Netaaniyaahuun ajaja hidhaa ICC irratti baasuuf jedhuuf deebii kennan

Beenjamiin Netaaniyaahuu

Madda suuraa, EPA

Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu ajaja hidhaa Manni Murtii Yakkaa Idila addunyaa(ICC) irratti baasuuf gaaffii dhiyaateen aaranii, adeemsicha balaaleffatan.

ICC ajajni hidhaa akka irratti bahu Wiixata kan gaafate Gaazaa keessatti yakki waraanaa raawwatameera jechuun yoo ta'u, Netaaniyaahuu waliinis aanga'oota Hamaasa irratti ajajni hidhaa kun akka bahu gaafatame.

Netaaniyaahuun biyyi ''dimookraatoftuun Israa'el'' qaama isaan ''ajjeestota jumlaa'' ittiin jedhan waliin walcinaatti ilaalamuun akka isaan aarse dubbatan.

Ajajni akka bahu gaafii dhiyaateen Netaaniyaahuun ''kan waayee hin baafne, ajaja sobaati'' jedha.

Ibsa Afaan Hibruutiin dabarsaniin, ''hamilee maaliin, tuffii akkamiin Israa'elifi Hamaas wal-qixxeessu'' jedhan.

Wal bira qabni kun ''dhugaa jiru balleessuudha'' jechuunis komatan.

Gaaffii irratti dhiyaate kanas jibba warra Yihuudotaa (anti-Semitism) guutuu addunyaatti babal'achaa jirutti gaazii firfiirsuudha jedhan Netaaniyaahuun.

Yaada Netaaniyaahuu kanas Pireezidantiin US Joo Baayidan qooddatanii, Hamaasiifi Israa'el wanti walqixxeessu hin jiru jedhaniiru.

Dureen Abbaa Alangaa ICC Kariim Kahaan Netaaniyaahuufi Ministirri Ittisaa isaanii Yo'aav Gaalaant yakka waraanaafi yakka namoomaa Gaazaatti raawwatameera jedhamuuf gaafatamni yakkaa irra jira jedhanii amanuuf sababootni jiru jedhan.

Ajajaa Hamaas Gaazaa jiran Yaahyaa Sinwaar irratti himannaa yakka waraanaan ajajni hidhaa akka bahus gaafatameera.

Israa'eelfi US miseensa ICC, kan bara 2002 tti hundeeffamee miti.

Himatni Israa'eliifi Hamaas irratti dhiyaate Onkololessa 7 haleellaa hidhattootni Hamaas Israa'el irratti rawwataniin gaaga'ama namoomaa Gaazaatti qaqqabeen walqabata.

Waraana Gaazaatti gaggeefamaa jiruun lubbuun lammiilee Filisxeem 35,500 darbuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa ibseera.

Murtee ICC kana booda Pireezidant Baayidan ibsa Wiixata kennaniin ''Israa'eliifi Hamaas qixxee miti, ciruumaa qixxee miti'' jedhan.

Ammoo Israa'el namoota nagaatiif hanga dandeesse mara eggannoo gochuu qabaachuun ishee ifa jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Haajaa Alaa US Antoonii Biliinkenis yaada Baayidan qooddachuun, ajajni akka bahu gaafatamuu ''bu'uurarraa balaaleffanna'' jedhan.

Dabaluunis ''qaanessaadha, ICCn dhimma kanarratti murtee dabarsuuf aboo hin qabu'' jedhan.

Ajajani hidhaa akka bahu gaafatamuun adeemsa marii dhukaasa dhaabuurratti danqaa uuma jechuunis dubbatan.

Abbaan Alangaa Kahaan, Netaaniyaahuutti dabalatee warra ajaja irratti baasuuf gaafate keessa ittisni biyyattii Gaalaant, hogganaan siyaasaa Hamaas Ismaa'el Hanniye fi hogganaa waraanaa garichaa Mohaammed Da'iif ni argamu.

Aanga'oonni Israa'el wantoota ittiin himataman keessaa ijoon namoota nagaa beelessuun akka mala waraanaatti fayyadamuu, ajjeechaa, ta'e jechuun bakka namni nagaa jiru haleeluufi finxaalessummaadha.

Abbaan Alangaa kun yakki qorachaa jiran Onkololessa 7, 2023 wayita hidhattootni Hamaas daangaa Israa'el keessatti haleellaa raawwatanii namootas butanirraa ka'a jedhaniiru.

Manni Murtichaa ajajni akka bahu kan gaafate Israa'el ofiin yakka waraanaa ittiin himatamtu sirreessuuf tarkaanfii gahaa waan hin fudhanneef ta'uu ibse.

Amma gamtaan Abbootii seeraa ICC ajaja hidhaa baasuufi dhiisuurratti murtee ni dabarsu.

Ajajni hidhaa kun yoo bahe, biyyootni miseensa ICC ta'uun waliigaltee mallatteessanii jiran yoo carraa argatan namoota ajajni irratti bahe qabuuf dirqama qabu.