Astirooyidoonni dacheetti dhihaataa jiran eessarraa dhufaa jiru? Hangam yaaddessoodha?

Dhihootti carraan muraasi astirooyidiin (caccabaan wantootaa hawaa keessaa) Addeessa waliin walitti bu'uu uumamuu danda'a jedhe ragaan Nasa.

Akka Nasan ibsetti waggaa wagggaan wantoonni caccabaa dhagaa fakkaatan hawaa keessaa gara pilaaneetii keenya Dacheetti ni ddhufu.

Garuu hundi dacheerra hin buufatan, baqqaanni dachee kan waan kana ittisu waan jiruuf.

Astiyooyidoonni kunneen akka hawaa keessaa darbatamaniin dacheerra bu'uurra hawaama keessatti gubatanii ifa isaanii qofa argina.

Astirooyidoonni kunneen wayita hawaa keessatti gubatanii ifa calaqqisan bifa meteor jedhamuun mul'atu.

Wayita hawaa keessatti daawwannu nu bashannansiisu. Garuu akka carraa ta'ee astirooyidoonni gurguddoon gara dachee dhufaa jiran bashannansiisoo ta'uu caalaa sodaachisoo ta'aa jiru.

Dhaabbata Saayinsii Hawaa Awurooppaa European Space Agency (ESA) jedhamutti saayintistii kan ta'e Mikaa'el Kuppers ''astirooyidoonni hamma garaagaraan gara dachee dhufu,'' jedhe.

''Astirooyidoonni gurguddoon, fakkeenyaaf kan kiilomeetira 10 bal'atanfaa waggaa miiliyoona 100 keessatti yeroo tokko ni mudatu. Dhumaatii qaccee Daayinoosariif sababa isa kana ture,'' jedhe saayintistiin kun.

Saayintistoonni Muddee darbe astirooyidii gara dacheetti dhihaataa jiru tokko adda baasaniiru. Maqaasaa 2024 YR4 jedhaniin.

Dhimmi astirooyidii kanaa dhiheenya kana mata duree addunyaa ta'eera.

Astirooyidiin kun jalqaba meetira 40-90 akka bal'atu tilmaamee ture. Gamoo darbii 12 kan caalu jechuudha.

Bara kana ji'a Amajjii keessa Dhaabbati Hawaa Awurooppaa akka madaaletti carraan dhagaan hawaa keessaa kun dacheerratti kufuu dhibbeentaa 1.2 ta'uu agarsiiseera.

Kunis Muddee 22, 2032tti akka ta'u ibse.

Herregi dhaabbata qorannoo hawaa kun sodaa balaa astirooyidoonni dacheerraan ga'anii waan dabaleef dhaabbileen qorannoo hawaa hedduun xiyyeeffannaan qorachuu eegalan.

Akka carraa ta'ee YR4 astirooyidii guddaa dachee keenya balleessa jedhamee sodaatamu hin taane.

Ammoo balaa salphaa hin geessisu. Bal'ina hamma magaalotaafaa balleessuu danda'a akka ogeeyyiin gariin jedhanitti.

Guraandhala 2025 balaan astirooyidoonni dacheerratti kufuun qaqqabsiisuu danda'an dhibbeentaa 3.1 yookiin 32 keessaa tokko irra ga'ee ture.

Ebla 2025 gara jalqabaa ammoo Nasan waa'ee astirooyidii YR4 odeeffannoo dabalatee baase.

Guddinni astirooyidii kanaa kan duraan jedhamee gadi meetira 53-67 ta'uu ibse.

Garuu jaarmiyaan Nasa dhimma wantoota handaara dachee jiranii qoratu- Centre for Near Earth Object Studies carraan astirooyidiin YR4 Muddee 22, 2032 Addeessa rukutuu dhibbeentaa 3.8 ta'uu ibse.

Guraandhala keessa dhibbeentaa 1.7 ta'uu ibsee ture.

Garuu yoo Addeessatti bu'es dhiibbaa muraasa irraan kan hafe miidhaan Addeessa orbitiirraa maqasuu danda'u mudachuu akka hin dandeenye ibseera Nasan.

Garuu astirooyidoonni kunneen eessaa dhufu?

Alaan Fitziman yuniversitii Belfast keessatti argamu Queens University Belfast jedhamutti ogeessa hawaati.

''Astirooyidiin nutti mullatu kamiiyyuu wayita pilaaneetonni uumamanii orbitii isaanii qabatan kan caccabanii hafanidha. Uumama Sirna Soolaarii irraa eegalanii jiru,'' jedhe.

''Uumama Sirna Soolaarii irraa eegallee yoo ilaallu waggoota biiliyoona 4.6f hawaa keessa bololi'aa turan.''

Hafteen dhagaa bara durii kunneen yeroo garii akka pilaaneetota xixiqqoottis ni fudhatamu.

Kaansaanii danaa dhagaa qabu, toora galanii osoo hin taane faffaca'anii jiraatu.

Suuta jedhanii naanna'u, saffisaan ykn gatantaraas inuma sirriiqu.

Yeroo baayyee baaqqee ta'u, yeroo cimdiin deemanis qabu. Kaansanii addeessa mataasaaniillee kan qaban jiru.

Astirooyidiin akkasii miiliyoona 1.4 Sirna Soolaarii keenya keessa jiraachuu ragaan Nasa ni mul'isa.

Irra-jireessaan pilaaneetota Maarsii fi Juppitar gidduutti argamu. Kan adda baasuun rakkisu ammoo miiliyoonaan jiru.

Yeroo baayyee astirooyidoonni kunneen faffaca'anii humna harkisaa Juppitariin booji'amanii naannoma sana turu.

Dirree guula harkisaa pilaaneetii kanaan madaalliisaanii eeggatanii waan bololi'aniif walitti dabalamanii qaama guddaa tokko ta'uu hin danda'an.

Garuu yeroo garii astirooyioonni wal-dhiibuun ykn dhiibbaa pilaaneetii Juppitariin gara orbitii dachee seenuu danda'u.

Qormaata astirooyidootaa...

Astirooyidoonni al-takkaa iddoo irra turan gadhiisaan qormaati guddaan eessa akka ga'anii fi maal akka ta'anii dafanii baruudha.

Astirooyidii ta'uu adda baasuunuu qorumsa guddaadha.

Ogeettiin hawaa Nasa Keelii Faast ''teleskoppii keessatti yoo ilaalaman astirooyidoonni balaqqee ifaa fakkaatu. Akkuma urjiilee ifu. Astirooyidoota kan adda godhu ni furguggifamu,'' jette.

''Ifa aduu deebisanii calaqqisiisu.''

Astirooyidiin baayyee kan ifu yoo ta'e guddinnisaas akkasuma jechuudha.

Ammoo halluun astirooyidoota ayeroo itti dogoggorsu qaba. Fakkeenyaaf astirooyidoonni xixiqqoon ifa adii akkaan calaqqisan astirooyidoota gurguddoo halluu gurraacha qabanii fi baayyee hin ifne caalaa mul'atu.

Saayinsiin waan kana jala muree mirkaneesse hin jiru. Kanaafida astirooyidiin YR4 jalqaba meetira 40-90 jedhamee isa booda kan biraan kan himame.

Astirooyidiin YR4 jedhamu akkuma astirooyidoota kaanii pilaaneetota Maarsii fi Juppitar gidduu toora astirooyidoonni gurguddoo fi xixiqqoon irratti argamirraati.

Bakki astirooyidoonni itti argaman kun asteroid belt jedhamuun beekama.

Astirooyidoonni hundinuu uumamnisaanii tokko miti. ''Gosti isaanii hedduudha,'' jette Faast.

''Gariin dhagaa fakkaatu, kaan bifa karbonii qabu, kaan ammoo sibiila. Kun maatiisaan irraa cabanirratti hundaa'uuni.''

Gosti astirooyidootaa muraasa. Afur keessaa sadi gosa kaarbooniiti. Kaarboonii waan of keessaa qabaniif akka cilee gurraacha'u.

Kaan sibiilaa fi albuuda silicate kan makatan, kaan ammoo aayiranii fi nikeelii kan qabaniidha.

''YR4 astirooyidii bifa dhagaa qabu yoo ta'u toora astirooyidootaa gara gidduu keessaati,'' jedhe Fitzimon.

Nasatti ergamni Psyche jedhamu gara iddoo astirooyidii kanaa imalaa jira, Hagayya 2029 bakkas ga'a jedhama.

Gama qabiyyee sibiilummaan astirooyidoonni akka Psyche 16 bu'aa guddaa kan qabanidha.

Qabiyyee doolaara tiriiliyoona kuma 1o qabatee akka jirutu amanama.

Gara fuulduraatti yoo astirooyidii misoomsuun (hawaa keessa albuuda baasuun) eegalame akkasumas yoo gama teeknikaa fi diinagdeen bu'a qabeessummaan astirooyidii mirkanaa'e qabeenya guddaatu irraa argama.

Qabiyyee astirooyidootaa beekuun of eeggannoofis baayyee murteessaadha.

Fakkeenyaaf astirooyidiin qabiyyee aayiranii baayyinaan of keessaa qabu kan kaarbooniin badhaadhe caalaa rukkina cimaa waan qabuuf balaansaas cimaadha.

Ulfaatina guddaas waan qabuuf dachee ykn addeessarra yoo bu'e miidhaansaa guddaadha.

Keessattuu Addeessi ammoo akka Dachee miti. Baqqaanni ishee haphii waan ta'eef ofirraa qolachuu hin danda'u.

Astirooyidiin YR4 dacheetti seenuuf carraa bal'aa hin qabu, garuu Addeessarra bu'uuf carraan inni qabu dhibbeentaa 1.7.

Baqqaanni qilleensaa dachee miidhaa astirooyidootaa qolachuu danda'a, garuu miidhaa hunda qolachuu hin danda'u.

Kan humna cimaa qabu keessa darbee lafarratti kufuu danda'a.

Astirooyidiin YR4 sibiila ykn dhagaa jajjaboo ta'uun ammatti hin mirkanoofne. Garuu dhohiinsi qilleensa dachee keessatti mudatus waan salphaa miti.

Taateen bara 2013 mudate haaluma kanaan mudate. Asteriyidiin qilleensa Raashiyaa, Chalyaabinisk irraa kiilomeetira 22.5 irratti dhohuun gamoowwan kuma 4 mancaase, namoonni 1,200 miidhamaniiru.

''Astirooyidiin sun bal'innishee meetira 20 ture. Astirooyidiin guddinnishee kana qofa ta'e akka balaa guddaa uumtu nutti mul'isa,'' jedhe Kuppars.

Wayita taateen kun Chalyaabinisk keessatti mudatu akka carraa ta'ee Koreen UN Viyeenaa keessatti kora qabu turan.

Korri isaanii akkaataa astirooyidii dacheerraa qolachuun danda'amurratti ture.

Walga'iin UN kun jaarmiyaan Nasan hoogganamu International Asteroid Warning Network jedhamu fi Space Missions Planning Advisory Group jedhamu akka walta'uun hojjetaniif ka'umsa ta'eera.

Garuu ergamoonni adda addaa duraan dhimma astirooyidii irratti qorannoo gaggeessan turaniiru.

Bara 1990oota keessa wayita Gaaliiliyoon astirooyidoota lama cinaa darberraa eegale.

Bara 2000 xiyyaar samiin Nasa Near Shoemaker astirooyidii jalqabaa marsuun adda baaste. Astirooyidiin sun Eros jedhamti.