Joo Baayidan dorgommii filannoo US keessaa bahuu beeksisan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan irra deebiin filatamuuf kaadhimamaa pirezidantii Ameerikaa ta'anii akka hin dhiyaanne beeksisan.

''Faayidaa paartii koo fi biyyaaf jecha dhiiseera,'' jedhan galgala kana ibsa baasaniin.

Murteen isaanii kuni akka dorgommii keessaa bahan dhiibbaan erga itti cimee booda dhagahame.

Keessumaa xumura baatii Waxabajjii dorgomaa paartii Rippablikaanii Donaald Tiraamp waliin falmii taasisanin ga’umsa laafaa erga mul’isan booda paartii isaaniirraa dhiibbaan itti cimee ture.

Pirezidant Baayidan lammiileen Ameerikaa sagalee kennuuf ji'oonni afur wayita hafetti dorgommii keessaa bahuun isaanii kan dhagahame.

Ammatti bakka isaanii paartii Dimookiraatikii bakka bu'ee namni dorgomu hin beekamne.

Ammoo Pirezidantii I/Aantuu Kamaalaa Hariis akka taatu Baayidan yaada dhiheessaniiru.

Xalayaa toora miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti maxxansaniin, pirezidantii ta'uun tajaajiluun kabaja jireenya isaanii keessatti isa guddaa ta'uu ibsaniiru.

"Irra deebiidhaan filatamuu barbaaduun yaada koo ta'ee osoo jiruu, aangoo kanarraa bu'uunkoo ammoo bara hojiikoo isa hafeef dirqama Pirezidaantii ta'e raawwachuu qofa irratti xiyyeeffachuun koo faayidaa paartiikoo fi biyyattiif ta'a jedheen amana".

Dhimma kanarratti torbee dhufu keessa ummataaf akka dubbatan ibsa kennaniin dubbataniiru.

Pirezidaanti Baayiden ittaantuu pirezidaantii isaanii Kaamaalaa Haaris galateeffatanii, ''michuu addaa'' ta'uu ibsan.

Itti dabaluudhaanis, “Amantii fi amantaa isin narratti kaa’attaniif ummata Ameerikaa dinqisiifannaa onnee irraa ta'een isinii haa ibsu” jedhan.

Akkasumas gaafa wal taane ‘’wanti Ameerikaan gochuu hin dandeenye,’’ hin jiru jedhan.

Torban darbe erga Covid'n qabamanii mana isaaniitti deebi’anii ''torban dhufu karaa duula filannootti deebi'uuf'' hawwii guddaan eeggachaa akka jiran dubbatanii turan.

Kanaan durammoo "Gooftaa hundumaa danda'u" qofatu akka filannoo keessaa bahuu gochuu danda'a jedhaniis turan Baayidan.

Boodarra garuu rakkoo fayyaa yoo qabaatan filannoo keessaa bahuuf akka yaaduu danda'an dubbachuun isaanii ni yaadatama.