Siwiidiin maaliif karoora lammummaa namarraa mulquu labsite?

Siwiidiin namoota nageenya biyyaaf sodaachisoo ta'uunsaanii adda ba'e irraa lammummaa mulquuf karoorsiteetti.

Karoorri kun kan irratti xiyyeeffatu namoota lammummaa lama qabaatanii fi yakka raawwatan irratti yoo ta'u, paartileen siyaasaa biyyattiis karoora kanarratti waliigalaniiru.

Koreen paartilee hundarraa ijaarame tarkaanfii haaraan kun nama karaa matta'aa yookiin sobaan lammummaa argatee fi yakka raawwate irratti fuulleffata jedhe.

Namoonni haala kanaan yakka nageenyaa fi birmadummaa biyyattiif yaaddessaa ta'e raawwatan, kanneen yakki isaanii mana murtii yakkaa idiladdunyaa- ICC dhaan ilaalamuu danda'u lammummaansaanii akka irraa mulqamu koreen kun yaada dhiheesseera.

Biyyattiif yaaddoo ta'aa kan jiran, dhimma garee qindaa'anii humnaan yakka raawwatanii (gangsters) irratti yaada qaamolee mootummaa lakkoofsa xiqqoo qaban irraa dhihaaterratti garuu osoo baayyee hin dubbatin bira darbe koreen kun.

Ministirri haqaa Gunaar Istiroomar Siwiidiin yakkoota jajjaboo kanneen akka ''mankaraarsitummaa balaafamaa ta'e, kanneen qaama mootummaa biyyoota biroo ta'an Siwiidiin irratti hojjetanii fi yakkoota qindaa'an hedduu,'' waliin wal'aansoo qabaa jirti jedhan.

Akka heera mootummaa Siwiidinitti yeroo ammaa lammummaa namaa haquun hin eeyyamamu. Seera kana jijjiiruuf bara dhufu paarlaamaan kora taa'ee sagalee irratti kennuu qaba.

Paartileen morkattootaa Centre-left ta'an Siwiidiin keessatti lammummaa mulquurra ga'uun yeroo dheeraa fudhata jedhan.

Seerri gama kanaan jiru akkamiin hiikamee gara seera haaraatti akka jijjiiramu dubbii jabduudha jedhan.

Paartileen morkattootaa lama yaada lammummaa namarraa mulquu jedhu kana gonkumaa akka hin fudhanne ejjannoosaanii ibsaniiru.

Haata'u malee paartileen amma aangoo harkaa qaban (centre-right) jijjiirama kana deeggaruun yakka biyyattii keessatti akkaan dabalaa jiru to'achuuf kutannoo qaban ibsaniiru.

''Yaad-rimeen dhihaate kun caasaa garee qindaa'uun yakka raawwatan, kanneen lammummaa Siwiidiin qabaatanii garuu ollaa taa'anii nurratti qiyyaafatan irraa lammummaasaanii akka mulqinu waan nu dandeessisu miti,'' jedhan Istiroomar.

Mootummaan Siwiidiin ollaa wayita jedhu Denmaark irratti quba qabaa jira.

Achitti lammummaa mulquun duraanuu danda'ama. Yakki raawwatamu birmadummaa fi dantaa biyyaa kan hubu waan ta'eef.

Mootummaa Siwiidiin keessatti kanneen sagalee caalmaa hin qabne lammummaa biyyattii argachuurratti seerri akka cimu fedhii agarsiisaniiru.

Ministirri dhimma godaantotaa Siwiidiin Johaan Forsel bara darbe qofa namoonni lammummaaf iyyata galfatan 600 ta'an kanneen nageenya biyyaaf yaaddessoo ta'an ta'uu poolisiin bira ga'eera jedhan.

Waxabajjii 2026 booda namni paaspoortii Siwiidiin argachuu danda'u nama waggaa ja'a biyyattii keessa jiraate ta'uu qaba, amma dirqamni waggaa shan.

Afaan Siwiidiin fi aadaa jiruu fi jireenyaa biyyattii baruunis ulaagaa murteessa ta'a.