Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormiin baatii tokko dura Iraanitti jalqabe hammaate, qondaaltonni to'achuuf yaalaa jiru
Mormiin Iraan torbee jaha dura eegale hammaatee itti fufee jira. Halkan edaa Onkoloolessa 26 ammoo mormii hamaatu biyyattii mudate.
Magaalonni gurguddoo Iraan keessatti argaman hundi mormitootaan guutamanii mul'atani.
Mormiin kun kaleessa addumatti kan hammaate Mahaasaa Amiinii rifeensa ishee haguuggachuu didde jedhamtee erga duutee guyyaa 40ffaan ishee yeroo kabajamuudha.
Mootummaan Rippaapilika Islaamaa Iraan erga hundaa'ee mormii kanaan rakkoo cimaan biyyattii mudate jedhama.
Mahaasaa Amiinii guyyaa 40 dura erga duutee mormii guddaa biyyattii mudateen yoo xiqqaate namoonni 234 humnoota nageenyan ajjeefamuu fi isaan keessaa 29 ijoollee ta'uu isaanii Dhaabbanni Mirgoota Namoomaa Iraan Norwaay keessa jiru gabaaseera.
Mormii biyyattii mudate kana biyyoota alaatu harka keessaa qaba jechuun angawoonni Iraan himatu.
Maxxansawwan miidiyaa hawaasaa gubbaatti bahanii fi BBCn mirkaneesse Roobii halkan mormitoonni kumaatamaan bahanii mormii dhageessisan.
Magaala guddoo Iraan, Tehraan keessatti mormitoonni daandii irratti bahuun "Duuti abbaa irreetif haa ta'u!" jechaa osoo dhaadatanii mul'atu.
Magaalonni biroo kanneen akka Andimeshk, Borujerd fi Lahijan fa'aas mormii keessummeessaa jiru.
Mormii kana haalaan kan hammeesse ammoo poolisiin mormitoota naannoo mana Mahsaa Amiinii- kan hijaaba hin uffanne jedhamtee duute- biratti argamuun mormii dhageessisan irratti dhukaasa banuu isaati.
Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman guyyaa 40ffaa isheen itti duute yaadachuuf wal gahanii mormii dhageessisaa turan.
Namoonni ijaan argan akka jedhanitti mormitoota kana irratti poolisiin kallattiidhaan dhukaasa baneera.
Lakkoofsi namoota miidhamanii garuu adda hin baane.
"Hawaasni baay'ee aaree jira. Kana caalaa isaan [angawoota Iraan] baachuu hin dandeenyu, " jechuun BBC Pershiyaatti himte shamarreen ganna 27 mormii irratti hirmaatte.
"Mirga namoota kanaan isin gaha jedhuun argachuun qaba. Lammii lammaffaa ta'uun na gaheera. Sababni isaa ani dubartiidha. Dhiironnis dhiibbaa mootummichi gaggeessu nuffaniiru," jetti.
Mormii Iraanitti dhalateef sababa kan taate Mahaasaa Amiinii shamarree ganna 22 yoo taatu gaafa Fulbaana 16, 2022 duute.
Mataa ishee hijaaban hin aguugganne jedhamtee erga hidhamtee booda guyyaa sadaffaatti buufata poolisii keessatti of wallaaltee, erga hospitaala galtee duute.
Reebicha irraa gaheen duute jedhamus poolisiin garuu rakkoo onnee qabdi jechuun haalu.
BBC fi miidiyaalen idil-addunyaa heddu Iraan keessaa akka hin gabaafne waan dhorkamaniif wanta ta'aa jiru sirriitti adda baasun rakkisaadha.
Mormichi ka'uu hordofee mormitoonni karaa miidiyaa hawaasummaa mormii isaanii akka hin tamsaafnef mootummaan intarneetin akka adda ciccitu godheera.