Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US murtee UN Gaazaatti nagaan akka bu'u gaafatu yeroo 6ffaaf mormite
Ameerikaan aangoo sagalee sagaleen kuffisuu qabdu (veto power) ishee fayyadamuun wixinee murtii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan silaa Gaazaa keessatti dhukaasa hatattamaa, haal-duree tokko malee akka dhaabbatu gaafatu yeroo 6ffaa kuffifte
Wixineen murtii miseensota mana maree nageenyaa 15 qabu kun dararaan waraanaa Gaazaa yeroo dhumaatif, akka xumuramu, lammileen butamanii jiran akka hiikamanii fi daa'immaanif haadholee Gaazaa beelaafi boombiin waxalamaa jiraniif furmaatni abdii tokko akka kennamu kan gaafatudha.
Wixineen kana miseensota 15 keessaa 14 deggeruun sagalee kennaniiru.
Ameerikaan garuu aangoo sagalee isheen sagalee 14 jiran kana kuffisuu qabdutti fayyadamuun yaada waraana Israa'elii fi Hamaas gidduutti gara waggaa lamaaf gaaga'ama guddaa geessisaa jiru kana dhaabuuf sagalee kennuu diddeetti.
Waamichi kun kan dhiyaatee yeroo 6ffaaf yoo ta'u yeroo ja'anuu Ameerikaan deeggaruu didde.
Kun ammoo yeroo itti Israa'el tarkaanfii waraanaa ishee Gaazatti cimsitee jirtuu fi lammileen filisxeem haalli hammaataa keessaa jiranitti darbees waajjirri gargaarsa namoomaa UN, magaalaa Gaazaa keessatti deeggarsi qaqqabaa hin jirretti ta'uu ibsetti warani akka dhaabatuuf sagalee kennuu diduun adda taasisa.
Itti aanaan ergamaan Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa Morgan Ortagus akka jedhanitti haalli kun Hamas balaaleffachuu ykn mirga Israa'el ofirraa ittisuuf qabdu beekamtii kennuu keessatti ijjannoo cimaa hin mul'ifnee jedhan.
Kanaaf waltajjii addunyaa irratti Israa'elii fi michuu ishee cimtuun yeroo kamiyyuu caalaa adda baafamanii kan mul'ataniif murteen US kun kanuma eegamu ta'uu dubbatan
''Hamaas balaaleffachuu ykn mirga Israa'el ofirraa ittisuu qabdu beekamtii kennuu dhabuun, seeneffama sobaa Hamaas kan nama gaddisiisu mana maree kana keessatti akka harkifamu ta'uun isaas dogoggoraan seera qabeessa taasisa," jechuun yaada kennan
Sagalee kennameen boodas miseensonni UN saffisaan deebii kennanii mufannaa isaanii ibsaniiru.
UN'tti Ambaasaaddarri Filisxeem Riyaad Mansuur murteen Ameerikaa kun ''baay'ee kan nama gaddisiisu fi kan nama dhukkubsu'' jechuun ibsan.
Itti dabaluunis Manni Maree Nageenyaa ''gocha hammeenyaa kana keessatti gahee isaa isa sirrii akka hin taphanne murteen Ameerikaa kun dhorkeera'' jedhan.
Ambaasaaddarri Paakistaan Asim Ahmad sagaleen kun ''yeroo dukkanaa'aa mana maree kana keessatti'' jechuun ibsaniiru.
"Addunyaan ilaalaa jirti. Iyya daa'imman Gaazaa garaa ni nyaachuu qaba" jedhan.
Ambaasaaddarri Aljeeriyaa Amar Bendjama ummata Filisxeem dhiifama gaafate.
"Obboleewwan Filisxeem, dhiifama nuuf godhaa" jedhan.''Sababiin isaas addunyaan waa'ee mirgaa dubbatti, garuu Falasxiinotaaf dhorkadha. Tattaaffiin keenya, carraaqqiin keenya guddaadha, Garuu gimbii diddaa kana diiguu waan dadhabeef dhiifama nuuf godhaa."
Sagaleen UN yeroo dhiyoo kun kan kenname hoggantoonni addunyaa Yaa'ii Waliigalaa UN irratti walitti qabamuu isaanii guyyoota muraasa dura kan Gaazaan mata duree guddaa ta'uu fi UK dabalatee michoonni Ameerikaa ijoo ta'an mootummaa Filisxeemiif beekamtii ni kennu jedhamee eegama ture.
Gaazaatti haleellaa lubbuu namaa galaafatu itti fufee jiru gidduutti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman haleellaa lafoo bifa haaran erga guyyaa 3ffaatii deemaa jiruun ajjeechaan iti fufeera.
Dubbi himtuun waajjira gargaarsa namoomaa UN Olga Cherevko BBC'tti akka himtetti haalli magaalaa Gaazaa ''balaa guddaa gadi rooburraa adda miti'' jedhan.
Waraanni Israa'el haleellaa Hamaasiin durfamu Onkoloolessa 7 bara 2023 kibba Israa'el irratti raawwateef deebii kennuudhaan Gaazaatti duula kan jalqabde yoo ta'u, namoonni gara 1,200 ta'an ajjeefamanii, 251 ammoo butamaniiru.
Ergasii haleellaa Israa'el Gaazaatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 65,141 du'uu ministeerri fayyaa naannichaa beeksiseera.
Ministeerichi akka jedhutti hanga ammaatti namoonni biroo 435 yeroo waraana kanaa sababa hanqina nyaataa fi beelaan du'aniiru.