'Utubaa sibiilaa waliinsaa wallaalame' biyyoota garagaraatti mul'achaa jiru

Walakkeessa ji’a Waxabajjii Ameerikaa gammoojjii Nevaadaa keessatti wanti waliin isaa hin beekamne guddaan tokko mul’atee ture. Utubaa sibiilaa calaqqisu guddaadha.

Utubaan sibiilaa calaqqisu kun bakka Laas Veegaas Kaabaarraa sa’aatii tokko fagaatu gammoojjii Nevaadaa keessatti tasa mul’ate.

Utubaan sibiilaa guddaafi dheeraa kun gammoojjii bu’aa ba’ii qabu kana keessa dhaabbatee mul’ate.

Utubaa sibiilaa guddaa waliin isaa hin beekamne jalqaba kan arge miseensota poolisii Laas Veegaas turan.

Dheerinni isaa tilmaamaan meetira sadii ni ta’a.

Utubaa sibiilarraa hojjetameefi boca qabu kun, gammoojjii kana keessatti kan mul’ate kun kan jalqabaa miti.

Kanaan duras achuma Ameerikaa Yuutaah fi Kaalifoorniyaa, akkasumas Atilaantikiin ce’ee Weelsiifi Romaaniyaa keessatti osoo hin beekamiin tasa mul’ateera.

Biyyoota Lixaatiin alattis magaalaa guddoo biyya Afrikaa Dimokiraatik Koongoo, Kinishaasaa keessattis mul’atee ummata dheekkameen barbadaa’eera.

Utubaan sibiilaa waliin isaa hin beekamne kun magaalaa Kinishaasaatti kan mul’atee ture bara 2021 ture.

Yeroo sanatti namoonni biyyattii wanta walin isaa hin beekamne kana waan shakkaniif callisanii hin ilaalle. Kan danda’an dhakaan reeban, kaan ammoo ibidda itti qabsiisan.

Sibiilli icciitiin isaa wallaalame kun ijoo dubbii miidiyaa hawaasaas ta’eera. Waan hedduutis jedhame.

Boca sibiilaa kana duuba Illuminaayitiin jiraachuu hin oolle jedhamee dubbatameera.

Keessi isaa maal qabateera laata? Gaaffii jedhu kaaseera. Warri Koongoo waan walin isaa hin beekamne caccabaa isaa erga sassabanii booda keessa ilaalanii sibiila diriiree jiru qofa argan.

Kantiibaan naannoo sanaas wanta bakki dhufee hin beekamne kana baruudhaaf ciccitaa sibiila kanaa gara saayinitistootaatti ergan.

Kantiibaan magaalattii kana haa godhaniyyu malee bulchaan kutaa bulchiinsaa Kinishaasaa garuu utubaa kana kan dhaaban kantiibaama kanadha jechuun himataniiru. Kantiibaan kun garuu himannaa kana hin fudhatan.

Wanti utubaan sibiilaa fakkaatu kun kutaalee addunyaa garagaraa keessatti mul’atee deebiyee baduun waggoota lakkoofsiseera.

Eessaa akka dhufaniifi maal akka ta’an ilaalchisee yaadawwan hedduun kennamaa jiru.

Uumama addunyaa birooti dhaabe, hojii aartiidha, kkf jedhameera.

Keessumaa dinqisiifattoota asoosama saayinsiitiif hunda caalaa waan ajaa’ibaa ta’eera.

Wanti icciitiin isaa hin beekamne kun hanga ammaatti kutaalee addunyaa kam keessatti mul’ate? Eessaa akka dhufan ilaalchisee maaltu jedhame? Kan jedhu akka itti aanutti qopheessineerra.

Addunyaarraa bakka kamitti argaman?

Yeroo Koronaavaayirasiin addunyaa dhiphisee turetti utubaan sibiilaa boca qabu kun kutaalee addunyaa garagaraatti mul’ateera.

Ameerikaa keessatti Yutaah, Kaalifoorniyaa, Niiw Meksiikoo keessatti, akkasumas ammoo Awurooppaa keessaa Romaaniyaa keessatti mul’ateera.

Wanti utubaa sibiilaa fakkaatu icciitiin isaa hin beekamne kun akeekkachiisa tokko malee tasa mul’atu. Booda ammoo osoo eenyuyyu isaani hin argiin bakki bu’an dhabama.

Wanti utubaa sibiilaa boca qabu kun yeroo jalqabaatiif kan argame Ameerikaa gammoojjii Kutaa Yutaah keessatti wagga sanii dura A L I Sadaasa 9, bara 2013 ture.

Bakka sana kan ture guyyoota sagaliif ture. Guyyaa sagal booda ammoo biyya Awurooppaa taate Romaaniyaa magaalaa Piyaatiraa Neemit keessatti mul’atee guyyaa afraffaatti bakki bu’e dhabame.

Eessa jira? Jedhamee osoo barbaadamuu kutaa Kaalifoorniyaa keessatti gaara Paayin irratti argame. Achii buleesaa namoonni erga mancaasanii boda deebiyee guyyaa itti aanu dhalate.

Guyyaa sadii boda ammoo ammas Niiw Meksiikoo keessatti argame; achisttis akka manca’u taasifame.

Yeroo ilaalamu wanti kun boca uumama addunyaa biraarraa ta’na (alien) kan hojjetan fakkaata.

Kanaaf ammoo sababiin guddaa asoosama saayinsaawaa waa’ee hawaa seenessu ‘Space Odyssey’ bara 2001 hojjetame waan yaadachiisuufidha.

Fiilmii kana keessatti akka dhiyaatetti wanti bifa gur’aacha qabu dhaabbatu tokko ni mul’ata. Fiilmii kanarra wantota mul’atan kana kan kaa’na ammoo uumama kanadha.

Sababiin isaa ammoo dhalli namaa jijjiirama tirataa tokkorraa gara sadarkaa itti aanutti ce’uudhaaf akka gargaaruuf jecha qajeelfama kaa’amanidha.

Waan fedhes ta’u waa’ee wanta utubaa sibiilaa fakkaatu kutaa addunyaa garaharaarratti mul’atanii kanaa garuu wani barame ammallee hin jiru.

Waa’ee isaanii sirriitti beekee qaamni dubbachuu danda’u waan dhabameef addunyaa keenya kanarratti wantota ajaa’iboofi icciitii ta’aniif fakkeenya isaan godhatameera.

Jalqaba yeroo mul'ate

Wanti kun jalqaba kan mul'ate Ameerikaa gammoojjii Yutaah keessatti ture. Namoonni arganis warra helikooptaraan Ameerikaa keessatti qofa kan argamtu hoolaa gaanfaa (Big Horny Ship) eegaa turanidha.

Tasa gammoojjicha keessatti sibila guddaa calaqqisu wa'ii yeroo arganitti waan isaa qorachuudhaaf bu'an.

Bakki sun tappa kan qabu waan ta'eef helikooptara malee bira ga'uun hin danda'amu.

Konkolaataanis ta'e miillaan bira ga'uun hin danda'amu.

Akkamitti akka dhufe beekamuu baatus Google map fayyadamuun odeeffannoo argameen yeroo 2015-2016 keessa ta'uu akka danda'u tilmaamameera.

Kutaan bulchiinsa Yuutaah odeeffannoo fuula Feesbuukii waa'ee sibiila calaqqisaa kanarratti dhiyeesseen umamni waliin isaanii hin beekamne (addunyaa biraarraa ta'an) [alien] akka fidan eeruuf yaalee ture. Akkamitti gammoojjii kana keessatti argame kan jedhu achirraa jalqabe.

Guyyoota sagal booda gamoowwan garagaraa utaaluudhaan kan beekamu Andii Liiwusiifi bakkawwan ajaa'ibiisoo ta'an daawwachiisuudhaan kan beekamu Silvaan Kiristeensan fedhiisaaniitii sibiila abbaa bocaa waliin isaa hin beekamne kana diiganii dhabamsiisan.

Haalli lafa sanaa namoonni itti baayyatanii akka hin taane ta'a jedhamee sibiila kana kaasuun isaanii atakaaroo guddaa kan kaase yoo ta'u, "isin eenyudha" gaaffii jedhus kaasee ture.

Ta'us wanti kun achumaan badee hin hafne. Sibiilli kun biyya Awurooppaa taate Romaaniyaa keessatti mul'ate. Bakka godambaa Arkiyooloojiitti dhiyaatu Baatikaa Dohaamineey jedhamutti mul'ate.

Boci isaa ammoo isa Ameerikaa Yutaah keessatti argameerraa xiqqoo addummaa qaba ture.

Kantiibaan magaalaa wanti haaraa kun keessatti mul'atees haala sanatti gammaduun, sibiila boca qabu kana kan kaa'an uumama waliin isaanii hin beekamne [alien] ta'uun hin oolu jedhan.

Magaalaasaanii filachuusaaniitti gammachuun akka itti dhaga'ame ergaa dabarsuun, turistoota caalaatti nuuf harkisa jechuun hawwan.

Wanti hawwan garuu hin taane.. Guyyaa afur booda sbiilli kun bakki bu'e dhabame. Hanga har'aatti ibboo ta'ee hafe.

Guyaadhuma Romaaniyaa keessaa badetti wanti boca qabu haaraan qarqara gaara Kaalifoorniyaatti daandii miilaa irratti argame.

Boci sibiilaa asitti argame kun golee sadii qan qabuufi dheerinni isaa tarkaanfii kudhan, bal'inni isaa ammoo meetira sadii ta'a ture.

Inni Kaalifoorniyaatti mul'ate kun isa Yutaah fi Romaaniyaa keessatti mul'ate waliin dheerina walqixa qabaatus bal'inni isaa ni dhiphata.

Sibiilli kun lafarratti hundee jabaa garuu hin qabu waan ta'eef humni cimaan dhiibu galgalchuullee ni danda'a ture. Guyyootaan booda dargaggoonni boca kana diiganiiru.

Daraggoonni deeggartoota Tiraamp ta'an "America First [Dursa Ameerikaaf] ; Kiristoos Mootiidha' dhaadannoojedhu dhageessisaa diigan.

"Eliyaanota seeraan ala Meksiikootii dhufanis ta'an addunyaa biroorraa kan dhufan nuti isaan hin barbaadnu. Biyya kana keessatti Kiristoos mootiidha" jedhan.

Erga sibiila bocaa kana diiganii booda fannoo mukarraa hojjetame bakka sana dhaaban. Ta'us garuu buleesaa sibiilli kun deebiyee dhufe.

Sibiilli boca qabu kun marsaa afraffaa kanaan ammoo Ameerikaa Niiw Meksiikoo keessatti bakka Albukerkii jedhamu bakka konkolaataa dhaabbatan keessattiargame.

Isas guyyaadhuma sana jiraattonni burruusaan reebanii diigan.

Eessa dhufan? Yaada kennaman...

Sibiilnnoo boca qaban kutaa addunyaa garagaraa keessatti mul'atan kunneen maddi isaanii tokko hin fakkaatu. Warraa kaan hunda dura kan mul'ate isa Ameerikaa Yutaah keessatti argame ta'uu hin oolu jedhama. Isa Kaalifooniyaatti mul'ate ammoo artistoota sibiila hojjeanitu qopheesse jechuunis ni shakku. Tarii beeksisaaf kan hojjetan ta'uu danda'aa?

Ta'innaan biraa dubbatamu ammoo, fiilmiin asoosamaa saayinsii walitti fufee 'West World' jedhamu Yutaah keessatti bara 2015 dhiyaate bakka sanatti dhiyootti waraabamuusaatiin walqabsiisu.

Warri fiilmicha hojjetan qoosaadhaaf achitti kan dhiisan ykn galtee fiilmichatiif kan hojjetame ta'uu danda'a jedhu.

Shakkiin biraa ammoo boci sibiilaa waliin isaa hin baramiin kun hojii ogummaa harkaa ta'uu akka danda'an ibsu.

Kanaaf, artistiin tokko Yutaah keessatti erga dhaabeen booda warri itti fufanii dhiyaatan koppiisaa ta'uu danda'u jedhame.

Akkas yoo ta'e ammoo artistiin hojjete eenyudha? Gaaffii jedhus ni kaasa.

Gareen artistootaa 'The Most Famouse Artists' jedhamu kan Yutaah fi Kaalifoorniyaa keessatti mul'ate nuti hojjete jedhanii ture.

Gareen kun marsariitiisaaniirrattis 'Boca Elliyeenotaa dhaabbatu' dolaara kuma 45n gurgurtaaf dhiyeesseera jechuunis beeksiseera.

Haata'u malee, batalumatti Tiraaviis Keeyin fa'aa isa Kaalifoorniyaa osoo ijaatanii suurota agarsiisan miidiyaa hawaasaasaaniirratti baasan. Kun ammoo 'The Most Famous Artists' akka hin hojjetiin ragaa ta'e

Tarii isa Yutaah ture hojjetaniiru ta'aa? Ta'us garuu isa Kaalifoorniyaa jiru kan hojjete isaan akka hin taane baramuu hordofee amantaa dhabaniiru.

Kan biraan isa Yutaah keessatti argamu hojjeteera jedhamee tilmaamamu bara 2011 kan boqote tumtuu maqaan isaa Joon Maakiraakeen jedhama.

Bocawwan namni kun hojjetu sibiilota waliin isaanii hin beekamne kanneen waliin walfakkaata jedhamee dubbatama.

Bocawwan utubaa sibiilaa hojjetus fiilmii 'Space Odyssy' irratt bocawwan fayyadaniif dhiibbaa uumee ture. Artistiin kun uumamawwan waliin isaanii hin beekamne (alien) akka jiran ni amana ture, hojiiwwan isaas akka wantota addunyaa biroorraa dhufan akka fakkaatan gochaa ture.

Gaazexaan waa'ee odummaa harkaa gabaasu tokkos boci utubaa sibiilaa Ameerikaa Yutaah keessatti argame hojii harkaa isaa duraanii waliin wal fakkaata jedhee ture.

Ilmisaa Paatiriik Makikiraak jedhamu ammoo abbaan isaa hojiiwwan harkaasaa gammoojjii onaa keessa dhaabuudhaan namoonni tasa akka argan gochuuf mullata qaba ture jechuun Niiwyoork Taayimsitti himeera.

Ilmasaa qofaa osoo hin taane abbaa qabeenyaa galarii hojii artistootaa qabate Daaviid Ziwiirnar kan Yutaah keessatti mul'ate hojii artistichaa ta'uun isaa falmisiisaa miti jechuun Niwyoork Taayimsitti himeera.

Artistiin kun isa Yutaah keessaa, tarii ammoo isa Romaaniyaa keessatti argames bocee erga du'ee booda ifa akka ta'an qajeelfamoota icciitii kennee ta'uu danda'a jedhamees tilmaamameera.

Haata'u malee, suurawwan utubaa isa Yutaah Daaviid Ziwiirnar itti dhiyeenyaan ilaalee erga gamagammee booda Joon Makikiraaken hin hojjenne jedhe. Sababiin isaa ammoo artistichi bocawwan isaa hojjechaa kan ture harka isaatiin yoo ta'u, boci Yutaah kun garuu kan ijaarame maashinaan waan ta'eefidha.

Hojii ogummaa harka isaa ta'uu akka danda'an ragaaleen baayyeen jiraatanis eenyu ykn eenyufaati hojjete kan jedhu hanga ammaallee hibboodha.

Bocawwan utubaa sibiilaa kutaalee addunyaa garagaraa keessatti mul'atanii deebiyanii dhabamanii kun ammallee sodaafi gaaffii akkuma uumanitti itti fufanii jiru.