Gaachana gaafa rakkoo kan jedhamu Agarii Tulluu akkamiin yaadatama?

"Miira sabboonummaa na keessa jirufi ogummaa seenaa gidduu taa'een kitaaba kana barreesse" jedhe Olaanaa Damee.
Sululli aanaalee godinaalee Shawaa Kaabaafi Shawaa Lixaa daangessu Mogor, seenaa qabsoo Oromoo keessatti bal'inaan ka'a.
"Mogor Oromoota naannoo sanaaf dawoofi mandhee goototaati. Namni gaafa roorroon nama dhuunfaarraayis yaa ta'u sirnarraa itti baay'atu garri itti badan yoo jiraate Mogori" jedha barreessaan kitaaba 'Oolmaa Mogor' barsiisaa Olaanaa Damee.
Kitaabni qorannoo seenaa Agarii Tulluufi Badhaadhaa Dilgaasaa irratti xiyyeeffate kun Dilbata darbe magaalaa Finfinneetti eebbifamuun dubbistootaaf dhiyaatera.
"Qabiyyeensaa seenaa diddaa gootota Oromoo sirna cunqursaa kaleessaa keessattuu kan abbaa lafaa (sirna Haayila Sillaasee) fi jalqabbii sirna ADWUI irratti xiyyeeffata" jedha barreessichi.
Dabaluunis "Sababni 'Oolmaa Mogor' jedhameef namoonni kun sulula laga Mogor keessatti kan isaan mandheeffatanii sirna sana diddaa turan" jechuunis hima.
Kitaabni kun fuulawwan 380 kan qabu yemmuu ta'u, boqonnaa jahatti qoodamuun kan barreeffamedha.
Qophiin kitaabichaa waggoota 10 akka fudhates barreessaan kitaabichaa Olaanaa Damee BBC'tti himeera.
Agarii Tulluufi Badhaadhaa Dilgaasaa eenyu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gootota Oromoo ummata Salaalee biratti iddoo bal'aa qabanfi afoolafi seenaan akkaan leellifaman keessaa tokko Agarii Tulluuti.
Agariin ALA bara 1941 aanaa Dagam iddoo yeroo ammaa Leemman Sillaasee jedhamuun waamamutti dhalate.
"Agariin maatii hiyyeessaa keessaa nama dhalatedha. Maatiinsaa sirna fiwudaalaa (abbaa lafaa) keessatti warra abbaa lafaatiif hojjetaa turan" jedha Olaanaa Damee.
Maatiifi namoonni dhiyeenyaan Agarii Tulluu beekan Agariin daa'imummaarraa eegalee amala didaa akka qabu odeeffachuusaas hima barreessichi.
Haa ta'u malee diddaan kun sabboonummaan kan dabaalame erga Agariin gara magaalaa Finfinneetti galee booda akka ta'es kaasa.
"Firri isaanii kan Finfinnee jiru inni (Agariin) akka miseensa Kibur zabanyaa ta'ee qacaramu haala mijeesse. Turtii waggaa tokko boodas miseensa dhaabbii eegduu masara mootummaa Haayila Sillaasee ta'uun hojjechuu eegale" jedha.
Wayita eegduu masaraa ta'ee hojjetuttis Agariin sochii Waldaa Maccaa Tuulamaatti makamuun Jeneraal Taaddasaa Birruufaa waliin walarguuf carraa argate.
Yaalii fonqolcha mootummaa bara 1966n walqabatee Agarii Tulluun namoota afur tarkaanfii dhukaasaa fudhachuuf qophaa'an jedhaman keessaa tokko akka ta'es Olaanaan hima.
Haa ta'u malee yaaliin fonqolcha mootii Haayila Sillaaseerratti yaadame fashaluusaatiin Agariin gara bosonaa Salaalee seene.
"Sirna abbaa lafaa Haayila Sillaaseetiin abbaan lafaa warra 'ciisanyaa' hojjetaniifirraa omisha qixxee hirachuu gaafa eegalan ummanni akka malee boo'uu eegale. Agariin yeroo kana bosona seenee warra abbaa lafaa rifachiise" jedha.
"Ummanni nama akkanaa gaafa argan itti dheeffuu eegalan, odeeffannoos kennuufi eegalan. Gaachana gaafa rakkoo jedhanii Agarii waamuu eegalan" jechuunis hima.
Sochiin diddaa sirna fiwudaalaa Agarii Tulluu godinaalee Shawaa Kaabaa (Salaale) fi Shawaa Lixaa keessa aanaalee jaha ta'an kan walin gahe ture.
Boodarra Agarii Tulluu magaalaa Naqamteetti erga to'atamee booda obbolaasaa lamaan Hirkoofi Jimaa Tulluu waliin ALA 1970 idduma dhaloota isaanii aanaa Dagamitti fannifamanii ajjeefaman.
Badhaadhaa Dilgaasaa immoo ALI bara 1956 godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullallee ganda Buyyamaaf Qo'aat keessatti dhalate.
"Badhaadhni akkuma Oromoota bara sanaa maatii aangoo keessa hinjirretti jiraachaa ture" kan jedhu barreessichi, Badhaadhni yeroo bara Dargii waraanatti makamuu hima.
"Namoonni kana dura yeroo himan 'Badhaadhni humnaan gara waraanaatti geeffame' jedhu. Akka maatiin natti himanittimmoo 'lakki mucaan ofiifuu loltuu ta'uu barbaada, humnaan qabamee hindeemne' jedhu" jechuun hima.
Yaadawwan lamaan kanas walfalmisiisuun akka barreesse barreessichi hima.
Badhaadhni boodarra dhiyeenya kufaatii mootummaa Dargiitti waraana keessaa badee galuun waraana mataasaa ijaarratee sochii taasisuu akka eegale barreessaan kitaaba Oolmaa Mogor, Olaanaa Damee hima.
"Badhaadhni Waldaa Maccaa Tuulamaa keessaa namootaan walhubannoo ni qaba. Namoota hedduunis waan walqunnamuuf dhufaatii Wayyaanee mormuu jalqabe" jedha.
Erga mootummaan ADWUI'n biyya bulchuu jalqabee boodas Badhaadhni mootummaa ADWUI'n wal waraanaa ture.
Boodarras ALI bara 1986 godina Shawaa Lixaa aanaa Ada'aa Bargaatti erga marfamee booda lubbuunsaa darbuu kan himu barreessichi, "akka hiriyoonnisaa hidhaadhaa bahan jedhanitti miila rukkutamee booda rasaasa isaatiin ofiif of ajjeese. Kuun immoo lakkii qaamuma nageenyaa mootummaatu rukkute ajjeese kan jedhanis jiru" jedha.

Qorannoo seenaa ogummaa seenaatiin deeggarame
Barreessaa kitaaba 'Oolmaa Mogor' kan ta'e Olaanaa Damee, kitaabnisaa qorannoo saayinsaawaa bu'uura godhatee kan barraa'e akka ta'e hima.
"Barnoota digirii lammaffaakoo Yunivarsiitii Finfinneetti yeroon baradhu waraqaa eebbaakoo seenaa diddaa Agarii Tulluu irrattin hojjedhe. Qorannoo sana guddisee kan Badhaadhaa Dilgaasaas itti dabalee kitaaba godhe" jedha.
Dabaluunis "Qorannoon kun qorannoo saayinsaawaati. Qorannoo seenaa ogummaa seenaatiin deeggaramedha" jedha.
Seenaa Agarii Tulluufi Badhaadhaa Dilgaasaa barreessuufis maatiifi firoota Agarii Tulluufi Badhaadhaa Dilgaasaa, hiriyootasaanii, ragaalee afoolaa, kitaabilee fi barruulee garagaraa akka maddaatti fayyadamuusaas himeera.
Kitaabni kun ogummaa qorannoo seenaa fayyadamuun kan barraa'e ta'uusaatiin ulaagaa qorannoo seenaa yookiin qorannoo saayinsaawaa guutee kan barreeffame akka ta'es hima.
Dabalataan "miira keessaa baheen barreesse. Kaayyoonkoo dhugaa jiru lafa kaa'een barreesse malee dhaloota keessatti miira wayii uumuu miti" jechuunis himeera.
Barnootasaa digirii jalqabaa mummee barnootaa Seenaafi kunuunsa dabareewwaniin Yunivarsiitii Madda Walaabuurraa akkasumas digirii lammaffaammoo Yunivarsiitii Finfinneerraa mummee barnootaa Seenaadhaan kan eebbifame Olaanaa Damee, yeroo ammaatti Magalaa Finfinnee Mana Barumsaa Yaadannoo Haacaaluu Hundeessaatti barsiisaa seenaa ta'uun tajaajilaa jira.















