Tiraamp murteen Baayiden Itoophiyaarratti yeroo Waraana Tigraay dabarsan akka itti fufu ajajan

Ajaja hojii raawwachiiftuu pireezdaantiin Ameerikaa duraanii Joo Baayiden waa'ee waraana kaaba Itoophiyaa ilaalchisee Itoophiyaa irratti dabarsani ture pireezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp akkuma jirutti akka itti fufu murteessan.

Ajajni hojii raawwachiiftuu torban kana keessa pirezidaanti Tiraamp mallatteessuun akka itti fuufu taasisan kunis yeroo waraanni Kaaba ItoophiyaaTigiraay fi bakkeewwaan biroo keessatti babal'atee yaaddoo guddaa ta'ee turetti, pireezdaantii duraaniitiin hojiirra kan ooledha.

Ajaja hojii raawwachiiftuu qoqqobbii adda addaa kaa'u kan waggaa tokkoof dheerate kun "haalli kaaba Itiyoophiyaa fi naannolee biyyattii waliin walqabatan, kan nagaa fi tasgabbii Ityoophiyaa fi gaanfa Afrikaa akka waliigalaatti balaadhaaf saaxilu, nageenya biyyaalessaa fi imaammata alaa Ameerikaas balaaf yaaddoo keessa galchu'' kan jedhuudha.

Kanarraa kan ka'e ajajni hojii raawwachiiftuu waggaa afur dura Pirezidaantii Ameerikaa duraaniin murtaa'ee fi hoojiirra oolmaan isaa Fulbaana 17, 2025 xumuramu waggaa dabalataa tokkoof akka dheereffamu kan taasifame.

Kunis Ajaja hoji Raawwachiiftuu 14046 jedhamu , kan Fulbaana 17, 2021 bahee, namoota dhuunfaa fi qaamota Pirezdaanti Baayiden waraana kaaba Itoophiyaa keessatti lubbu heddu galafateen wal qabatee sarbama raawwataniiru jedhan irratti qoqqobbii kaa'uuf baheedha.

Ajajni kun namoota waraana dheeressuuf, gargaarsa namoomaa gufachiisuuf ykn dhukaasa dhaabuu danquuf kallattiin itti gaafatamummaa qaban irratti qoqqobbiin akka kaa'amu kan taasisu ture.

Ajajni Pireezidaantichi mallatteesse kun adda durummaan qondaaltota mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraa, akkasumas Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa fi miseensota garee TPLF irratti kan xiyyeeffate ture.

Ajaja bahee kana hordofuun qaama raawwachiiftuu ajaja kanaa kan ta'e Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa, qondaaltota waraanaa Itoophiyaa fi Eertiraa akka hirmaattota waraana kanaatti ilaalaman irratti qoqqobbii kaa'eera.

Ajajni pirezidaantichaa waggaa tokkoof kan turu yoo ta'u, erga baatii Fulbaanaa 2021 keessa ba'e irraa eegalee waggaa waggaan haaromfamaa jira.

Akka seera Ameerikaatti, " Labsiin yeroo muddamaa biyyaalessaa" yeroon isaa erga xumuramee guyyoota 90 keessatti akka dheeratu gaaffii yoo dhiyaate malee akka xumuramutti waan fudhatamuuf, Pirezidaant Traamp ajajni kun akka dheeratu labsuuf Roobii darbe kan mallatteessan.

Ajajni kun yeroo jalqabaaf yeroo bahu mootummaan Itoophiyaa xalayaa mormii barreessee ejjennoo Ameerikaa kanarratti komii akka qabu ibseera.

Waraanni kaaba Ityoophiyaa erga waliigalteen nagaa mallattaa'ee waggaa sadaffaatti dhiyaachaa jiraatus Ameerikaan garuu murtee ishee sana ammallee kan hin jijjirree ta'uu mul'isa.

Hoggantoota waraanaa fi qondaaltota waraanaa Itoophiyaa fi Eertiraa kanneen waraana kaabaa keessatti hirmaatan jedhamanii himataman irratti qoqqobbii kaa'uu bira darbee, Itoophiyaa sagantaa daldalaa Ameerikaa - AGOA - waggootaaf irraa fayyadamaa turte keessaas baasuun ishee ni yaadatama.