Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaamoleen hin beekamne 'UFO' jedhaman samii keessaa jiraachuus, jiraachuu dhiisuus malu
Gabaasni mootummaa US wantoota hin beekamneefi samii keessa balali’an UFO jedhaman ilaalchisuun baase, sochii adda ta’e akka hin agarre garuummoo hin jirus jechuu akka hin dandeenye, anga’oonni miidiyaalee UStti himaniiru.
Hojiin dhimmoota 120 sakatta’uun taasifamaa jiru, teeknooloojiin US hedduu isaanii keessaa akka harka hin qabne ifoomsu jedhamee eegama.
Sanarra darbee garuu, gabaasichi qaamolee hin beekamne (alagaa) akkamiiti isa jedhurratti gamaaggama akka hin goonedha anga’oonni kan himan.
Gabaasni icciitii ta’uunsaa hafe warra seera tumuuf Waxabajjii dhufu keessa akka kennamus himameera.
Gabaasichi firii hojii gareen waraanaa bara darbe hundaa’uun sochii qaamoleen hin beekamne samii US keessatti taasisu jedhamee kurmaana hedduuf haasa’amu adda baasuuf hundaa’erraa kan argamedha.
Ministeerri Ittisaa akka jedhutti, kana gochuun kan barbaachise qaamoleen UAP/UFO jedhamuun beekaman kunneen maal akka ta’an ‘‘haalaan hubachuuf’’ nageenya biyyaalessaa irratti rakkoo fiduu maluu laata isa jedhu adda baasuufidha.
Falmiin qaamoleen UFO jedhaman kunneen hawaa keessa jirumoo lakkii hin jiran jedhu US keessatti yeroo dheeraaf kan ture yoo ta’u, warreen dhimma kanarratti fedhii qaban gabaasichi Koongiresii USf Waxabajjii 25 osoo hin dhiyaatin dura irratti haasa’aa jiru.
UFOn argamaniiru yeroo itti jedhaman
Gabaasa CBS News baatii darbe bakkeen qaamoleen alagaa kunneen itti argamaniiru jedhee dhiyeesseen booda, dhimmichi akka haaraatti mataduree marii ta’eera.
Sagantaa miidiyaa kanaa daqiiqaa 60f turu paayilatoota xiyyaara waraanaa duraanii kan dubbise yoo ta’u, wantoonni isaan argan saffisa cimaa kan qabaniifi haala arganii hin beekneen kan of jijjiiran akka ta’edha kan himan.
Akka paayilatiin sooroma ba’e Riyaan Gireevsi jedhutti, 2014 keessa gareen xiyyaara waraanaa isa waliin balaliisaa ture, UFOn qilleensa balaliif dhorkame naannoo Varjiiniyaa keessa jiru keessa balali’aa akka turan argeera.
Qaamoleen kunneen karaa aarri itti bahu kan hin qabneefi saffisa teeknooloojii hanga yoonaa jiruun argamuu hin dandeenyeen balali’aa turan jedhe.
Akka Abba Gireevsi jedhutti, paayilatiiwwan biroo Qarqara Atlaantiik irra balaliisaa turanis ‘‘guyyaa hunda waggoota muraasaaf’’ wantoota kana argaa akka turan dubbataniiru.
Miseensi dhaaba basaasaa duraanii Luwiis Eelizoondoo ji’a darbe keessa ABCtti akka himetti, ‘‘qaamoleen mul’ataniiru jedhaman kunneen meeshaalee nuti man-kuusa keessaa qabnu kamiyyuu caaluu danda’u,’’ jedheera.
Gaaffiin guddaan, ‘‘maaloodha isaan?’’ isa jedhu yoo ta’u, deebiin isaas, ‘‘waan beeknu tokko hin qabnu,’’ kan jedhu ta’a jedhe.
Ebla 2020 keessa, Ministeerri Ittisaa US viidiyoo ‘‘wanatoota ibsuuf nama rakkisan’’ jedhe agarsiisuuf gargaaran sadii gadhiisee ture.
Sababa itti gadhiisuuf isa kakaase yoo ibsu, wayita viidiyoowwan kunneen 2007 fi 2017 keessa dhoksaadhaan ba’anitti dhugaadhamoo miti kan jedhu irratti oduu ummata keessa tamsa’aa tureef deebii kennuuf akka turedha.