haatiikoo ijoollee gurraalee lama akka guddiftu sirriitti hubattee turte'' jechuun ture Kaamlaa Haariis kitaaba seenaa jireenyashee mataduree 'The Truths We Hold' jedhu keessatti kan barreessite.
Kaamlaa Haariis fi obbooleetiin isaani erga haatiisaanii du'anii booda gara Hindii bulchiinsa Cheenaaytti imaluudhaan haaluma amantaa fi aadaa Hinduutti daaraa reeffa haadhasaanii galaana keessatti firfirsuu gaazeexaan 'The Hindu' jedhamu gabaaseera.
Kaamlaa Haariis maatii jireenya keessatti milkaa'ina olaanaa qaban keessaa bahan. Eessumni haadhassaanii Goopaalaan Baalaanchaandiiraan hayyuudha. Akkasumas, Akkoonsaanii Piivii Guupaalaan oggeessa baqattoota deebiisanii qubachiisuufi birokiraatii beekamoodha.
Bara 1960mota keessa ammoo gorsaa pirezidantii Zaambiyaa jalqabaa ta'un tajaajilaniiru.
“Kaamlaan maqaa gaarii erga argattee yeroo muraasa ta'eera. Kan baayyee nama dinqu miti. Waan waggootaaf eegamaa tureedha'' jedhu Yunivarsitii Delhi Jaawaahaarlaal Neehiruutti pirofeessara fiiziiksiifi haadha Kaamlaa waliin barataa daree tokkoo kan turan, Ar Raajiraamaan.
Pirofesarichi walitti dhufeenyi haadha Kaamlaa waliin qaban kan adda citee ture yoo ta'u, wallakkeessa 1970motatti Ameerikaa dhaquudhaan Yunivarsitii Barkileey keessatti arganii akka turna ibsu.
''Yeroo Shaayimaalaa waliin wal agarree turreetti shaayi na affeerte jirti. Ijoolleenshee Kaamlaafi Maayaanis achi turan. Akka daa'imaatti xiyyeeffannaa omaatu naaf hin kennine'' jechuun yaadatu pirofessari kun.
Haaluma walfakkaatunis jiraattoonni ollaa Hindi xiqqoo tanaa, labsamuu pirezidantummaa Kaamlaa Haaris eeggataa jiru.
''Adaadaan Kaamlaa Saaraalaan mana sagadaa gandichatti argamu kana yeroo hunda dhaqxi. Bara 2014tti maqaa Kaamlaatiin doolaara 60 ykn maallaqa Hindii Ruuppii kuma shan arjoomtee jirti'' jechuun dubbatan lubni bakka kadhannaa sanaa Naataaraajaan.
Amma jiraattoonni ollaa sanaa kadhannaan taasisaa jiran Kaamlaa Haariis filannichaan akka injifataniif akka gargaaru amanu.
Jiraattoonni ollichaa Ameerikaarra fageenya kilomeetira kuma hedduu ta'an illeen, garuu adeemsa siyaasa Kaamlaa waliin hidhata akka qaban akka itti dhagahamu dubbatu.
Kaamlaanis guyyaa tokko akka isaan doowwattu ykn haasaa ishee keessatti waa'e ollaa sanaa kaasuu akka dandeessu adbii qabu.