Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo US 2024: Pirezidaantummaaf dorgomaa kan jirtu Kaamalaa Haaris eenyu?
Filannoo pirezidantummaaf ji’oonni afur wayita hafutti ture pirezidaantii ittaantuu Ameerikaa kan ta'an Kaamalaa Haaris aangoo bakka rakkisaa ta'etti of argan.
Pirezidant Joo Baayiden morkataasaanii duula filannoo Tiraamp waliin dhuma baatii Waxabajjiirratti taasisanirratti falman ga’umsi gadaanaa agarsiisuu hordofee filannoo hin hinjifatan jedhamuun qeequmsi itti hammaate.
Yaaddoon paartii Dimokiraatota keessatti akkuma cimaa adeemu, Kamaaraa ammoo tarree kaadhimamtootaa keessaa as bahan.
Baayidan battaluma dorgommii filannoo keessaa hafuu beeksisaniitti, deeggarsa isaanii Kaamalaa Haaris kaadhimamtuu paartiisaanii akka taatuuf akka deeggaran ibsan.
Joo Baayiden duula filannoo addaan kutuu beeksisuu hordofuun battaluma sana Kamaalaa akka tumsan ibsan.
Aadde Kaamalaa Haaris xumurarratti bakka yeroo dheeraaf barbaadaa turte irra geesseetti: qondaala Dimookiraatotaa olaantuu fi tarii pirezidantii Ameerikaa taate filatamuu dandeessi.
Garuu sadarkaa sanarra qaqqabuuf imallisaa karaa laaftu mitii, keessumaa ji'oota darban keessa kan gaaffii ulfaataa fi cicimoo ta'eeniin guutame ture.
Waggaa afur dura, kaadhimamaa paartii Dimookiraatotaa kan yeroo tokko kan taatee faarfannaa paartichaa ni simatu ture. Hanga Adooleessa 2024tti, Haaris aangoo ammaatti waldhabdee keessa jiruu keessatti haala irra caalaa hin eegamne keessa turte. Carraan isheen marsaa biraatiif dorgomuuf qabduuf kan ga’umsa Baayidan waliin walqabatee ture.
Kufaatii falmii booda sa'aatii 24 keessatti Aadde Haaris amanamummaa cimaan Baayidaniif filatamte.
Itti aanaan pireezidaantii kun CNN, MSNBC fi hiriira duula filannoo irratti dubbataniiru. Galmee hiriyyaa siyaasaa ishee kabachiisuun mormituu isaanii Pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp irratti duulte.
Ittaantuun pirezidantii tunis CNN, MSNBC fi garee duula filannootti dubbattee jirti. Isheenis galmee siyaasa waahilashee deeggaruudhaan dorgomaasaanii kan ta'e pirezidantii duraanii Doonaald Tiraamp ammoo dubbiin tiqxe.
''Pirezidantii keenya Joo Baayidaniitti ni amana. Waan inni dhaabbatuufiittis ni amanna,'' jette duula na filadhaa gubbaatti.
Aadde Haaris kallattiin deeggarsa haaraan paartii Dimookiraatotaa keessaa gara xiyyeeffannoo ishee dhiibee qeeqxonni Baayidan soorama akka bahan dhiibbaa waan godhaniif gonkumaa ejjannoonshee hin raafamne.
Ammas, kun carraa lammaaffaa dubartii jalqabaa fi gurraattii lammii Eeshiyaa-Ameerikaa jalqabaa ittaanaa pirezidaantii ta’uun tajaajiluuf duula pirezidaantummaaf dorgomtuudha.
Bara 2020 keessa filattota biratti iyyachuuf rakkachuu fi yeroo ittaanaa pirezidaantii turanitti sadarkaan mirkanneeffamuu gadi aanaa qabaattuus, deeggartoonni Aadde Haaris mirga walhormaataa, iyyannoo filattota gurraacha biratti iyyachuu ishee fi muuxannoo seenaa abbaa alangaa qabaachuun- ajajaa olaanaa taatee tajaajiluu isheetiif amma yakkamaa faalaa ishee dorgomaa jiru seeratti akka dhiyeessitu kaasuun deeggaran.
Daarektarri Sagantaa Qo’annoo Dubartootaa fi Koorniyaa Yunivarsiitii Joorji Taawon, Naadiyaa Biraawon, “Dhimmoota ijoo kanneen akka mirga filachuufi dhimma immigireeshinii furuu keessatti gahee guddaa akka qabdu nan amana,” jedhan.
"Akkasumas dhimmoota ulfa baasuu fi hawaasa gurraacha bira ga'uu irrattis bakka bu'aa Baayiden humna guddaa qabdu taatee jirti."
Kaamaalaan attamiin gara itaantuu pirezidantii qaqabde?
Waggaa shan dura ture Aadde Haaris seenatar Kaalifoorniyaa irraa pirezidantuummaadhaaf injifachuuf abdachuun paartii Dimookiraatotaaf dorgomtee kan turte.
Hojii ishee Waajjira Haadha Alangaa Aanaa Kaawuntii Alaamedaa keessatti kan jalqabde yoo ta'u, bara 2003tti Haadha alangaa aanaa - haadha alangaa olaanaa - Saan Fraansiskoo taate.
Boodas dubartii jalqabaa fi nama gurraattii jalqabaa haadha alangaa waliigalaa Kaalifoorniyaa, haadha seeraa olaantuu fi seera ta'uun tajaajilte filatamuu ishee dura, qondaalaraawwachiiftuu kutaa Ameerikaa baay’ina ummataa qabu keessatti hojjateeti.
Isheenis akka urjiiwwan paartii Dimookiraatotaa guddachaa jiran keessaa tokko ta’uun maqaa gaarii kan argatte yoo ta’u, maqaa kanatti fayyadamuun bara 2017tti senaatar US xiqqaa Kaalifoorniyaa ta’uun filatamuuf kakaate.
Garuu ammoo kaayyoonishee pirezidaantummaa ta'uuf qabattee bara 2020 hin milkoofneef.
Raawwiin falmii ogummaa qabdu imaammata haala gaarii hin turre sirriitti ibsameef ishee hin gargaarre ture.
Duulli ishees waggaa tokko hin guunne keessatti kan du'e yoo ta'u, Baayidanitu gaheettii amma ganna 59 tana fuulduratti fiiduudhaan akka xiyyeeffannoo biyyaaleessaa keessa galtu taasisan.
Bara 2013tti daayreektarri komunikeeshinii Aadde Haaris kan ta’aniifi kaadhimamaa pirezidaantummaaf dorgomuushee kan qeeqxan Giil Duraan, amma “Kaamaalaa Haaris’f carraa guddaa deebisaaf” jedhan.
"Namoonni baay'een akka dandeettii cimaafi hawwii qabduu beekan illeen, naamusaa fi xiyyeeffannoosaffiisaan Waayit Haawus galuuf dandeessisu qabdi jedhanii hin yaadne. Yeroo hundaa dandeettii haasaa cimaa akka qabdu ifa ture," Duran jedhe.
Aadde Haaris yeroo Waayit Haawus keessa turanitti jalqabbii ijoo hedduu irratti kan xiyyeeffatte yoo ta’u, bu’aa ba’ii bulchiinsi Baayidan baay’ee beekamaa ta’e tokko tokko keessatti gahee guddaa bahaa turte.
Daawwannaa guutuu biyyattii “Fight for Reproductive Freedoms” jedhu kan dubartoonni waa’ee qaama isaaniirratti murtoo gochuuf mirga akka qabaatan jajjabeessuu lansite.
Miidhaa dhorkaa ulfa baasuun dhufu kan ibsite yoo ta’u, abbootiin murtii Mana Murtii Olaanaa konsarvaatiivii bara 2022tti mirga heera mootummaatiin kenname erga kuffisanii booda eegumsa Roe v Wade akka deebii'uu gaafatteetti.
Aadde Haaris seenaa Seenetii keessatti sagalee ittaanaa pirezidaantii tokkoon walqixa ta’e kennuudhaan riikardii haaraa galmeessite. Sagaleen isheen seerri qaala'iinsa jireenyaa hir'isuu fi Karoora Baraarsa Ameerikaa kan kaffaltii kaka'umsaa dabalatee maallaqa gargaarsa COVID kennu akka ragga'uuf gargaareera.
Sagaleen isheen wal- qixa addaan ba’e haati murtii Ketaanji Biraawon Jaaksan Mana Murtii Olaanaatti mirkaneessaniiru.
Haata'u malee, sababii qeequmsa kallattii hundaan kutiin wal qabate Ameerikaanota biratti dhageettii guddaa argachuufis rakkatte.
Dhimmoota akka gaa’ila saala walfakkaataa fi adabbii du’aa irratti gara bitaatti kan hirkattu ta’us, filattota Dimookiraatotaa tokko tokkoof tarkaanfataa gahaa ta’uu dhabuu isheetiin irra deddeebiin haleellaan ishee mudate.
Duula filannoo bara 2020 irratti jechi "Kamalaan poolisiidha" jedhuu barame ture.
Akkasumas Aab Baayidan Aadde Haaris tattaaffii hundee godaansaa furuuf taasifamu akka hoogganan gaafatanii ture. Haata'u malee sababii baayyiini lakkoofsa godaantota gara daangaa Ameerikaa fi Meeksikootti baqatanii hin irranneef, mormitoonnis dhimma akan akka isheen hojii gahaa hin hojjanneetti kaasu.
Erga aangoo qabatteenbooda imala gara daangaatti karoorsuudhaaf ji’a jaha itti fudhachuu saatiin Rippabilikaanotaa fi Dimookiraatota tokko tokko irraa qeequumsi irra gaheera.
Garuu torbanoota muraasa darban keessa, tilmaamni dandeettii Baayidan Sadaasa keessa filannoo injifachuusaa ilaalchisee gadaanaa ta'un naanna'aa dhufeen wal qabate, Kaamalaan bu'uura deeggarsa haaromfame argatte.
Eenyummaa hedduu Kaamalaa Harris
Kaalifoorniyaa Oklaand keessatti warra godaantota lama irraa kan dhalatte - Kaamaalaan, haadhatiishee dhalootaan Hindii fi abbaan dhalataa Jaamaayikaati.
Maatiinshees yeroo isheen mucaa waggaa shan turetti kan wal hiikan yoo ta'u, adda durummaan haadha ishee sanyii Hindii taatee, Shyaamaalaa Gopaalaan Haarisii, qorattuu kaansarii fi roogeettii mirga lammiileetiin guddatte.
Isheenis hambaa Hindii haadhashee waliin itti dhiheenyaan guddatte. Daawwannaa gara Hindii taasifamu irrattis haadha ishee waliin deemti. Haata'u malee, Aadde Haaris haati ishee aadaa warra gurraacha Oklaand akka fudhatte, ijoollee durbaa ishee lamaan - Kamalaa fi obboleettii ishee quxisuu Maayaas akka aadaa kana keessa cuuphamte dubbatte.
"Haati koo ijoollee durbaa gurraacha lama akka guddiftu baayyee hubatte," jechuun seenaa jireenyaashee The Truths We Hold jedhu keessatti barreessiteetti.
"Biyya guddifachaa ishee ana fi Maayaa akka shamarran gurraachaatti akka ilaaltu beekti turte, dubartoota gurraacha ofitti amanamummaa qabaniifi boontoota ta'anitti akka guddannu mirkaneessuuf kutannoo qabdi turte."
Hundee fi guddinni ishee sanyii lamaa jechuun, eenyummaa Ameerikaa hedduu of keessaa qabaachuu fi waliin jiraachuu fi hawwachuu dandeessi jechuudha.
Kutaaleen biyyattii jijjiirama dimogiraafii saffisaa, jijjiirama gahaa haala siyaasa naannoo tokkoo jijjiiruuf danda'u, mallattoo keessoosheetti argatuuf hawwiituudha.
Haata'u malee, yeroon isheen Yunivarsiitii Hawaard, kolleejjii fi yunivarsiitiiwwan seenaa gurraacha biyyattii keessatti beekamoo ta'an keessaa tokko ta'eetti dabarsitees, yeroo muuxannoowwan jireenyashee keessatti bifa uumuu danda'an keessaa tokko akka turetti ibsite.
Litaa Rosaariyoo-Richaardson bara 1980moota keessa Howaard keessatti yeroo barattoonni naannoo Yard mooraa keessatti walitti qabamuu dhimma siyaasa, faashinii fi odeessa irratti mari'atan sana Kaamalaa Haaris waliin wal barte.
"Miira falmii cimaa akka qabdu hubadheera," jette.
Isaanis dandeettii falmii humnaa Rippabilikaanota kaamaasii waliin taasisan irratti walitti hidhaman, muuxannoon haadholii qofaan guddachuu isaanii, lamaan isaaniiyyuu mallattoo urjii Libra ta'uu isaanii illee isaan walitti maxxanse. Siyaasaanis bara ijaarsa bifa (formative era) ture.
''Reegan yeroo sanatti pirezidaantii biyyaa kan turan yoo ta'u, bara Appaartaayidii waan tureef waa'ee 'trans Africa' fi dhimma ''Martin Luther King'' irratti fa'i mari'atamaa ture,'' jedhan Ms Rosaariyo-Richaardson.
Haata'u malee Aadde Haaris hawaasa baay'inaan warra adii ta'an keessattis salphaatti hojjetti. Waggoonni jalqabaashee yeroo gabaabaa Kaanaadaa keessa illeen jiraateetti.
Aadde Gopaalaan Haaris, Yunivarsiitii Makgiil keessatti hojii barsiisummaa yeroo fudhattu, Haaris fi obboleettiin ishee quxisuu Maayaan ishee waliin deemanii, Kaanaadaatti waggaa shaniif mana barumsaa Montreal keessatti baratan.
Aadde Haaris yeroo hunda eenyummaa isheetiin gammadduu akka turte kan himtu yoo ta'u, akka "Ameerikaa" taateetti of ibsiti.
Namoonni siyaasaa sababa halluu bifasaanii ykn seenaa duubbee isaaniitiin, qoodiinsa keessa seenuu akka hin qabne bara 2019 Waashingitan Poostiif himteetti.
"Yaadni koo: Ani eenyu akkan ta'edha. Anis isaan gaariidha. IKana adda baasuun isni barbaachisuu danda'a, garuu anaaf rakkoo tokkoo hin qabaatu natti tola," jette.
Kaamaalaa, 'Momaalaa', seenaa kan hojjatte
Bara 2014tti, Senatara yeroo sanaa kan turte Haaris ogeessa seeraa Daag Emhoof'tti heerumutee ijoolleesaa lamaan haadha buddeenaa ta’an.
Barrueeffama barruu Elle jedhamuuf bara 2019'tti waa'ee muuxannoo haadha buddeenaa ta'uu barreessiteen, sana booda mata dureewwan hedduu ittaanuun irratti ol'aantummaa qabaachaa danda'e.
"Anii fi Daag yeroo wal fuune, anii fi Kool, Eelaan jecha 'haadha buddeenaa' jedhu akka hin jaalanne waliigalle. Bakka isaas maqaa 'Momaalaa' jedhu baasan."
Isaanis akka fakkeenya maatii "walmakaa" Ameerikaa ammayyaatti, fakkii miidiyaaleen itti fudhatee fi akkaataa waa'ee namoota siyaasaa dubartootaa dubbannu barruu hedduu dhuunfateetti fakkeeffamaniiru.
Hedduun isaaniis akka sanyii maatii gosa biraatti ilaalamuufi beekamtii argachuu qabdi jechuun falmu, kunis falmii dhaloota aktivistoota dubartoota gurraachotaati.
"Dhaala qindeessitoota bu'uuraa, qondaala filatamoo fi kaadhimamtuu hin milkoofne garuu kan daandii kana gara Waayit Haawusitti saaqaniidha. Dubartoonni gurraachonni siyaasa dimokiraasii fi paartii Dimookiraatotaa keessatti akka umamaa humna ta'anii ilaalamu," jechuun Naadiyaa Biraawuun, piroofeesarri gargaartuun, Yunivarsiitii Purdue keessatti saayinsii siyaasaa fi qo’annoo Afriikaa Ameerikaa, BBC’tti himan.
Faannie Lou Haamar, Ellaa Baakar fi Septimaa Kilaark maqaa isheen faanasaa hordoftu keessaa muraasa jechuun falmiiti Ms Birawoon.
"Injifannoon ishee seena qabeessadha, ta'us kan ishee qofa miti. kan dubartoota gurraacha lakkoofsaan adda hin baaneefi guyyaa kun akka danda'amu taasisan waliin qooddama."