Dhagaan hanga magaalaa Landan gahu osoo samii keessaa lafarratti kufee maaltu taha?

Dhagaan samii cabee samii keessaa bu'e yeroo jalqabaaf kan argame bara 2014 yoo tahu seenaa dhala namaa keessatti balaa suunaamii argamee hin beekne akka mudatu taasiseera.

Dhagaan cabee bu'e metirooraayit jedhamu kun garba bishaanii danfise jedhan saayintistoonni.

Waggoota biliyoona sadii dura yeroo lafti reefu uumamtu dhagaan hawwaa irraa kufe, dhagaa samii isa waggoota miliyoona 66 dura lafarra bu'ee bineensa daayinooser jedhamu lafatti gad dabalee balleesse dachaa 200'n caala.

Qorattoonni burruusaa fi meeshaalee dhagaa cabsuuf oolan qabachuun dhagaa samiirraa bu'e jedhame caccabsanii qorachuuf gara iddoo miidhaan irra gahe Afrikaa Kibbaa deemaniiru.

Dhagaa caccabaan samiirraa bu'u, meetirooraayit dachee kana balleessuu qofa osoo hin taane lubbu qabeeyyiin akka jiraatanis kan gargaarudha jedhan qorattoonni.

“Erga Lafti kun uumamtee as caccabaan dhagaa hawwaa kana keessa balali'anii fi lafarratti kufuu danda'an akka jiran ni beekna,'' jedhan Yuunivarsiitii Haarvaardi irraa pirofeser Naajaa Diraaboon.

''Amma garuu yeroo balaa gurguddaan akkasii mudatu kana lubbu qabeeyyiin dandamachuun inumaa akka jiraachuu danda'an hubanne,'' jedhan.

Dhagaan samii S2 jedhamu dhagaa hawwaa nuyi beeknurra baay'ee guddaadha. Waggaa miliyoona 66 dura dhagaan samiirraa bu'ee bineensa daayinosar lafarraa balleesse km 10 dheerata. Kana jechuun hamma dheerina gaara Everesti taha jechuudha.

Haa tahu malee, dhagaan samii jalqaba yeroo lafti reefu uumamte bu'e S2 jedhamu km40-60 kan bal'atu yoo tahu, ulfaatinni isaa isa daayinoosarii balleessetti dachaa 50-500 taha.

Dhagichi yeroo lafti uumamte osoo hin turiin lafarati kan kufe yoo tahu, waan addaa ture. Adunyaa kun yeroos bishaaniin kan guutamtee fi ardiilee muraasa qofa qabdu turte.

Lubbuu qabeeyyii xixiqqoon seelii tokko qofa qabu ture jedhu qorattoonni.

Bakkeewan adunyaa kanarraa dhagaa samiirraa kufe jedhamuun miidhaman keessaa hanga har'aa hafteen dhagichaa kan irra jiru Baha Barberton Giriinbelt jedhama. Afrikaa Kibbaa keessatti argama.

Piroofeser Diraabon waayillan ishee wlaiin yeroo sadii gara bakkichaatti imalteetti.

Gaara naannichaara bahuun dhagaa caccabaa haftee dhagaa samiirraa kufee tahe sana burruusaan caccabsun laabiraatoorii keessatti qorachuuf fudhatanii deebi'an.

Gareen qorattootaa kun waan caccabaan dhagaa samii S2 jedhamu lafarraan gahe orataa turan.

Dhagichi lafarratti yeroo kufu haroo KM 500 bal'atu uume. Dabalataan dhagoota baay'ee xixiqqoo, daakuu fakkaatanii fi saffisa guddaan deemuu danda'an uume.

Dhagoonni xixiqqoon kunneen samii keessatti duumessi akka uumamuuf gargaaru jette pirofeser Diraabon.

''Mee duumessa rooba fidu yaadaa. Yeroo roobu bishaan gadi cobu osoo hin taane waan dhagaan baqee samii keessaa gadi cobudha fakkaata,'' jette.

Suunaamii adunyaa kana haxaa'ee balleessuu danda'a ture. Galaana addaan hiruu danda'a. Warreen naannoo qarqara galaanaa jiran haxaa'ee balleesuu danda'a.

Sunaamiin Garba Hindii bara 2004 yoo isa biratti ilaalamu baay'ee xiqqaadha jette pirof Diraabon.

Humni sun hundi bidhaan galaanaa fi garba keessaa danfisuun bidhaan meetira kuma kurnaniin hurkee akka badu gochuu danda'a.

Tempirechera amma jiru kanas gara 100c guddisuu danda'a.

Halluun samii kanaa gara gurraachatti jijjiiramuu danda'a. dhukkee fi wantoota caccabo xixiqqoon kan guutame taha.

Ifti aduu dukkana keessa qaxxaamuree waan hin dhufneef lubbu qabeeyyiin lafarraa fi bidhaan keessaa ifa aduun nyaata isaanii qopheeffatan lafarraa badu malu.

Pirof Diraabon qorannoo isheen waan addaas argachuu himte. Dhagichi yeroo kufu albudota lubbu qabeeyyii xixiqqaaf barbaachisan akka Ayiranii fi foosferasii akka uumaman godha.

''Lubbu qabeeyyiin dandamachuu qofa osoo hin taane, erga badan jedhamanii deebi'anii jiraachuun inumaa akka dafanii guddatan taasisa,'' jette.

''Ganama yeroo ilkaan kee saamunaa ilkaaniin miiccitu [brush] baakteeriyaa %99 ajjeesa. Garuu halkanuma sana ammoo deebi'anii dhufu. Akas mitiiree?'' jechuun fakkeenyaan hubachiifte.

Dhagoonni kunneen yeroo lafa irratti kufanis albuudota akka xaa'oo, foosfeerii adunya akanaaf gumaachu. Sunaamiin adunyaa kana haxaa'ee balleessuu gahus galaana jalaatii bishaan ayiraniin badhaadhe baasa. Kun ammoo lubbu qabeeyyiif aannisa addaa kenna jette.

Lafti kun dhagoota akkasiin dur dedeebitee rukutamuun ishe uumama har'aaf gumaachuu akka hin hafne saayintistoonni amanu.