Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Utubaan icciitiinsaa wallaalame US Nevaadaatti mul'ate
Amma dura biyyoota adda addaa keessatti mula'tee icciitiinsaa kan wallaalame utubaan guddaan, US gammojjii Nevaadaa keessatti mul'ate. Wanti kun maal akka ta'ee fi eenyu wanta kana duuba akka jiru irra deebiin gaaffii kaaseera.
Utubaan rog-arfeen ofilaaleerra hojjetame fakkaatu kun dheeratee kophaadhuma dhaabata. Utubaa kana kan arge Muummeen Poolisii Laas Vegaas Kaaba sulula Laas Veegaasitti duula to'annoofi baraarsaarra ture.
''Wantootaa adda ta'an hedduu argine...garuu mee waan kana ilaalaa!'' jechuun suura maalummaansaa hiphoo ta'e kanaa miidiyaa hawaasaarratti qoodeera.
Utubaan kun utubaawwan bara 2020 keessa kutaalee addunyaa adda addaa keessatti mula'tanii tureeniin walfakkaata.
Utubaan dheeraan, rog-arfeen, ballaqqisu kun Laas Vegaasirraa sa'aa tokko fagaatee naannoo Gass Peak, bakka namootni miilaan gaara itti bahan(hiking area) mul'ate.
Muummeen Poolisii Laas Veegaas yaada miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodeen ''akkamiin asitti dhufee dhaabate?'' jechuun gaafate.
Utubaan kun fiilmii bara 1968tti hojjetamee fi mata dureen isaa A Space Odyssey jedhu kan Istaanliiy Kabrik daayireekti tolcheerratti mul'atiiniin walfakkaata.
Filmii sana keessatti lubbuu qabeeyyii ijaan hin mul'annee jedhamuun fakkaffeeffaman utubaawwan gurraacha akkasii yeroo dhaaban mul'ata.
Utubaawwan akka amma Nevaadaatti mul'atan kanaa waggoota afur dura kutaalee addunyaa adda addaa keessatti mul'atanii kan beekan yoo ta'u, tokko achuma US, gammoojjii Utahaatti ture.
Wayita sanatti namni utubaa kana jalqaba arge paayileetii hilikooptaraati. Aanga'oonni naannichaa wanta maalummaansaa hin beekamne kanaan bitaa itti galee ture.
Yeroodhuma walfakkaatu Kaalifooniyaafi Ingilish Chaanel keessatti mul'ataniiru.
Ergasii utubaan dheeraan kun maali? eenyutu wanta kana duuba jira? gaaffiin jedhu bal'inaan ka'aa jira. Yeroo ijaan mul'atu bu'aa aartii fakkaatus, qaamni hojii kana duuba jira jedhee dhiyaate takkaa hin jiru.
Ji'oota duras utubaadhumti kana fakkaatu Weelsi keessatti mul'ateera. Achiitti qaamni wanta kana duuba jiru hin beekamne.