Ministirri Raashiyaa Pirezidant Puutin ari'an du'uun aanga'oota kaan akeekkachiise

Madda suuraa, EPA
Torbeen kun Raashiyaaf diraamaa amanuun nama dhibuun eegale. Wiixata ganamaan Pirezidant Vilaadmiir Puutin Ministira Geejjibaa Roomaan Istaaroovooyit ari'an.
Waaree booda qondaalli kun du'uun dhagahame. Reenfi Istaaroovooyit paarkii handaara magaalaa Moskootti argamu keessatti argame, mataa keessa rasaasaan rukutamaniiru.
Shugguxiin reenfa qondaala kanaa biratti argamuutu himame.
Qorattoonni tarii qondaalli kun of ajjeesanii ta'uu danda'a shakkii jedhuun qorannoo itti fufuu himan.
Maxxansi gaazexaa Mooskootti argamu- Moskovsky Komsomolets jedhamurratti ba'e miira rifannaa uume.
''Roomaan Istaaroovooyid erga Pirezidant Putiin ari'anii sa'atiiwwan gidduutti du'anii argamuun baayyee rifaasisaadha. Taateen akkasii seenaa Raashiyaa keessatti waan addaati,'' jedha maxxansi gaazexaa kanaa.
Taateen akkasii biyyattii keessatti yoom akka mudatee beeku baruuf waggoota soddama dura osoo mootummaan Sooviyeet Yuuniyen hin kufani duratti deebinee ilaaluu qabna.
Yeroo sana ministirri mootummaa of ajjeesaniiru.
Yaalii fonqolcha mootummaa koministoota mata-jaboo ta'aniin gaggeeffamuun fashale booda, Hagayya 1991hooggantoota yaalii fonqolchaa gaggeessan keessaa tokko kan ta'an ministirri dhimma biyya keessaa Boris Pugo rasaasaan of ajjeesan.
Du'uu ministira geejjibaa Istaaroovooyid irratti mootummaan Raashiyaa yaada bal'aa kennuurraa of qusateera.
Dubbi himaa Pirezidanti Vilaadmiir Putiin kan ta'an Dimitirii Peskov ''ministirri keessan erga pirezidantiidhaan ari'amanii sa'atiiwwan gidduutti du'anii wayita argaman hangam rifattan?'' jedhamanii gaafataman.
''Namni nagaan waan kanaan garuu rifachuu dhiisuu danda'a. Eeyyeen nutis rifanneera,'' jedhan.
''Gaaffilee akkanaan hundaaf deebii kennuu kan danda'an qorattoota dhimma kana qabatanii jiranidha. Wayita qorannoon gaggeeffamaa jirutti tilmaama himuun hin ta'u. Kana kan godhu miidiyaa fi leellistoota siyaasaati. Nuyi miti.''
Garuu miidiyaaleen Raashiyaa tilmaama garaagaraa kennaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waan Roomaan Istaaroovooyid mudate taatee bulchiinsa Yukireen daangessitu Kursk keessatti mudatee tureen walfakkeessan.
Qondaalli Raashiyaa kun ministira geejjibaa ta'uun Caamsaa 2024 muudamuu dura waggaa shaniif bulchaa Kursk turan.
Istaaroovooyid bulchiinsa isaa fi maallaqa mootummaan ramade fayyadamuun daangaa bulchiinsa Kursk sararuun dahannoo ijaaran.
Haata'u malee ijaarsi kun bara darbe wayita humnoonni Yukireen naannawa kanatti cabsanii seenan ittisuu hin dandeenye.
Taatee sanaan booda qondaalli Istaaroovooyid booda naannawa kana bulchuuf filataman Aleksii Simirnoov akkasumas Istaaroovooyid jalatti itti aanaa kan turan Aleksii Dedov ijaarsa dahannoo kanaan walqabatee yakka waliin dhahuun hidhaman.
Maxxansi gaazexaa Raashiyaa Kommersant jedhamuu kan har'a ba'e ''Roomaan Istaaroovooyid dhimma kanaan kanneen gaafataman keessaa tokko,'' jedha.
Kana garuu aanga'oonni Raashiyaa hin mirkaneessine.
Garuu erga sodaan himatamuu ministirri duraanii kun akka lubbuusaanii baasaniif sababa kan ta'u ta'ee kun Raashiyaa har'aaf ergaa akkamii dabarsa?
Magaalaa Niwu Yoorkitti kan argamu jaarmiyaa barnootaa The New School jedhamutti pirofeesara Dhimma Idiladdunyaa kan ta'an Niinaa Kiruusheevaa ''taatee kana keessatti diraamaan inni ijoon qondaalli mootummaa olaanaan karaa itti sirnicha keessaa baqatu dhabuun lubbuu ofii balleessuudha,'' jedhan.
''Yoo qorannoon irratti eegalame waggoota kurnaan lakkaa'amaniif mana hidhaatti darbamuu sodaatanii ta'uu danda'a. Sababa kanatti maatiinsaaniis dararamuu sodaataniis ta'uu mala. Kana keessaa ba'uun rakkisaadha. Taatee kana wayitan dhagahe hatattamaan sammuu kiyyatti kan na dhufe, akkaataa qondaalli bara bulchiinsa Istaaliin ministira turan Sergo Ordzhonikidze karaa itti mootummaa harkaa ba'an dhabuun bara 1937 of ajjeesanidha.''












