US erga ajaji hidhaa aanga'oota Israa'el irratti gaafatamee qondaaltota ICC irra qoqqobbii kaa'uuf

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri dhimma alaa US Antonii Bilinken, Manni Murtii Yakkaa Idiladdunyaa qondaaltota Israa'el irratti ajaji hidhaa akka ba'uuf gaaffii gaafate irratti seera baastota waliin hojjechuuf yaada dhiheessaniiru.
Aab Bilinken kora kongiresii irratti ''murtee daba of keessaa qabu'' kanarratti tarkaanfii fudhachuuf kutannoo akka qaban dubbataniiru.
Erga gareen warra Rippaabilikaanotaa qondaaltota ICC irra qoqqobbiin akka kaa'amu dhiibbaa uumuu eegalaniiti Bilinken yaada kana kan dhiheessan.
Akkaataa gaaffii rippaabilikaanotaan qondaaltota ICC qoqqobuurratti sagalee kennuun torbee kana keessa raawwata.
US miseensa mana murtii kanaa miti, garuu kanaan dura murtee manni murtii kun dabarse deeggartee beekti.
Keessattuu wayita ICCn waraana Yukireen ilaalchisuun Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin irratti ajaja hidhaa baase jalqaba kan deeggare US ture.
Kora Seeneetii, Koree Hariiroo Dhimma Alaa irratti, qondaalli gameessi warra rippaabilikaan Jeemsi Rischi gaaffiisaanii Aab Bilinkenitti qajeelchuun gaafataniiru.
Tarkaanfiin ICC ''kan dhimma biyya of dandeessee fi damee haqaa mataashee qabdu keessa seenuuf kaayyeffate,'' Bilinken biratti akkamiin akka ilaalamu gaafatan qondaalli rippaabilikaan kun.
Aab Bilinken wayita deebii kennan ''murtee dabaan guutame fi bu'aa gaarii hin buusne irratti tarkaanfii qajeelaa fudhachuun waan yaadamu miti, kun waan gaaffii ta'us miti,'' jedhan.
Abbaan Alangaa olaanaa ICC Kariim Kaan yakka waraanaa fi yakka dhala namaa Gaazaa keessatti raawwataniiru jechuun Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetinaayaahuu fi Ministirri Ittisaa biyyattii Yo'av Gaalaant to'annoo jala akka oolaniif ajaji hidhaa akka irratti ba'u Wiixata darbe gaafataniiru.
Qondaaltota Hamaasa sadi: Yahyaa Sinwaar- Gaazaa keessatti hoogganaa Hamaas, Mohammad Da'iif- Hoogganaa damee waraanaa Birigeedii Qasam fi Ismaa'el Hanniyee- Hoogganaa siyaasaa garechaa irrattis ajaja hidhaa gaafataniiru abbaan alangaa kun.
Pirezidantiin US Joo Baayidan yaadi ICC kun ''mufachiisaa fi kan nama aarsu'' jechuun, Hamaas fi Israa'el wal qixxeessuun gonkumaa hin danda'amu jedhan.
Bulchiinsa Minisootaa bakka bu'uun miseensa Kongiresii kan taate Ilhaan Omar himannaan manni murtichaa dhiheessaa jiru ''dhimma ijoodha'' jechuun, US akkuma kanaan duraa, kan dhimma Liibiyaa fi Raashiyaarratti gochaa turte, hojii mana murtii kana deeggaruu qabdi jette.
''Ajaja hidhaa baasuun jalqabbii adeemsa haqaati. ICCn mana murtii dirqamasaa ba'achaa jirudha. Al-loogummaa fi siyaasarraa bilisa ta'ee akka hojjetu agarsiisaa jira,'' jechuun yaadi kun akka deeggaramuu qabu gaafatte.
Pirees Sekreetariin Waayit Haawus Kariin Jiyaan-Piyeeree Kibxata kaleessaa wayita rippoortarootatti dubbatan, tarkaanfii itti aanurratti murteessuuf aanga'oonni warra seera baasan walin mariitti jiru jedhan.












