"Warri Awurooppaa of eeggadhaa! Arsenaal deebiyeera…" Pirezidant Wiliyaam Ruutoo

Pirezidantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo yeroo waancaa POiriimer Liigii Ingiliz simatetti

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa Pirezidant Wiliyaam Ruutoo

"Akkuma hundi keessan beektan, ani deeggaraa Arsenaal sabboonaadha," jedhan Pirezidantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo ilkaan isaanii akka aannanii addaatu mullisaa waltajjiirraa kokkolfaa haasaa yeroo taasisan.

Pirezidant Wiliyaam Ruutoo jaakkeettii ispoortii halluu diimaa-gurraacha-magariisaa qabu uffatanii ture Waancaa Piriimer Liigii Ingiliz biyyarra naanna'aa jiru Isteet Haawusitti wayita simatan.

"Dhugaadha, waggoonni kurnan lamaan darban nuuf baayyee rakkisaa ture. Caba qalbuu nurra gahaa ture obsa jabduun keessa darbaa dhufne. Arganne, harka galfanne jennee yeroo itti dhiyaannee dhabaa turre dabarsineerra," jechuun hangam akka dheebuun waancaa Arsenaal wagga 20 olii isaan ongeesseeru dubbatan.

Pirezidant Ruutoon gahumsa Arsenaal erga dhiyootii as agarsiisaa jirus quba qabu. Quba qabaachuurrayyu darbanii, egeree Arsenaal waan raaganiyyu fakkaata.

"Dhiyeenya kana Ze Gaanars hordofaa jirra. Akkaataa taphaa ittiin beekaman, ofitti amanamummaan kubbaa bareedaa taphatan, miirri hawwataan sun amma deebiyee mul'ataa jira.

Kanaaf, hiriyyoota keenya Piriimer Liigii Ingiliz keessa jiran, akkasumas guutummaa Awurooppaarra jiran of eeggadhaa, Arsenaal deebiyeeraa," jechuun akeekkachiisan.

Kana dubbatanii booda kolfi masaraa guutuu dhaga'ame. Piredantichi garuu duraan kokkolfaa dubbachaa kan turan amma fuula xiqqoo akka gudunfuu godhanii haala Maanchester Yunaayitid amma keessa jiru dhageeffattootaaf miira gaabbiin ibsuutti darban.

"Maanchester Yunayitidiif baayyee gaddina,…" yeroo jedhan kolfi masaraa keessaa kan duraa caalaa dirrise. Pirezidant Ruutoonis katti jedhee of gadhiisee kolfe waltajjiirraa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miira kolfaa ture keessaa of qabaatuma Maanchester Yunaaytidiifi deeggartoota kilabichaaf jecha jajjabinaa dubbachuu itti fufe.

"Oomaa miti,… uumamuma kubbaa miilaati," jedhe.

Haasaan Pirezidant Ruutoo masaraa mootumaa keessatti yeroo Waancaa Piriimer Liigii simatan taasisan kun buufata televizhinii biyyattii beekamaa Citizen TV irratti erga darbee booda miidiyaalee hawaasaafi kaanirratti hordoftoonni wal harkaa fuudhanii ho'asaniiru.

Pirezidantii Keeniyaa Waliyaam Ruutoo qofa miti. Bulchitoonni biyyaafi namoonni siyaasaa buleeyyii degartoota Arsenaal ta'an hedduudha.

Ministira Muummee Yunaayitid Kingidam yeroo ammaa Sar Kiir Istaarmerii hanga pirezidantii Wuwaandaa Pool Kagaamee, nama siyaasaa Keeniyaa buleessa dhiyeenya du'aan boqotan Raayilaa Odingaatii hanga hogganaa duraanii Al-Qaa'idaa Osaamaa bin Laadenitti deeggartoota Arsenaalidha.

Keeniyaa keessattis Pireidant Ruutoo qofa miti; namoonni siyaasaa jajjaboo baayyeen deeggartoota Arsenaal ta'an jiraachuu gaazezaan biyyattii Pulse Sport gabaaseera.

MM UK Kiir Istaarmer leenjisaa duraanii arsenaal waliin

Madda suuraa, Getty Images

MM UK ko'oommatus Arsenaal daawwachuuf yeroo hin dhabne

Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidam Sar Kiir Istaarmer deeggaraa Arsenaalidha. Bulchaa biyaa waan ta'eef dhimma biyyaafi addunyaa isa ilaallatuun hedduu akka ko'oommatu wal nama hin gaafachiisu.

Garuu ammam ko'oomatulleen yeroo tapha Arsenaal itti daawwatu hin dhabu.

Istaarmer tikkeettii ittiin istaadiyeemii seenuyyu kan wagga dursee bitata.

Ministirri Muummee UK yeroo ammaa kun osoo gara aangootti hin dhufiin dura istaadiyeemii keessa bakka namni hunduu dhaabbatee daawwatu qabateema daawwata ture.

Haata'u malee, erga gara aangoo ministira muummeetti dhufee garuu bakka banaa sana dhaabbatee daawwachuun eegumsa cimaa waan barbaaduuf baasii eegdota ramaduutiin biyyattii miidha waan jedhameef istaadiyeemii Arsenaal Emireetis keessatti bakki addaa akka kennamuuf taasifameera.

Tapha Arsenaal daawwachuun kan isa darbee hin beekne Sar Kiir Istaarmer, uffata Arsenaal pirezidantii duraanii Ameerikaa Joo Baayidaniifiyyu kennaa kabajaa godhee kenneeraaf.]

Kora 75ffaa NATO irratti ture Kiir Istaarmar uffata (T-Shirt) Arsenaal dugda isaarratti lakkoofsa 46 barreessuun pirezidant Baayideniif kan kenne.

Joo Baayiden pirezidantii Ameerikaa 46ffaa waan ta'eef lakkoofsa kana irratti hojjechiisee kenneef.

Pirezidant Pool Kagaameefi Arsenaal...

Pireidantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee deeggaraa Arsenaal beekamaadha. Kagaameen Arsenaal yeroo mo'atu ergaa 'baga gammaddanii', yeroo mo'amummoo komii qabu fuula miidiyaa hawaasaa isaa (X) irrattillee ofatti barreessuun beekama.

Biyyi isaa Ruwaandaanis Kilaba Kubbaa Miilaa Arsenaal waliin michummaa qabdi.

'Visit Rwanda' beeksisni jedhu harka T-shartii uffata Arsenaal irratti barreeffame michuu Turiizimii Arsenaalidha.

Uffanni Arsenaal guyyaa tokkotti addunyaarratti si'a miliyoona 35 ilaalama jedhamee amanamu kun Ruwaandaan akka addunyaarratti beekamtu gargaareera.

Hoggantoota biyyaafi namoota siyaasaa qofa miti deeggartoonni Arsenaal, artistoonni, taatoowwan, barreessitoonni addunyaarratti maqaa gaarii qaban Arsenaal deeggaru.

Taatoo fi barreessaan Ingiliiz keessatti baayyee beekamaa ta'eefi fiilmiiwwan warra akka Black Panther, Get Out, Judas fi kaan keessatti gahee addaa qabu Daani'eel Kaluuyaa deeggeraa Arsenaalidha.

Akkasumas, Biritish keessatti taatoo, piroduusara fi muuziqaan kan beekamu Idiris Elbaa deeggaraa Arsenaal beekamaadha.

Arsenaal gareewwan gurguddoo kubbaa miilaa addunyaa keessaa tokko yoo ta'u, tapha Ingiliiz irratti milkaa'ina guddaa galmeessisuun sadarkaa sadaffaa irratti argama.

Kanaaf, kilabichi deeggartoota guddaa qabaachuun isaa nama hin ajaa'ibu, sana keessas deeggartoonni namoota beekamoo ta'anis baay'eedha.

Namoota industirii bashannanaa, aartiifi atileetiksii keessatti beekamoo irraa kaasee hanga namoota siyaasaafi dhiibbaa uumuu danda'anitti maatiin Arsenaal damee adda addaa keessa jiru.

Atileetiin beekamaa hiddi dhalootasaa Somaaliyaa ta'eefi lammii UK ta'e Mo Faaraanis deeggaraa addaa Arsenaali.

Namoonni hiddi sanyii isaanii gur'aacha ta'es baayyinaan Arsenaaliin akka deeggaran ragaan ni mul'isa.

Dr. Kilaayiv Chiijiyookee Niwoonkaa kitaaba 'BLACK ARSENAL' jedhu keessatti Arsenaal eenyummaa gurraachaa waliin akkamitti akka walfakkaate ragaa waliin agarsiiseera.

Itoophiyaatti, keessumaa lakkoofsi deeggartoota kilaboota Piriimer Liigii gurguddoo sadii—Arsenaal, Maan Yunaayitid fi Chelsii guddaadha.

Akka qorannoo kanaatti yoo qoodaman: %52 Arsenaal, %22 Maanchester Yunaayitid, %8 ammoo Chelsii deeggaru.